Seenaa gabaabaa Barreessaa Masqaluu Baalchaa (Badhaafamaa bara jireenyaa)

Bara 1943 Arsii, Aanaa Heexosaa, bakka Quciraa Yeemboo jedhamutti dhalate. Barnootasaa sadarkaa 1ffaa (1ffaa-8ffaa) Mana Barnootaa Ligaabaatti, kan sadarkaa 2ffaa (9ffaa-11ffaa) Mana Barnootaa Raas Dargeetti yommuu baratu. Kutaa 12ffaa Waldaa Barsiisotaa Biraanii Zarenewu Itoophiyaa jedhamutti barate.

Bara 1964 tti immoo Dhaabbata Leenjii Barsiisotaa Kotobeetti barsiisummaa sadarkaa duraa leenji’an.

Muuxannoowwan hojiisaanii yommuu ilaallu:

  • Kutaa Biyyaa Sidaamootti, Aanaa Darasaa gaafasii (kan har’a Geedi’oo) jedhamutti mana barnootaa Qootiitti barsiisaa turaniiru.
  • Godina Arsii, Mana Barnootaa Kofalee Gobbeetti barsiisaa turan
  • Godina Arsii, bulchiinsa Aanaa Zuwaay Dugdaa keessatti tajaajilaniiru
  • Godina Arsii, Mana Barnootaa Itayyaatti barsiisummaan

Barsiisummaa booda turtiin hojii miidiyaasaanii immoo:

  • Qopheessaa Ittaanaa qophii raadiyoo
  • Raadiyoo Laga Daadhiitti qopheessaa qophii bohaartii Sanbataafi Dilbataa
  • Dursaa qopheessaa sagantaa Raadiyoo
  • Raadiyoo Faanaa Sagantaa, Afaan Oromoorratti qopheessaa sagantaa maatiifi barnootaa
  • Biiroo barnootaa Oromiyaatti:
  • Ogeessa pirodaakshinii sagantaa raadiyoo, barnoota raadiyoorratti buufata raadiyoo shan irratti qindeessaa qopheessitootaafi leenjisaa
  • DhRTVO keessatti;
  • Ogeessa pirodaakshinii
  • Ogeessa karooraa sagantaa raadiyoo
  • Badhaasota adda addaa qaamolee adda addaarraa kna gonfate
  • Hojiiwwan akka diraamaa gaggabaafi taphoota garaagaraa TV fi raadiyoodhaan kan dhiyeesse.
  • Hojiilee ogbarruu ilaalchisee
  • Gaazexoota adda addaarratti barreessaa turan (fkf Kallachaa, Bariisaa…)
  • Kitaabilee Afaan Amaaraan, sadii maxxansiisaniiru
  • Afaan Oromoon kitaabilee kanneen akka:
  • Nooruu Mootii Qubee
  • Siidaa Ogbabaraa
  • Malkaawaa Barnootaa
  • Mootii Qubeefi Kumee Kumaatamaa
  • Waldaa Barreessitoota Oromiyaa hundeessuu keessatti gahee kan taphataniifi yeroo ammaa kana Magaalaa Finfinnee jiraatu.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 30 Bara 2014

Recommended For You