Bara keessa jirru kana biyyoonniifi namootni barnoota qabu jedhamanii yaadaman soddoomummaa (Homosexual, sodomy) ilaalchisee ilaalchi qaban gartokkee fakkaata. Mirga dhala namaa qofarratti kan xiyyeeffate fakkaata. Gama mirga dhala namaatiin kan leellisan malee rakkoo inni dhalootarratti fidee dhufu, balaa inni akka dhuunfaattis ta’e akka walootti fidu, yakkaafi araada hojii hamaa kanaa wajjin walqabatee jirurratti hubannoo isaan dhalootaaf hiran daran yaraadha.
Tarii soddoomummaan akka biyya keenyaatti rakkoo cimaa miti jennee kan yaadnu yoo jiraannellee dhugaansaa garuu adda. Rakkoonsaa biyya keenya keessas jira. Balaa hamaan kun biyya keenya keessas jira. Namoota hedduu miidheera. Akka biyya lafaattis miidhaansaa danuudha. Dhalootni hedduun utuu hinbeekin ittiin miidhameera.
Miidhaa soddoomummaan fayyaa namaa irraan ga’u dubbachuu irra mirga dhala namaa kan leellisan bara itti baay’atan keessatti waa’ee soddoomummaa hubannoo sirrii qabaachuun daran murteessaadha. Akka namootni siyaasaas ta’e tarii namootni beektota jedhaman akka isaan dubbatan utuu hinta’in soddoomummaan ilmaan namootaarratti miidhaa guddaa nifida.
Sababiinsaas soddoomonni hedduun jireenya ciiggaasisaa kana kan jiraataniifi keessa kan galan machaa’anii yookiinis qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuudhaan akka ta’e nidubbatama. Namoonni kunniin gorsas ta’e barsiisa fayyaa ittifayyadamuuf fedhiifi kaka’umsi isaan qaban daran yaraadha. Gorsaafi barsiisa dhuguma nifayyada jedhanii kan itti amanan utuu hinta’in akkasumaan bu’aa kan hinqabne, dhiibbaa yookaan jijjiirama jireenyasaanii irratti kan hinfidne, ofiisaaniitii sirrii waan ta’aniifi barsiisni yookaan gorsi akka isaan hinbarbaachisnetti of fudhatu.
Akka yaadanitti isaanirratti jijjiirama fiduun, akka isaan waliin hinjiraanne gochuun, walitti harkifamuurraas isaan oolchuun kan danda’amu namoota korniyaa faallaa ta’an walfuudhan akka isaan walitti hinharkifamne, akka abbaa warraafi haadha warraatti akka isaan hinjiraanne gochuun yoo danda’ame qofa jireenya soddoomummaa keessaa nu baasuun danda’ama jedhanii yaadu.
Haa ta’u malee soddoomummaan namoota balaa hedduuf saaxila. Dhukkubni hedduun sababa soddoomummaaf isaan qofa miidhu, isaanitti hammaatus hedduudha. Addumaan namoonni soddoomota ta’an dhukkuba tiruu hamaa “hepatitis B” jedhamuun baay’inaan akka miidhaman nidubbatama.
Fakkeenyaaf dhukkuba kanaan soddoomota magaalaa armaan gadii keessatti miidhamanii jiran gabaabaatti haa ilaallu. Magaalaa biyya Ameerikaa Saan Firaansiiskoo jedhamtu keessaa dhibbantaa 70-80, Denveritti dhibbantaa %29, Niw Yorkii %66, Toroontoo keessa %56fi kkf akka ta’e qorannoon dhukkuba kanarratti godhame ni ibsa. Lakkoofsi namoota kanneenii magaalota kanneenitti daran xiqqaatus namoota kaan caalaa dhukkuba kanaan akka dararaman qorannoon kun ni mirkaneessa.
Darbees dhukkuboota adda addaa kanneen akka dhukkuba mar’imaanii (gay bowels syndrome ykn intestine track), dhukkuba sombaa (tuberculosis), copxoo, ‘HIV/ AIDS’f akka saaxilaman qorannoon jiru nimirkaneessa. Namoonni soddoomota ta’an sababa maashaan teessumasaanii laafuuf (anal loose, sphincter muscle loose) boolii to’achuu hindanda’an.
Kanaaf akkuma daa’immanii daayiparii (daa’imman akka booliin of hinballeessineef gonnoffee itti hidhamu) godhatanii fayyaa fakkaatanii namoota keessa deemaniifi dhibee fiixee mar’imaan (lower rectum tear) jedhamuuf akka saaxilaman beekamaadha.
Namoota soddoomota ta’an warra soddoomota hintaane wajjin yoo wal bira qabnu soddoomonni namoota kaanirra %84 oliin cawee teessuumaatiin (anal cancer), cawee harmaatiin (breast cancer) ammoo %33 oliin, waliigalatti namoota biroorraa %8.5 oliin dhukkuba kanaan niqabamu. Kana qofa osoo hinta’in hangi %78 ta’an dhukkuba saalaatiin nimiidhamu. Soddoomonni %25-33 ta’an machooftota. Harki 73 ammoo raawwatanii jireenyasaanii keessatti gammachuu kan jedhamu hinqaban.
Miidhaan gama soddoomummaan jiru dhukkuba qofa utuu hinta’in rakkoo hedduu fidee dhufa. Rakkoolee kanneen keessaa tokko yakka. Waggaa dhiyoo dura barruun biyya kana keessatti maxxanfamu tokko yakka hamaa hojjetaa baankii biyya keenyaa nama ta’e tokko irra rakkoo ga’e barreessee ture.
Yakki kunis akka lakkoofsa addunyaatti Caamsaa 25, 2009 yeroo ta’u, yakka nama kanarratti soddoomotaan raawwatame akka armaan gadiittii kaa’a. Namni kunis hojiitii ba’ee kan inni taaksii qabatu naannoo Uraa’el jedhamutti. Gaaf tokko garuu mucaan durbaa tokko utuu inni taaksii eeggatuu konkolaataa oofaa dhuftee cina isaa dhaabuun harka facciftee waamtee “Hanga as dhaabattu kottu sin geggeessaa” jetteen.
Innis konkolaataa isheetiin naannawa manasaatiitti gaafa dhiyaatu konkolaataa ishee irraa bu’ee taaksii kan biraa eeguu irra akka waliin dhaqanii mi’a mana ishee buusaanii manaan isa geessu ibsiteef. Erga isheen gargaaruu barbaaddee diduu sodaate. Isa isheen jette irrattis waliigalee deemsa gara mana isheetti eegalan. Konkolaataa isheetiin mana namootaa gidduu adeemuun mooraa tokko cina geessee yeroo isheen sagalee fiinoo konkolaataa isheetii dhageessistu hatattamaan balballi keellaasheetii baname. Saniin booda namoonni lama hatattamaan namicha bira ga’uun inni tokko afaan isaa ukkaamse inni kaanis marfee hadoochaa hirree harka isaa irra waraane.
Innis yerosii eegalee of wallaale. Yeroo sanaa qabee kan of bare halkan naannawa Qacanee jedhamutti gatamee ture. Bilbila sochootuu inni qabus jalaa fudhatanii miliqan. Kanaaf namatti bilbilachuu hindandeenye. Wayyaan naannawa teessumasaatii dhiigaan kan xoolla’e, qaamnisaas raawwatee kan butute ture.
Achumaanis boo’icha guddaa, gadda guddaafi dhiphina guddaa keessa seene. Waan irratti raawwatames namatti himachuuf niyeella’e. Mana yaalaa dhaquufis nisodaate. Namoonni maal naan jedhu jedhee sababa yaadeef rakkoo kana keessatti nama gargaaru argachuu hindandeenye. Maatii irraa fagaatee waan jiruuf gargaarsa hinarganne. Dirqisiifamee gudeedamuu qofa utuu hinta’in qabeenyi isaas saamameera.
Egaa soddoomummaan yakkaaf karaa kan banu diina dhalootaati. Daa’immanii eegalee hanga isa beekaatti miidhaa hedduuf kan saaxilu amala hamaadha. Akkuma armaan olitti ilaalle baay’een dirqisiifamanii gudeedamaniiru. Namoota hedduurras rakkooleen gara garaa ga’eera. Qorannoon gama kanaan taasifaman akka addeessutti soddoomonni yakka dalagan mee akka armaan gadiitti haa ilaallu. Magaalaa New Yorki jedhamu keessatti namoota nama ajjeesan keessaa dhibbantaa 50n soddoomota yommuu ta’an, dhibbantaa 50 ammoo immoo of ajjeessu.
Ameerikaa, Magaalaa Saan Firansiskoo jedhamtu keessatti namoota akkumasaanii soddoomota ta’an irratti erga qunnamtii saalaa raawwatanii booda kan achumaan ajjeesan dhibbantaa 37 ta’uun beekameera. Namoonni dhibbantaa 73 caalan umuriinsaanii 40fi isaa ol ta’us dargaggootaafi mucoolii waggaa 19 gadii wajjin jireenya soddoomummaa niraawwatu. Warra kaan horiidhaan gowwomsanii, kaanis dirqisiisanii gudeeduun miidhamaafi dhikkuboota adda addaatiif saaxilaa jiru.
Darbees gama qaama mootummaan yoo ilaalle soddoomonni lakkoofsaan xiqqoo ta’an waliisaanii reebuun namoota saala faallaa walfuudhan akka caalan argina. Fakkeenyaaf lakkoofsi soddoomotaa baay’ee xiqqoo yoo ta’ellee waamicha poolisiif ta’u keessaa dhibbantaa 50 soddoomota walreebanin akka ta’e beekameera.
Walii isaanii ajjeesuudhaan namoota saala faallaa waliin jiraatanii faana yoo walcina qabnu si’a dhibba tokkoo ol caalee argama. Darbees dubartoota jireenya warra soddoomaan jiraataan dhibbantaan 21 namootaan ajjeefamu. Soddoomonni balaa konkolaataatiif baay’inaan saaxilamu. Namoota biroo wajjin yoo walcina qabnu si’a 534 caalu. Balaaf saaxilamuunsaanii guddaadha.
Namoonni gocha kana keessatti hirmaatan kunniin dhukkuboota adda addaa kanneen akka ‘HIV/AIDS’ babal’isuu keessatti dhibbantaa 50 ol ta’u. Shororkeessummaa akka “ACT Up”, “Grand zero” jedhaman jajjabeessuu keessattis ga’een soddoomotaa guddaadha.
Darbees safuu kan hinbeekneefi jireenya gadi dhiisii guddaa keessa jiraatu. Fakkeenyaaf namoota soddoomota ta’an keessaa dhibbantaan 41 mana boolii ummataa (toilet) keessatti qunnamtii saalaa raawwatu, dhibbeentaan jaatamni (60%) mana ummanni keessatti dhagna dhiqatutti (shower) hojii xuraa’ummaa kana raawwatu. Isaan kun namoota akka isaanii soddoomota ta’an garuu kanaan dura wal hinbeeknee wajjin qunnamtii saalaa raawwatu. Hojii ciiggaasisaa kana keessa namoonni jiraatan dhibbantaan 64 baala sammuu namaa hadoochutti fayyadamuun jireenya hamaa kana keessatti hirmaatu.
Walumaagalatti namootni hedduun, geggeessitoota biyyaafi beektotni gara garaa soddoomummaan akka rakkoo hinqabneefi akka mirga dhala namaatti ilaaluuf namootni kan biraas akka ilaalaniif yoo yaalii godhanillee balaansaa salphaa miti. Namootni jireenya akkasii keessa jiran miidhaa cimaaf saaxilamoodha. Haa ta’u malee keessaa ba’uun nidanda’amaa? Isa kana maxxansa keenya dhufu keessatti ilaalla.
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 30 Bara 2014