“Leenca riphe qamaleen waan rafe seeti” jedhe Oromoon; Aangoon dhiiga ilmaan Oromoo kumaatamaan dhufe isa itti dhiigee fideef injifannoo cululuqaa warqii caaludha; isa taa’ee barcuma hawwuufimmoo waan dhiichisaafi sirbaan dhufe itti fakkaatee sirbaan barcuma qabachuuf lafa dhiita.
Qabsoo murna Wayyaanee hundeedhaa buqqisuuf taasifamaa ture keessatti wayita Oromoon addasaa rasaasaaf kennee qabsaa’aa turetti kaanimmoo gola taa’ee feesbuukiidhaan dubbii hafarsaafi baacaa ture.
Wareegamni qaaliin kaffalamee Oromoon ilmaansaa qaaliifi hayyoota itti wareegee wayita injifannicha dhandhamuu eegalutti kanneen injifannicha saamuuf kaka’an kumaatama.
Waa’ee injifannoo seenaaf dhiisnee tibbana ministirri muummee Itoophiyaa miidiyaarratti himmul’anne jedhamee baay’onni jaalala hogganaasaaniif qabanirraa ka’uun garaa qulqulluudhaan dhiphichaafi yaadda’aa; faallaa kanaan ammoo gariin lafa dhiitaafi gumgumaa haaluma waantisaa hinbeekamneen akka waakkoo asii achii waanuma ittifakkaate darbachaa ture.
Kan waa’ee hogganaasaaniifi biyyaa yaada qulqullummaarraa maddeen isaan dhiphiseefi yaachisee dhiisnee kan warra faallaa kanaan dhaabataniitti yoo deebine akkasaatu dhibe; mul’atasaatu jalaa bade malee osoo danda’ameefii waan abjootan halkan tokkotti milkeeffachuuf munyuuqqiin taasisaa turan waan ajaa’ibaati.
Aabba ija walirra buusnaan kan rafan seetee niitiin kiisii harka keesse. Aabboonis ija saaqqatanii maal barbaadda jennaaniin ijoolleetu seena jedheen ilaalaan jira jette.
Jaarsis barana xinnaanis guddaanis nama seenuu barbaada. Ijan walirra buufadhe malee hinrafne. Hamma namaa ilaaluuf atis ijoolleenis ijoolluma jedheen jedhama.
Sirni Itoophiyaan ittiin bulaa jirtu Ministira Muummee tokkoon haa durfamu malee injifannoo dhiiga ilmaan Oromoo kumaatamaan dhufe waan ta’eef sirnich garaagarummaa tokko malee qeerroofi qarree kumaatamaan kan tikfamu ta’uu eenyuyyuu dagachuu hinqabu.
Kanas mudannoowwan Itoophiyaan mootummaa haaromsaa kana keessatti keessummeessaa turterraa hubachuun nidanda’ama.
Ministira Muummee ta’uuf otoo karaa dimokraatawaa qabsaa’uun dandahamuu qaxxaamuraan waliindha’uun ykn haala mijataa barbaadanii hokkora uumanii waa’ee barcumaa yaaduun garuu alseerummaa gatii nama kaffalchiisuudha.
Isa kanaafimmoo shira diinni xaxeen injifannoon Oromoo akka sakaalamuuf finxaaleyyiin walijaaranii aangoof gururi’an tibbana mul’achaa turaniiru.
Ija walirra buusuun rafuu miti, takka takkaas callisa keessatti ykn of dhoksanii hojii hojjechuun mallattoo namoota ga’umsa qabanii akka ta’e dagachuun hinbarbaachisu.
Maaliif yoo jettan callisa keessatti guyyaan galateeffannaa taasifamuu akka qabu kallattii taa’een dhaabbileen amantii, dhaabbileen mootummaafi mitmootummaa gara garaa galateeffannaatti taa’aniiru.
Iccitiinsaa maali, jennee yoo ilaalle warra sirbaafi dhiichisaan aangoo qabachuuf wixxifatuuf abjuu hiika dhabee nyaannamoo nyaatamna jedhuun raata’aa jiru.
Itti seenanii ilaaluuf humnatu hinbaasne, callisanii afaan qabatanii taa’uuf onneen hindu’u akka warra galeefitti galateeffachuufimmoo faallaa milkaa’ina Itoophiyaa waan ta’aniif garaatu isaan dide.
Egaa mul’ata dukkanaa’aa akkasii keessa taa’anii ol qabanii dubbachuurra karaa feesbuukii kana, sana jedhanii jette jettee afarsaa turan.
Warri iccitiin galateeffannaa galeefiimmoo ejjennoo, Itoophiyaan haa galateeffatu jedhuun milkaa’ina biyyattiin qormaata hadhaa’aa keessa teessee galmeessite tokko lamaan lakkaa’uun galateeffachuutti jiru.
Milkaa’inoonni Itoophiyaan qormaata keessatti galmeessite maal fa’i isa jedhu oggaa ilaallu pirojektonni guguddoon akka biyyaatti qabaman yeroofi qulqullinasaanii eeggatanii xamuramaniiru, xumuramaas jiru.
Guutinsi hidha guddicha laga abbayyaa marsaan 3ffaas haala gaariin milkaa’uusaa, injifannoo atileetonni addunyaarratti argamsiisan, guddina dinagdee biyyattii dabaluu, qamadiin alaa galu ture hafuun alergiif of ga’uu, takkaan tarkaanfii murnoota Alshabaab irratti fudhatameen injifannoo argame maqaa dhahuun nidanda’ama.
Kanamalees waldhabdee akka biyyaatti hudhaa ta’ee jiru karaa nagaa furuuf sochii taasifamaa jiru haala gaariirra jiraachuu eeruun nidanda’ama.
Egaa bu’aalee Itoophiyaan qormaata keessa taatee galmeessisaa jirtu osoo nagaan jiraatee kanaa ol akka ta’u hubachuun galateeffannaan kun gaggeeffameera.
Dhimma yeroo yoo ta’een ala kanneen moran sagal naanna’anis Itoophiyaan imala jijjiiramaa eegalate milkeessuuf akka duubatti hinjenne beekuun barbaachisaadha.
Kanas ta’e sana ministira muummeen tokko ta’us sirna sana kan tiksu isa itti dhiigee fide hamma ta’etti abbichuuwwan kumaatama akka jiranis dagatamuu hinqabu.
Hundaafuu jirra!
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 30 Bara 2014