Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa eenyufaatu fudhate?

Kutaa 5ffaafi isa xumuraa

 Waancaan Kubbaa Miilaa Addunyaa waggaa afuriti al tokko Ardiiwwan adda addaatti adeemsifama. Awurooppaa, Ameerikaa Kibbaa, Ameerikaa, Isiyaafi Afrikaatti haala miidhagaan keessumeeffameera.

Gaazeexaan Bariisaa seenaa waancaawwan kanaan dura adeemsifamanii, biyyoota mo’ataniifi waancaa kana qopheessan torban afuriif dhiheessaa tureera.Har’a ammoo kutaa shanaffaafi isa xumuraa akka kanaa gadiitti dhiyeesseera.

Waancaan Kubbaa Miilaa Addunyaa 10ffaan ALA bara 1974 Jarmanitti qophaa’e. Jarman waancaa kana qopheesuudhaan k hambifatte. Arjeentiinaanis ALA bara 1978 Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa 11faa qopheesudhaan hambifatte.

Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa 12ffaan ammoo ALA bara 1982 biyyoota 24 jiddutti Ispeenitti kan adeemsifame yoo ta’u, Xaaliyaan yeroo 3ffaaf shaampiyoonaa ta’uun waancicha fudhatte. Waancaa 13ffaan ALA bara 1986 Meekisikootti kan adeemsifame yoo ta’u, Arjeentiinaan shaampiyoona ta’uun yeroo lammaffaaf waancicha fudhateetti.

Xaaliyaaniin ALA bara 1990 waancaa 14ffaa kan qopheessite yoo ta’u, Jarman yeroo saddaffaaf shaampiyoonaa ta’uun waancicha hambifateetti.

Ameerikaan ALA bara 1994 tapha waanchaa Kubbaa Miilaa Addunyaa kan qopheessite yoo ta’u, Biraaziil yeroo 4ffaaf waancicha fudhateetti.

Yeroo jalqabaaf biyyoonni 32 kan irratti qoda fudhatan Waancaan Kubbaa Miilaa Addunyaa 16ffan ALA bara 1998 kan adeemsifame Faransaayitti yoo ta’u, Faransaayi waancicha achumatti hambifatteetti.

ALA bara 2002 yeroo jalqabaaf biyyoonni Isiyaa lameen Koriyaan Kibbaafi Jaappaan tapha waancaa 17ffaa kan qopheessan yoo ta’u, Biraaziil yeroo 5ffaaf mo’achuudhaan waancicha fudhatteetti.

Jarman ALA bara 2006 yeroo lammaffaaf tapha waancaa a 18ffaan kan qopheessite yoo ta’u, Xaaliyaan yeroo 4ffaaf waancicha fudhattetti.

Waancaan Kubbaa Miilaa Addunyaa 19ffaan ALA bara 2010 yeroo jalqabaaf Ardii Afrikaa Afrikaa Kibbaatti adeemsifameera. Ispeen waancicha fudhateetti. Waancaan 20ffaan ammoo ALA bara 2014 Biraazilitti kan adeemsifame yoo ta’u, Jarman waancicha fudhateetti.

Waancaan Kubbaa Miilaa Addunyaa ALA bara 2018 Raashiyaatti kan adeemsifame yoo ta’u, Faransaay yeroo 2ffaaf waancicha fudhateetti. Waancaan 22ffaan ammoo ALA bara 2022 Ardii Eeshiyaa Kuwaataritti kan adeemsifamu ta’a.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 23 Bara 2014

Recommended For You