Carraa hojii uumuufi hudhaaleesaa

Rakkoon hoji dhabdummaa rakkoo biyyoota guddachaa jiranii qofa osoo hintaane rakkoo addunyaa guutuuti.

Baay’ina ummata addunyaa kanaa keessaa harka guddaa kan qabu, saffisaan dabalaa kan jiruufi rakkoo hojii dhabdummaaf kan saaxilaman dargaggoota.

Biyyi keenya Itoophiyaan dhimma carraa hojii uumuurratti xiyyeeffannoo guddaa kennuun imaammataafi tarsiimoo bocuun erga hojjechuu jalqabdee baroota hedduu lakkoofsisteetti. Haa ta’u malee ammallee biyyattiitti rakkooleen hojii dhabdummaa, dinagdee, siyaasaafi nageenyi dhabamuun kanneen ijoo ta’aa jiru.

Itoophiyaa keessatti yeroo baay’ee hoji dhabdummaan akkaataa imaammata ba’eetiin hojjechuu dhiisuun qaamolee hoji raawwachiiftuu, aadaa hojii dhabuun, hojiin malaammaltummaa caasaa hojii uumuu keessa jiru, harkifachuu tajaajila manneen hojii mootummaa keessa jiruufi sababoota biroorraa kan ka’e Itoophiyaatti sadarkaa barbaachisuun carraa hojii hojidhabdootaf uumuun akka hindanda’amne qorannoowwan ni mul’isu.

Oggaa gara Oromiyaatti dhufnu bara bajataa 2014tti lammiilee miliyoona 1.6 ta’aniif carraa hojii uumuun kan danda’ame ta’uu Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa yaa’ii Caffee Oromiyaa tibbana adeemsifamerratti ibsaniiru. Carraa hojii uumame keessaayis miliyoonni 1.3 dhaabbiin yoommuu ta’u, kumni 300 immoo carraa hojii yeeroof uumameedha.

Akka gabaasa Obbo Shimallisitti, guddina hawaas dinagdee ummata naannichaa sadarkaa sadarkaadhaan fayyadu galmeessisanii hiyyummaa hir’isuuf mootummaan naannichaa hojiiwwan misoomaa gaggeeffaman kamuu hirmaannaafi fayyadamummaa dargaggootaa giddugaleessa gochuun bulchiinsi mootummaa naannichaa hojjechaa jira.

Carraa hojii uumame kana keessatti humna nama barateef dursa kennuun eebbifamtoota dhaabbilee BLTOfi yunivarsiitiiwwan adda addaarraa bahan kuma 82 fayyadamaa ta’uunsaanii akka jalqabbii gaariitti kan ilaalamu ta’us; hirmaannaan dubartootaa dhibbantaa 36 qofa waan ta’eef garaagarummaa kana dhiphisuuf irratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu Obbo Shimallis kaasaniiru.

Carraan hojii uumame kun lakkoofsaan baay’ee ta’us baay’ina hoji dhabdoota naannicha keessa jiran wajjin yoommuu walbira qabamee ilaalamu daran xiqqaa waan ta’eef ammallee hudhaalee hojii uumuu faana walqabatan sadarkaa sadarkaadhaan furuudhaan caalaatti irratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Dargaggoonni intarpiraayiziidhaan gurmaa’an bu’aa qabeessa akka ta’aniif sochii taasifamaa tureen liqii qarshii bil.3.086 kan kennameefi deeggarsi walitti hidhiinsi gabaa biliyoonaa kan qarshii biliyoona 15 ta’u akka raawwatames addeessaniiru.

Dabalataanis deeggarsa faayinaansii intarpiraayizootaaf taasifame faana walqabatee akka ibsanitti, intarpiraayizoota seektara manufaakchaaringiirratti bobba’an maashinaroota hojiisaaniif barbaachisu akka argatan gochuuf sochii taasifamaa tureen meeshaalee kaappitaalaa adda addaa qarshii miliyoona 195tti tilmaamamu dhiyeessuun danda’ameera.

Akkasumas tarkaanfii haara manneen baadiyyaa ammayyeessuuf mootummaan labse milkeessuuf maashinoota xuubii hojjetan 93 kan qarshii miliyoona 25tti tilmaamamu bituun dhiyeessuun gara ijaarsaatti akka galan taasifameera.

Haaluma walfakkaatuun dargaggoonni naannichaa carraa hojii argachuu bira darbee abbaa qabeenyaa ta’uun lammiilee birootiif carraa hojii akka uuman gochuuf intarpiraayizoonni 740 gara guddattuu giddugaleessatti akka ce’an taasifamuu Obbo Shimallis ibsaniiru.

Mootummaan kallaattiidhan carraa hojii uumurra namootni ofiisaanitiif carraa hojii akka ummataniif hojiin hubannoo cimsuufi dargaggoota teknolojii faana walitti madaqsuu, dargaggoota abbaa kalaqaa gochuufi sochiin ogummaa dargaggootaa dabaluu baay’inaan bara bajatichaa keessa hojjetamaa kan tureedha. Hojilee hojjetaman kanaan bu’aan hamma barbaadamu dhufuu baatus dargaggootni heddu abbaa kalaqaa akka ta’an caffichaaf ibsaniiru.

Lammii ogummaa qabu horachuun dandeettii carraa hojii uummachuu fooyyessuuf leenjifamtoota idilee kuma 70 simachuun ogummaawwan adda addaatiin akka leenji’an gochuun akka danda’ameefi leenjiiwwan kunniinis beekumsa dilbii hawaasa bira jiru misoomsuufi teknolojiidhaan deeggaruun hojii uummachuuf kan isaan gargaaru ta’uu Obbo Shimallis dubbataniiru.

Waltajjii hayyootni Yunivarsiititii Haramayaa waa’ee aadaa hojiirratti taasisan bu’uureffachuun akka ibsanitti, baay’inni hojidhabdoota naannichaa yerodhaa gara yeerotti dabalaa jira.

Akka yaada waltajjii kanarratti ka’eetti mootummaan naannichaa sagantaa Warraaqsa Dinagdee Oromoo jedhamuu jalqabus rakkoowwan adda addaa, kessattuu rakkoon nageenyaa bitaafi mirgaan, bahaafi lixaan uumame akka boodatti harkifatu ykn dhaabbatu taasiseera,

Yaaliiwwan ‘Warraaqsa Dinagdee’ jalqabamanii turan oggaa akka fakkeenyaatti kaasanis, kan akka Keenyaa Bevereej, Ijaarsa Walaabuu, Geejiba Gadaa kan gara hojiitti galan maqaa dhahaniiru.

Mootummaanis ummataaf hojii kennuuf dirqama qaba, dirqamni kun heera keessatti ifatti barreeffamee jira jedhu haayyotni waltajjii kanarratti hirmaataniifi gaggeessan. Dargaggootni naannoo Oromiyaa amala hojii tuffachuu dhiisuu akka qabanis gorsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 7 Bara 2014

Recommended For You