Kenna tajaajila si’ataa: Dhimma xiyyeeffannaa fedhu

 Ummanni mootummaarra tajaajila si’ataafi qulqulluu argachuuf mirga qaba, hoggansiifi ogeessi ammoo tajaajila ummanni barbaadu kennuuf dirqama qaba. Mootummaan tajaajila si’ataafi qulqullina qabu ummataaf kennuuf caasaaleesaa hanga dakaatti diriirsee hojjechaa jira. akkuma caasaalee mootummaa kanneen keessaa hoggantoonni, hojjettoonniifi ogeessonni tajaajila haqa qabeessa, si’ataafi qulqullina qabu kennan jiran, kanneen imaanaa kennameef nyaatanis hedduudha.

Qorannoo Komiishiniin Farra Malaamaltummaa Oromiyaa Yunivarsitii Naannoo Oromiyaa waliin ta’uun dhiyeenya kana dhiyeesse akka mul’isutti, naannichatti malaamaltummaan sadarkaalee adda addaatti dabalaa jira. Rakkoo kana hir’isuuf hubannoo cimsuu, ittigaafatamummaa mirkaneessuufi kenna tajaajilaa dijitaalawaa gochuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu akka qabuufi malaamaltummaan rakkoo hundaa waan ta’eef qaamoleen hundi walga’anii mari’achuun rakkoo kana hir’isuurratti waliin hojjechuu qabu jechuun yaadni furmaataa taa’eera.

Malaamaltummaan balaa biyyaafi sirnaa rakkoo dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa qaqqabsiisuurra darbee dudhaa hawaasaafi bulchiinsa gaarii waan balleessuuf hundumtuu rakkoo kana wajjummaan furuuf hirmaannaa barbaachisu taasisuu qaba. Rakkoo kana hir’isuun bulchiinsi gaarii babal’isuufi sirni dimokraasii sirriitti akka lafa qabatu taasisuu keessatti gahee olaanaa qabuuf hunduu qooda irraa eegamu sirnaan bahachuu akka qabu eerameera.

Hoggantoonni, hojjettoonniifi ogeessonni waajjiraalee mootummaa keessa jiran marti bakkawwan hundatti haala walfakkaatuun tajaajila ummanni barbaadu kennaa hinjiran. Kanaafuu mootummaan tajaajila haqaqabeessa, si’ataafi qulqullina qabu ummataaf kennuuf yeroo kamuurra xiyyeeffannaa guddaa kenneefii irratti hojjechuu qaba.

Ummanni mootummaarraa tajaajila haqaqabeessa, si’ataafi qulqullina qabu guutummaatti argachaa akka hinjirre, mootummaanis mootummaanis tajaajila ummanni barbaadu kennuurratti hanqina kan qabu ta’uu rakkoo ijoo waltajjiiwwan adda addaarratti ka’aa tureefi jiruudha.

Hoggantoonni, hojjettoonniifi ogeessonni sektaroota mootummaa keessa hojjetan imaanaafi ittigaafatamummaa olaanaa kennameef sirnaan bahataniifi haqaan tajaajilan akkuma jiran kanneen tajaajila madda galii godhatanis jiru.

Torban lama dura tajaajila Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Minilik IIfi biiroowwan Oromiyaa tokko tokko kennan argee taajjabeera. Bakkawwan lamaanittuu haalli ogeessonniifi hojjettoonni tokko tokko itti nama simatan, keessummeessaniifi tajaajilan komii guddaa nama keessatti uuma. “Afaan tolaan afaa tolaa caala” jedha Oromoon. Hojjettoonniifi ogeessonni tokko tokko utuu abbaa dhimmaa tajaajiluu dhiisanii fuuluma ifaafi afaan tolaanillee geggeessaniiyyuu gaariidha.

Abbaa dhimmaa deddeebisuun yeroosaa gubuun, deebii quufsaafi odeeffannoo sirrii kennuufii dhiisuun, iddoo hojiirratti yeroon argamanii tajaajila ummataaf kennuu dhabuun, tajaajila tola kennamuu qabu abbaan dhimmaa qarshii kennee dhimmasaa akka xumuratu taasisuun hojmaata badaa hoggantoota, hojjettootaafi ogeessota tokko tokko biratti mul’atuudha. Gama biraatiin ammoo hoggantoonni, hojjettoonniifi ogeessonni abbaa dhimmaa haqaan, si’aayinaafi qulqullinaan tajaajilan utuun hingalateeffatin hindarbu.

Mootummaan rakkoo kenna tajaajilaatiin walqabatee mul’atu furuuf ittigaafatamtoota, hojjettootaafi ogeessota sadarkaa sadarkaan jiraniifi mirga tajaajila ummataa sharafan kamirrattuu tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu qaba. Ummannis qaamolee mirga tajaajilamuusaanii sarban eeruu kennuun mootummaa bira dhaabbachuu malee tajaajila qarshiin bitachuu hinqabu. Tarkaanfiin qaamolee mirga tajaajilamuu ummataa sharafanirratti fudhatamaa jiru rakkoo kenna tajaajilaarratti mul’atu furuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf cimee ittifufuu qaba. Rakkoo kana furuuf qaamoleen mootummaafi hawaasaas waliin hojjechuu qabu.

Beellama dheeressuun, yeroo abbaa dhimmaa gubuun, miira ittigaafatamummaafi dammaqinaan hojjechuu dhabuun, bakka hojiitti yeroon argamuu dhabuun, bilbila kaasuu dhiisuun, fuula ifaafi afaan tolaan abbaa dhimmaa simachuu dhabuufi odeeffannoo sirrii kennuu dhiisuun rakkoo, ittigaafatamtoota, hojjettootaafi ogeessota tokko tokko biratti bal’inaan mul’achaa jiruudha. Rakkoon kenna tajaajilaan walqabatee mul’atu mootummaafi ummata gidduutti komii waan uumuuf qaamoleen lamaan rakkoo kana waliin furuuf hojjechuu qabu jenna.

 Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 7 Bara 2014

Recommended For You