Guddinni dinagdee bu’uura amansiisaa akka qabaatuuf argannoo odiitif xiyyeeffannoo kennuu

Biyyi keenya gama hundaan jijjijiirama keessa jirti. Dameelee jijjiiramichaan xiyyeeffannaa argatan keessaa immoo tokko sektara dinagdeeti. Dinagdeedhaan guddachuun biyyaas ta’e lammii qabatamaadhaan akka mirkanaa’uufi mul’atuuf bu’uurasaa cimsuun daran murteessaadha.

Kunis mootummaa jijjiiramaatiin xiyyeeffannaa argatee, koreen dinagdee maakroo damicha finiinsu kan Ministira Muummee Abiyyi Ahmadiin (PhD) erga hojiitti seenee bubbuleera. Kanaanis bu’aalee gaariin lakkaa’amuu danda’an galmaa’aa jiru. Kanaafis omisha qamadii bonee kaasuun ni danda’ama. Biyyattiin waraana, ongeefi dhabiinsa tasgabbii keessa teessee qamadii omishuun nyaataan of danda’uunshii waan guddaadha.

Kun egaa bu’aa tattaaffii walirraa hincinnee ta’uun beekamaadha. Faallaa kanaatiin immoo qaamni tokko dinagdee biyyaa guddisuuf halkanii guyyaa boqonnaa malee yoo ifaaju, xiyyeeffannaa barbaachisu kennuu dhabuurraa kan ka’e bajata ramadameefirraa kaasee gochoota dinagdee ittidhama’amaa jiru hunkuteessu ykn duubatti deebisu oggaa raawwatu mul’ata. Kanaaf inni tokko gararraadhaa dinagdee guddisuuf dhama’aa inni kaan qaawwa uume waan itti dhama’amaa jiru kana karaa jalaa yaasa taanaan dubbiin bakkuma jiranitti deemuu waan ta’uuf qalbii guutuudhaan irratti hojjechuu feesisa.

Isa karaa jalaa qaawwa uumee waanti karaa gubbaa itti naqamu akka yaa’u taasisuun walqabatee argannoo odiitii Manni Hojii Odiitara Muummichaa Oromiyaa gabaasasaa dhiyeenya kana Caffee Oromiyaatiif dhiyeesse akka agarsiistuutti fudhachuun ni danda’ama. Gaazexaan Bariisaa akkuma yeroo adda addaatti gochaa ture maxxansa kanaanis gabaasicha ilaalchisee waan waltajjicharraa argate akkan ittaanutti qindeessee dhiyeesseera.

Manni Hojii Odiitara Mummichaa Oromiyaa bu’uura Heera Mootummaa Naannicha irratti hundaa’ee labsii Lakkoofsa 154/2002 keewwata 7 keewwata xiqqaa 1-20 jalatti bajata Caffeen wagga waggaan ragga’u seerota bulchiinsa faayinansiifi qabeenya naannichaa hordofuun haala dinagdawaa, si’aayinaafi bu’aa qabeessa ta’een dhimma karoorfame qofaaf ooluusaa odiitii seera qabeessummaa gaggeessuun gabaasa walabaafi amansiisaa ta’e Caffeef akka dhiyeesuu aangoofi gaheen hojii kennameeraaf.

Bu’uuruma kanaan, barana tajaajila odiitii gaggeessuun, bu’aa argannoowwan akaakuu odiitii adda addaa mana hojii odiitii ta’aniif yaada odiitiifi fooyya’iinsa qaamolee dhimmi ilaaluuf dhiyeessaa tureera. Haaluma kanaan karooraafi raawwii bara 2014 akaakuuwwan odiitii adda addaa hojetamaa ture keessatti argannoowwan odiitii guguddoo Caffeen xiyyeeffannaa addaa itti kennee kallattii kaa’uu qaba jedhee itti amanameefi kallattiin karoora hojii mana hojiichaa bara bajataa 2015 akka armaan gaditti dhiyaateera.

Raawwii karoora bara bajataa 2014

Bara bajataa kana keessa manneen hojii 605 irratti odiitii akaakuuwwan adda addaa gaggeessuuf karoorfatee odiitiin manneen hojii 613 (%101.32) raawwachuu ibseera.

Raawwiin karooraa akaakuuwwan odiitiin yeroo ilaalamu;

Lakk. Gosa odiitii K a ­roo­ra Raaw­wii Raawwii % dhaan
1 Odiitii Faayinaansiifi seera qabees­summaa 444 461 103.8
2 Odiitii intiri­imii (2014) 97 96 99
3 Odiitii addaa 34 25 73.5
4 Odiitii raaw­wii 25 26 104
5 Odiitii Naan­noo 5 5 100
D i m s h a a s ­haan 605 613 101.32

KutaaQophiitiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 30 Bara 2014

Recommended For You