Harmeef mana ijaaranii eebba fudhachuu

Haati (harmeen) waa hunda. Ji’a sagal garaatti baattee, erga deessee ammoo dugda (qomatti) baachuun oolmaan ishiin dhalashiitiif ooltu tarreeffamee hindhumu. Yoo dhallishii dhukkubsate wajjin aadaa, otoo hinyaatiin nyaachistee, otoo ofii hinuffatiin uwwistee aarsaa maalumaanuu bakka hinbuufamne kanfaltee, kunuunsitee guddisti. Waa’ee oolmaa haadhaa kanarratti barreessitoonni, weellistoonniifi ogeessonni gara garaa waantota baay’ee jedhaniiru.

Egaa hojiin tola ooltummaa baranaa keessumaa akka Oromiyaatti sagantaalee tola ooltummaa 14 keessaa xiyyeeffannoo guddaa argatee abbuma dhimmichaa kan ta’e Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaatiin qindeeffamuun mataduree, “Harmeef mana ijaarree eebba haa fudhannu” jedhuun ho’inaan adeemsifamaa jira.

Sagantaa gandoota naannichaa kuma tokkoofi 500 haguugu kanaan mana harkaqal’eeyyii haaraa tokko tokko ijaaruufi lama lama ammoo haaressuuf karoorfamee Adoolessa 18 bara 2014 irraa eegalee hojjetamaa jira.

Hojii kenna tajaajila kana bal’inaan itti deemuun kanaa ol hojjechuuf sochiin taasifamaa jira. Kutaaleen hawaasaa adda addaas hirmaannaa olaanaa taasisaa jiru. Yaadni gaariin lafeerra malee waan lafa hinbuuneef sagantaan lammiilee rakkoolee hawaas dinagdee garagaraatiif saaxilaman hedduu fayyadu kun akkuma biyyaattuu xiyyeeffannaa guddaa argatee irratti hojjetamaa jira.

Kana maddiittis hojii kutaalee hawaasaa, gurmaa’insotaafi dhaabbilee addaddaa hirmaachisuun hojjetamaa jiru kanaan dameewwan barnootaa, fayyaa, kanneen hongeen miidhaman deeggaruufi kanneen birootiinillee fayyadamummaa ummataa keessumaa kan haadholii mirkaneessan hojjetamaa jiru.

Keessumaa gama barnootaatiin akka Oromiyaatti barattoota miliyoona 2.5 oliif meeshaalee barnootaa bituuf; barattoota miliyoona 7.5f mana barnootaatti nyaata dhiheessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuun hunda caalaa haadholiidhuma kan fayyaduufi ba’aa irraa buusuu waan ta’eef waan daran jajjabeeffamuu qabuudha.

Hojii tola ooltummaa kana keessatti dubartoonni miliyoona saddeet adda durummaan hirmaachuun tajaajila qarshii biliyoona 2.8tti baasiirraa hambisuun akeeka haadhummaa ganamuma isaan wajjin dhalate raawwachaa jiraachuunis waan fakkeenyummaan eeramuudha. Biqiltuu biliyoona 4.8 akka Oromiyaatti dhaabuuf karoorfame keessaa biliyoona 2.2 kan ta’u dubartootaan kan dhaabamu ta’uunis hiika biraa qaba.

Egaa hojiin haadha ofiirra waan hunda namaaf taatutti mana ijaaruun ykn haaressuun, hojiilee deebi’anii qindeessummaa haadholiitiin haadholiidhuma fayyadan kanneen akka barattoota sooruu, qonna magaalaa, inshuraansii fayyaa, ashaaraa magarsiisaa isaanumaan isaanumaaf hojjetamaa jiru caalaatti cimsanii raawwachuufi raawwachiisuun eebba eebba caaluudha.

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 30 Bara 2014

Recommended For You