Atileetota Itoophiyaa: Miidhagina waltajjii atileetiksii addunyaa baranaa

Finfinnee: Waggaa lamatti al tokko kan gaggeeffamu Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa ALA bara 1983 magaalaa Guddoo Fiinlaandi, Heelsinkitti jalqabame. Waggoottan kanneen keessatti osoo addaan hincitiin yeroo 17f biyyoota addaddaatti adeemsifameera. Baranas yeroo 18ffaaf Ameerikaa magaalaa Origaanitti haala miidhagaadhaan adeemsifamaa jira.

Itoophiyaan shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa lammaffaa kan ALA bara 1985 Xaaliyaan, magaalaa Roomitti adeemsifameef qophii barbaachisu osoo hintaasisiin hafuusheetiin alatti kan ammaa kana dabalate 17 irratti hirmaateetti.

Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 18ffaan kun erga jalqabamee guyyoota sagal lakkoofsiseera. Biyyoota 192 irraa atileetonni kuma tokkoofi 972 akaakuuwwan ispoortii 50n hirmaachaa jiru.

Itoophiyaan dorgommiiwwan taasifattetti hanga kaleessaatti meedaaliyaawwan warqii sadii, meetii afuriifi nahaasa tokko walumaagalatti meedaaliyaawwan saddeetiin addunyaarraa Ameerikaatti aantee lammaffaa, Afrikaarraammoo tokkoffaa ta’uun gabatee meedaaliyaa keessatti galmoofteetti.

Itoophiyaan meedaaliyaawwan warqii kan argatte fiigicha maaraatoonii dhiiraafi dubaraan, fiigicha meetira kuma kudhanii dubaraani. Meetii ammoo maaraatoonii dhiiraan, fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadii dhiiraafi dubaraan, kuma tokkoofi 500n dubaraan, nahaasa ammoo fiigicha gufachisaa kuma sadii dubaraani.

Fiigicha maaraatoonii dhiiraan Taammiraat Tolaa sa’aatii 2:05.35n xumuuruusaa malee sa’aatii shaampiyoonichaa fooyyeessuudhaan mo’ate. Atileet Gooytitom Gabrasillaasee gamasheetiin sa’aatii 2:18.11 injifachusheetiin alatti sa’aatiin ishee kunis sa’aatii fooyya’aa shaampiyoonichaa ta’uun galmaa’eera.

Fiigicha meetira kuma kudhaniin atileetota Keeniyaa kanneen addunyaarraa maqaa olaanaa qabaniifi dirreewwan irratti hirmaatan marattuu injifannoodhaan kan galan Heleen Obiriifi Maargaareetti Kipchoogee wajjiin falmii olaanaa taasisuun akkaataa dinqisisaadhaan Latasanbat Giday injifachuun warqii Itoophiyaaf argamsisteetti.

Akkasumas, Mosanat Garramaw fiigicha maaraatooniitiin hiriyyaasaa Taammiraat Tolaatti aanuun sa’aatii 2:06.44tti raawwachuun, Lammeechaa Girmaafi Warqiwuhaa Geetaachoo dorgommii gufachisaa meetira kuma sadiin, Gudaaf Tsaggaayee fiigicha meetira kuma tokkoofi 500n meedaaliyaa meetii yoo argamsisan Maqidas Abbabaa ammoo fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadiin sadaffaa bahuun nahaasa argamsiisuushiitiini.

Dorgommii gulaalaa meetira kuma shanii kan dubartoota jidduutti adeemsifametti meetira kuma kudhaniin shaampiyoonaa kan taate Latasanbat Gidayi, kuma tokkoofi 500n meetii kan argatte Gudaaf Tsagaayeefi Daawwit Siyyuum, dorgommii ittaanuuf darbaniiru.

Akkasumas, fiigicha meetira kuma shanii kan dhiirota jidduutti taasifameen ammoo, Salamon Baaraggaa, Yoomiif Qajelchaafi Muktaar Idiris ramaddiisaaniirraa darbaniiru. Fiigicha meetira 800 dubaraan Dirribee Waltajjii, Haabtaam Alamuufi Fireehiwoot Haayiluu gulaalaa ittaanuuf darbaniiru; gamanumaas tilmaamni ni injifatu jedhu kennameeraaf.

Itoophiyaan shaampiyoonaawwan kanaan dura adeemsifamanitti kan baranaa dabalatee walumaagalatti meedaaliyaawwan 93 argatteetti. Atileet Komaandar Daraartuu Tulluu meedaaliyaa warqiifi meetii tokko argamsiisuudhaan qooda keessaa qabdi.

Daraartuu Tulluu umrii 18 wayita geessu garee atileetiksii dargaggoota Itoophiyaatti kan makamte. ALA bara 1992 Olompikii Baarselonaa kan Ispeenitti adeemsifametti fiigicha meetira kuma kudhaniin Itoophiyaa bakka bu’uun hirmaachuun tokkoffaa ba’uun meedaaliyaa warqii argamsiisuun balbala injifannoo dubartoota Itoophiyaafi Afrikaa kan saaqxe.

Meedaaliyaan warqii tun dubartoota Itoophiyaafis ta’u Afrikaaf galaa ta’uun akaakuuwwan ispoortii atileetiksii irratti hirmaatan marti injifannoo dachaa gonfachuuf akka bahan hamileesaanii guddisteetti.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 16 Bara 2014

Recommended For You