Namni tokko hidda dhalootaa irraa dhufe qaba. Akki inni itti jiraatus akka hidda dhaloota irraa dhufetti ta’uu qaba. Ofta’uun akka ofiitti jiraachudha. “Yoo of ta’an, wal ta’an; yoo wal ta’an, abbaa waan ofii ta’an!” Namni of ta’e abbaa aadaa, afaan, amantii, safuu, duudhaafi qabeenyaa ofii ta’a. Gabaabumatti namni of ta’e abbaa waan qabu hundaa ta’a jechuudha.
Waaqeffataa:Oromoon dhaloota sagantaa Ofiisaafi dhugaatti amanuudha. Kana jechuun dhugaa dubbatee dhugaa hojjata. Oromoon jiruufi jireenyasaa guyyuu keessatti waan kamiyyuu akkaataa sagantaafi qajeelfama isaatti raawwata.Waan sadarkaa jechaatti baratu hunda gochatti hiikuun itti amanuu qajeelfamaafi sagantaa ofiitiin qajeelfamuusaa agarsiisa.
Aadeffataa: Aadeffataan nama aadaasaa beeku, jaalatuufi ittiin jiraatudha. Aadeeffataa yommuu jennu, aadaa ofii kan isaa ta’uu beekuu, jaalachuufi faarsuu qofa osoo hintaane, ittiin jireenya isaa keessattis qabatamaatti ittiin oolee buluu, ittiin boonuufi aadaa sana keessa jiraachuudha. Aadaa walgargaarsaa, nyaataa, dhugaatii, fuudhaafi heerumaa, sirbaa, shubbisaa, uffannaa, ogummaa waa tolchuufi kanneen biroo qabanitti jiraachuutu aadeffataa nama taasisa.
Waan hawaasni tokko qabu kanneen akka sirna ittiin bulmaataa, dinagdeefi hawaasummaa ijaaree ciminaan tiksuuf, aadaan murteessaadha. Jiruufi jireenya hawaasa tokkoo keessatti fuulleffannaa hawaasni sun waan tokkorratti qabu, aadaa tokko isaan taasisu, aadaa gamtaadhaan walbira dhaabbachuu, harka walqabatanii waliif tumsuufi akka nama tokkootti kaayyoofi mul’ata tokko qabaachuun, milkaa’naafi galma gahiinsa kaayyoo dhaabbataniifii keessatti, gaheen aadaa olaanaadha. As keessatti wanti hubatamu, aadaa dhaloonni akka tokkotti, kaayyoofi mul’ata tokkoof dhaabbachuu, ayyaantummaan kan utubame waan ta’eef, karaa milkaa’ina dhaloota sanaati.
Safeeffataa: Safeeffachuun waan dhaloonni safuuf qabu eeggachuudha. Safeeffataan tokko safuu ykn cubbuu eeggata. Irbuun dhaloota tokko seennan, dhiiga sanyii namaa keessa deemtee booddee sanyii nama balleessiti waan ta’eef, Waaqeffataan waan hawaasa isaa keessatti safuu ta’ee eeggatamu ni eeggata (safeeffata).
Ummanni Oromoo jireenyasaa keessatti waan qabu hunda waliin qaba. Akkuma jireenyisaa kan waloo ta’e, rakkoos yoo ta’e waliin waliif fura. Sagantaasaa keessatti dhaloonni tokko ani yoon argadhe kan nama biraa maaltu nadhibee hinqabu. Qananiifi badhaadhinni isaa karaa sirriin ykn dhugaatiin akka ta’u (karaa sobaafi irbuutiin akka hintaane) eeggata. Kun hawaasni Oromoo dhalootummaatti waan amanuuf, kan inni irbuu eeggatuuf jireenya gaarii ofii isaatiifi egeree gaarii dhalootni dhufu akka jiraatuufi. Barnoota warra Abbaa Oromoo keessaa kan haalaan nu barsiisu qabxii barnoota amantii Waaqeffannaa “Yakka Waaqaa-Lafaafi Eeggata Irbuu (safuu) Abbaa Gadaa” jedhaniidha.
Waaqeffataan nama ofta’ee akka ofiititti, waan ofiitin jiraatu, nama waan dhaloonni isaa kaleessa hinqabnerraa of eegee, akka abbaa isaa yaadannoo dhaloota dabranii gochuudhaan, ayyaantummaa dhalootaa gabbifachaa, ofiifis dhaloota fayyaa ta’ee jiraatuufi hojii dhalootaa gama isarraa eegamuun raawwatuufi itti jiraachuu danda’eedha.
Ofta’uun heera Uumaati
Heera jechuun qajeelfama sirrii jechuudha. Uumaa jechuun Waaqa abbaa uumaa kan addunyaa kana uumeedha. Waaqa wanti ittiin adda baafnu gochaadha; raawwii isaatiin agarra. Heera Uumaa jechuun qajeelfama sirrii kan abbaan Uumaa uume, kan qaamni kamuu cabsuu ykn dabsuu, itti dabaluus ta’ee irraa hir’isuu, dheeressuu ykn gabaabsuufi fooyyessuu hindandeenyedha. Heera Uumaa kana eegnee jala deemuutu dhala namaatiif faayidaa qabaata. Yoo jala deemuu baanne immoo miidhamaa taana.
Fakkeenyoota Heera Uumaa yoo ilaallu halkan guyyaatti deebisuu, guyyaa halkanitti deebisuu, dhiirri gaheefi dubarri geesse walitti dhufanii gidduudha dhala akka isaanii argachuu, aduun bahaan baatee dhihaan lixuu, waan facaasan haammachuu (qamadii facaasanii qamadii, garbuu facaasanii garbuu haammachuu) fi kan kana fakkaatan kan hammatuudha.
Ofta’uun heera Uumaati yoo jennu; Uumaan nu uume of taasisee nu uume. Kunis namni tokko abbaa isaa Oromoofi haadha isaa Oromoorraa Oromoo ta’ee kan uumamu fedhee osoo hintaane, abbaa Uumaatu isa uume. Namni tokko akka abbaan uumaa isa uumetti, akka abbaa isaa jiraachuu malee, nama biraa ta’ee jiraachuu hindanda’u. Aadaafi sagantaa akka abbaa ofii dhiisee akka biraa yoo hordofes fakkaachuu malee ta’uu hindanda’u. Heerri Uumaa immoo akka abbaan Uumaa nu uumetti sagantaafi qajeelfama ofiitiin jiraachuu malee fakkaatanii jiraachuun heera Uumaatti bu’uudha.
Namni Heera Uumaa eegee jala deeme, karaa dhugaa waan qabateef jireenya badhaadhaafi qananii jiraata. Namni heera Uumarraa gore, dhugaatti waan bu’eef miidhamaa ta’a. Kunis heera Uumaa jala deemuu malee, namni dhuunfaa tokko akka ofii fedhe godhee fooyyessuu waan hindandeenyeefi fooyyessuuf yoo yaales itti miidhama waan ta’eefi. Walumaa galatti, akka abbaa ofii jiraachutu dhugaadha.
Waaqeffataan waaqa isaa akkamitti ilaala?
Waaqeffataan, Waaqni na uume karuman ani fuula koo deebise jira jedhee amana. Kanaaf Waaqeffataan tokko Waaqa isaa barbaacha kallattii hinfilatu. Waaqa isaa barbaacha morma hinmicciiru.
Kara biraatin, akka Amantii Waaqeffannaatti, Waaqeffataafi Waaqa isaa gidduu ergamaan ykn qaamni Waaqaafi isa walqunnamsiisu hinjiru, dhugaa malee. Dhugaa hojjechuufi dhugaa dubbachuudhaan Waaqa isaatiin walquunnama. Dhugaarra bobba’ee galuudhaan milkaa’a malee Waaqa kadhaachuudhaan qofa akka hinmilkoofne amana. Kunis akkuma warri Abbaa Oromoo “Waaqni uumaa tola malee kadhaa hintolu” jedhan, heera Uumaa abbaan uumaa uume eeggannee kara dhugaarra yoo bobbaane malee; dhugaa dabsinee Waaqa kadhachaa oolurraa bu’aan argamu hinjiru jedhee beeka. Dabalataanis, “Waaqa narra na beeku” jedha.
Waaqni na uume hamman ani of beeku caalaa na beeka jedheetu hammuma dhugaa dubbata.
Waaqeffataan dhala namaa akkamitti ilaala?
Waaqeffataan ilaalchaan addunyaa kana irra nama shantu jira jedhee beeka. Shanan hoo? Mucaa tokko fudhatan; mucuma kanatu nama afur qaba. Namni afran inni qabu abbaa, haadha, obboleessafi obboleettiidha. Isa waliin shan ta’a. Oromoon heera ittiin bulmaata isaa keessatti yakka afur qaba. Afran kunis yakka abbaafi ilmaa, yakka haadhaafi ilmaa, yakka obboleessaafi obboleessaa, yakka obboleessaafi obboleettiti.
Yakka abbaafi ilmaa jedhee yoggaa heeru abbaatti kan ilma isaa fakkaatu, ilmattis kan abbaa isaa fakkaatu addunyaa kana guutuun abbaafi ilma jedha. Yakka haadhaafi ilmaa jedhee yoo heerus, haadhatti kan ilma ishii fakkaatu, ilmattis kan haadha isaa fakkaattu addunyaa guutuun haadhaafi ilma. Yakka obboleessaafi obboleessaa jedhee yoo heeru, kan obboleessa isaa fakkaatu waliin addunyaa guutuu obboleessaafi obboleessa. Yakka obboleessaafi obboleettii jedhee yoo heeru, obboleessatti kan obboleettii isaa fakkaattu, obboleettitis kan obboleessa ishii fakkaatu addunyaa kana guutuu obboleessafi obboleettidha jedheet heera; hanga abbaan warraafi haati warraa heera obboleessaa-obboleettitiin wajjin bulanitti.
Kanaaf akka amantii Waaqeffannaatti garaagarummaa bifaa, sanyii, gosaa, amantiifi kan kana fakkaataniin osoo hinqoodiin; dhala namaa ta’uudhaan, fuula namaa qabaachuudhaan qofa kabaja. Dhala namaa kan ta’e fuula isaatiin nama ta’uu qofaan addunyaa kana guutuu walqixxummaadhaan ilaala. Kuni garee kooti, suni garee kiyyaa miti waan jedhamuun adda addummaa ilaalchaatiin dhala namaarratti loogii raawwachuun fudhatama hinqabu.
Waaqeffataan jiruufi waan jiraa beeka
Jiruu jechuun dhala namaa yoo ta’u; waan jiraa yommuu jedhamu immoo qabeenya (dinagdee)dha. Kanaaf “Waan jiraaf jettee jiruu hindhabiin”. Akka amantii Waaqeffannaatti, dhalli namaafi dinagdeen adda bahee beekama, dhalli namaa dinagdeetti tajaajilama. Waan jiraaf jettee jiruu hindhabiin yommuu jedhamuus, qabeenyaaf (dinagdeef) jettee dhala namaa (obboleessakee, abbaakee, haadha ykn obboleettii) kee hinmiidhiin jechuudha. Akka amantii Waaqeffannaatti, namni akka namaatti adda bahee dinagdeedhaan tajaajilamuu irra darbee jiruu dura waan jiraaf gatii kennu namummaarraa bahee, ofuma isaatiifuu gatii isaa waan jiraatti jijjiire jechuudha.
Wanni jiraan ykn dinagdeen qofaatti tajaajila hinqabaatu, dhalli namaa qofaa isaa waan dinagdee addunyaa kana yoo qofaatti ittti hafee kan isaa ta’e gatiin qabeenyi sun isaaf qabu hinjiraatu. Kanaaf qabeenyiifi dinagdeen kan gatii qabaatu dhalli namaa jiraatee yoo itti tajaajilame qofa.
Qabxii kanarratti Waaqeffataan jiruufi waan jiraa beeka yoo jedhamu, dhala namaa dinagdeen hingeeddaru jechuudha. Rakkoolee gurguddoo addunyaarratti mul’atan faayidaa dinagdeetiif jecha dhala namaa akka ofii hiraaruu, ofittoo ta’anii dantaa dinagdee ofii hintaane argachuuf dhala namaa walitti buusuufi kan biroos hedduminaan mul’ata. Jiruufi waan jiraa adda baasanii beekuun dursa dhala namaatiif kennamuu qabuudha.
Madda: Barruulee hundeeffama waggaa 4ffaa Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 23 Bara 2014