Sagalee Musliimotaa waggoota 10 booda dhagahame

Maatiinshee gaa’ilasaanii keessatti kan horatan ishee qofaadha. Maatiisheetiif immoo bakka dhiiraas bakka dubartiis kan bu’u ishumaafi ishii qofaadha.

Dubartiin umrii dargaggummaa reefu eegalaa jirtu tun Madrasaa Awwaliyaa iddoo barumsa amantii Islaamaa itti barattutti sagalee mormii dhaggeessisuun sochii qabsoo Islaamaa keessatti boqonnaa haaraa saaqte Hikmaa Mohaammad jedhamti.

Ijoollee ishee waliin madarasicha keessatti barataniifi dhibbaa amantii Islaamaa irra qaqqabaa tureef mormii dhageeggisan keessaa sagaleen Hikmaa ol guddatee dhagahama. Yeroo sagaleensee kan hiriyyootasheetiin liqimfame immoo xiiqeeffatee iyyiti.

Aduun ji’a Muddee bara 2004 ijoollee barattootaa mormii amantiisaanii irra ga’e balaaleeffachuuf mooraa Awwaliyaa keessatti taasisaniif akka gaaddisaatti, qorri halkan sana ture immoo akka ho’aatti malee tasumaa sagaleefi hamilee barattoota sanaa gadi buusuu hindandeenye.

“Majliisni ummataan filame haa hundaa’u!, Sheekkota keenyarratti eenyu waliinuu hinaraaramnu!, barsiistoonni ari’aman haa deebi’aniin” immoo sagalee mormii barattootni kun dhaggeessisaniidha.

Maatiin Hikmaa immoo intaltisaanii sa’aatii dur itti galturraa barfachuusheetti yaaddoo keessa galanii haatiifi abbaanshee dabareen walgaafatu. Boodarratti immoo waan hangana ishee tursiise baruudhaaf halkaniin gara Awwaliyaatti imaluuf kan dirqaman haatiif abbaan Hikmaa, yeroo achi ga’anitti garuu maatiin hedduu balbala Awwaliyaa irratti ijoolleesaanii barbaachaaf achitti walga’uu arganii xiqqoo tasgabbaa’an.

Barattootni guyyaa sagalee mormii dhaggeessisaa oolan kunniin hanga qaamnii gaaffiisaaniitiif deebii kennu hinargamnetti halkanis achumatti sagaleesanii dhaggeessisaa buluufi nyaatas lagachuudhaaf walii galtee irra gahanii jiru.

Maatiin murtee ijoolleesaanii hindhageenneefii ijoolleensaanii yeroo galuu qabanitti hafuusaaniitiin barbaachaaf balbala Awwaliyaatti walga’e immoo qofa qofaatti ijoolleesaanii waamsisanii akka gara manaatti galaniif kadhatanis ijoolleen murtii dabarfattetti cichitee gaaffii warraaf gurra cufattee didde.

Maatiin tokko tokko ejjennoo ijoolleesaatti boonee, tokko tokko immoo diddaa ijoolleetiif boo’aa kophaasaanii gara manaatti yemmuu deebi’anitti, Abbaan intala cimtuu mataa barattoota Awwaliyaafi sagaleensaa hunda keessaa ol ka’ee dhagahamu Hikmaa immoo achuma isaan waliin buluudhaaf murteeffatan.

Sagaleen mormii ijoolleen xixiqqoon mooraa Awwaliyaa keessatti dhaggeessisaa oolanii bulan sun oolee osoo hinbuliin Mudde 4 bara 2004 salaata Juma’aarratti Masjiidota hundatti sagalee mormii sochii ummataatti guddate.

“Guyyichatti salataa juma’aatiin booda sagaleen ijoollee Awwaliyaa haa dhagahamu! Sagaleen keenya haa dhagahamu!” gaaffiin jettu itti dabalamtee dhimmichi barattootarra darbee ajandaa hordoftoota amantichaatti geeddarame. Gaaffii mirgaafi gaaffii ummata muslimaa kan ture dhimmi dhabbata Islaamaa cimaafi walabummaa qabu hundeessuus sanaan duras bifa adda addaatiin kan ka’aa ture ta’us deebi’ee bifa haaraan dhalate.

Gaaffiin daa’immaan barattoota Awwaliyaas gaaffii muslimoota hundaatti ce’ee qabsoon mirgasaanii kabachiifachuuf finiinee dhufe. Gaaffii fincila ummataa bifa haaraan dhufaa jiruuf immoo koreen gaaffii kana qindeessee qaama dhimmi ilaaluuf dhiheessu hundaa’eee gara hojiitti galame. Sirni gaaffii ummataatiif deebii kennuu caalaa ummata gaaffii dhiheessu ukkamsuufi dhamabsiisuu barate ADWUIn immoo namoota koree fala barbaadaa dhimmoota Islaamaa ta’an kanneen admsee qabuudhaan to’annaa jala oolchuutti ka’e.

Osoo xiqqoo hinturiin immoo maqaa Shororkeessitoota jedhu itti moggaasee dhiiraafi dhalaa musliimaa sagalee mormii dhaggeessisu hunda gara mana hidhaatti bobbaase

Sagalee jalqaba ijoolleen mooraa Awwaliyaatti dhaggeessisaa turte sun gara sagalee guutuu hordoftoota amantichaatti ceetee “sagaleen keenya haa dhagahamu” taate sun garuu mallattoo qabsoo Islaamota Itoophiyaa taatee sun erga sirni cunqursaa qabsoo ummataatiin erga manca’een booda dhaggeettii argattee Majliisni ummataa hundeeffamte.

Majliisa ummata Islaamaa jechuun immoo akka isa kanaan duraa kan karaa humnootni tikaa bifa dhoksaa ta’een filanii ummatarra kaa’an osoo hintaane, kan akka isa ammaa Islaamni naannoleefi bulchiinsa magaalota hundaa irraa bakka bu’ee sadarkaa federaalaatti immoo qaama isa bakka bu’u itti filatuudha. Haalli kun immoo seenaa Islaamaa biyya kanaa keessatti yeroo jalqabaatiif kan mul’ate torbaanota lamaan darban kana keessatti.

Irra jireessa hordoftoota amantichaatiin, yeroo qabsoo “sagaleen keenya haa dhagahamtuu”tti warroota aarsaa guddaa kanfalaa turaniin, ulamootaafi beektota amantichaafi jaalattoota amantichaa biratti gaaffiin yeroo dheeraa kun deebi’uusaatti gammachuu olaanaa keessa kan jiran yemmuu ta’an, warrootni gaaffiin yeroo dheeraa deebi’uusheetiin faayidaa dhuunfaa dhaban, kanneen sababa kanaan immoo jeequmsa kaasanii tokkummaa amantichaa gaaduu barbaadaniif yeroo gaddaafi gadadoo ta’eera.

Waggaa sadiin har’aa jijjiirama siyaasaa biyyattii keessatti dhufe bu’ura taasifachuun majliisa yeroofi hoggansa yaa’ii Hoteela Sharaatanitti taa’ameen filamee kan ture ta’us dhimmoota ijoo tokkummaa hordoftota amantichaa cimsuufi dhaabbata dhimma muslimaa cimaa ta’e hundeessuun hafee yaa’ii waliigalasaa osoo hingaggeeffatiin waggoota sadiif ofirratti mugaa tureera.

Walumaagalatti, Qaanqeen qabsoo daa’imman Awwalliyaatiin eegale sun garuu har’as akka hindhaamne ta’uusaatiin qabsoon keessootti taasifamaa ture dhoo’ee kabajni nama dhuunfaa kabaja dhaabbata Islaamota hundaa akka hindursine agarsiisan. Kanaanis isa qajeeltoo malee shiraan dhaaba ummataa gaadaa ture kaasanii, isa ummataan, ummataaf filame bakka bu’eera.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 23 Bara 2014

Recommended For You