Itoophiyaan qormaatawwan hedduu keessa dabartee biyya cimtuu har’a geesseedha. Kan fagoo dhiisnee kan waggoota afur shanii asiillee yoo ilaalle rakkinarratti rakkinni itti daddabalamuus diigamtee hinbanne.
Qormaatiwwan namntolcheefi uumamaa dabareedhan irratti walga’aan illee har’ayyuu biyya diinoonnishee inaaffaadhaan ishee ilaalanidha. Waldhabdeewwan, waraanni, koviidiin, homaan hawwaannisaa, hongeen, lolaafi balaawwan biroo dinagdeeshee laamsheessanii, jireenya itti qaaleessaniis har’allee abdii misoomaatiin fuulduratti deemaa jirti.
Kanuma keessatti pirojektiiwwan gurguddoo baasii olaanaa gaafatan yeroo gabaabaa keessatti hojjechuun humna hojjechuushee agarsiisaa jirti. Yommuu midiyaan biyyooleessaa humna qaban baduushee gabaasan isheen garuu Hidha Abbayyaa irraa humna maddisiisuu eegalte.
Kunneen hundi garuu kan ta’aan dandeettii namaatiin osoo hintaane gargaarsa Waaqayyootiin. Waaqni ummata biyyattiitti dudda waan hinganneef qormaatawwan hedduutiin marfamtuus ammallee biyya ifni abdii keessaa mul’atu taateedhuma jirti. Isa kanaaf ammoo Waaqallee galateeffachuu barbaachisa.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD)s kanuma ilaalchisuun ibsa fuula feesbuukiisaaniirratti tibbana baasaniin qormaatawwan mudatan ce’aa harka keenya galataaf haa diriirsinu waamicha jedhu dhiheessaniiru.
Akkasaan jedhanitti, garaa lafaa jalaa hanga hawwaatti, amantiirraa hanga qabeenya seenaatti, qilleensa naannawaarraa hanga aaddaneessummaatti, gootummaarraa hanga jaalala bilisummaatti, kuufama badhaadhinaa Uumaan nu badhaase yaadnee galateeffanna. Waljibbaafi walitti buhiinsa keessaa baanee, walii keenya dinqifachuufi galateeffachuu aadaa haa godhannu.
Waan darbeefi waan hanqate balaaleffachuufi mufannaa himachuun dhaloota dhufu dadhabsiisuu hinqabnu. Wal haa galateeffannu; warri haraa warra kaleessaatiif kabajaafi galata malu haa kenninu. Hundaa olitti ammoo Uumaa baroota keessatti nu gargaare dhaabbannee haa galateeffannu. Michuuwwan wayita fuula nurraa deeffatan, warri nu gargaaran wayita harka dachaafatan, ollaawwan horma wayita ta’an agarreerra. Humni Itoophiyaa inni hin jijjiiramne, hirkoo, gaachaafi wabii nuuf tae Uumaa qofadha.
Guyyattii keessaa daqiiqaa tokkoof bakka jirrutti dhaabbannee, oolmaafi gaarummaa Uumaa yaadannee, Waaqa galateeffachuu qabna. Bara dhufu mufannaafi balaaleffannaa, jibbaafi gadoo qabachuurra, dinqifannaafi galataan, walgargaarsaafi dhiifamaan simachuu qabna.
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 23 Bara 2014