Seenaa dhibee Sammuu (history of mental illness)

Dhala namaa bineensota kanneen biroorraa wanti adda godhu, sammuu yaadu qabaachuusaati. Kunis sababa Uumaan caasaa sammuu keenya keessatti gola yaadu, xiinxalu, hubatu, sababeessuufi qoratu tokko nuuf kenneefidha. Silaa osoo sammuun dhala namaa kan bineensota birootiin tokko ta’ee addunyaan har’a keessa jiraannu kun dukkanaa’aafi keessa jiraachuuf baay’ee kan namatti hintolle taatee argamti. Wantoonni addunyaa kanarratti ajaa’ibsiisoofi dinqisiisoo ta’an jalqaba yaadaan turan. Sana booda sammuun dhala namaa kun xiinxalee gara qabatamaa ta’etti fide. Sammuun keenya qaalii ta’e kun hanga fayyaa qabutti wantoota amanuuf nama rakkisan baay’ee yoo kalaqu, garuu sababoota garagaraatiin yoo miidhaan irra gahe immoo wantoota kanneen dalaguun itti ulfaata.

Sammuun keenya hoogganaa qaama keenya hundaati. Gaggeessaan kun miidhamnaan qaamonni keenya hunduu waan dalagan hinbeekan; gurri waan hindhaga’amne dhagaha, Iji waan hinargine arga, funyaan foolii hinjirre fuunfata, harki waan hintaane qaqqaba, miilli karoora malee deema, onneen dhugaa malee rifatti, sombi hargansuu isaa dabala: kana qofa osoo hintaane, sammuun dhugaa hinjirre itti cichee amana, jiraachuuf uumamnee jiraachuuf sababa dhabna.

Bara durii kaasee hawaasni addunyaa nama dhukkuba sammuu qabuuf yaadaafi ilaalcha gaarii hinqaban. Baay’een namootaa dhukkuba sammuu qabaachuun ballessaa yookiin dadhabina sammuu nama dhibeen qabame sanaati jedhu, garuu ofii isaaniitii immoo carraa dhibee sammuutiin qabamuu akka hinjiretti amanu. Haa ta’uu malee namni sammuu qabu hundi dhibee sammuun qabamuu danda’a. Kana malees ilaalchonni dogoggoraa dhukkubni sammuu; abaarsa waaqati, gocha seexanaati, ija-budaa irraa dhufe, tolchaadha, nama irraa namatti darbaafi yaala hinqabu jedhaman lafa qabatanii jiru. Sababoota kanaaf namoota dhukkuba sammuu qaban gara yaala ammayyaatti geessurra gara qoricha aadaafi mana amantaatti baay’inaan geessu, ta’us dhukubni sammuu akkuma dhukkuboota biroo sababa irraa dhufu kan qabuufi yaala ammayyaas ni qaba, yaalamees ni fayya. Kanaaf sababoota ilaalchota dogoggoraa kanneeniitiin namoonni dhukkuba sammuu qaban yaala dhabuu, tuffatamuu, reebamuufi hidhamuun irraa haa dhaabbatuun dhaamsa keenya. Walumaagalatti sammuun keenya fayyaa qaamaa keenyaaf bu’uura waan ta’eef kunuunsuufi eegachuun dhimma filannoo hinqabneedha. Akkasumas yoo dhibames yaalamee fayyuu akka danda’amu hubachuun gaariidha

Bara durii kaasee ilaalchi hawaasni addunyaa; dhibee sammuutiif qabu walxaxaafi hubachuuf rakkisaa kan ta’eedha. Biyyoota garagaraa keessaa ilaalchi yeroo durii dhibee sammuutiif qabaniifi sababa dhibee sammuuti jedhanii kan himan waan raajiiti. Giriikiifi Room durii (Ancient Greece and Rome) “Dhibee sammuu kan namatti fidu hafuura seexanaati jedhu (Demons or spirit). Herodotus; Namni jedhamu dhaloota Kiristoos dura (BC) jaarraa 5ffaa keessa kitaaba isaa ‘King’ jedhamu keessatti dhukkubni sammuu dhibee seexanaati jedhee barreesseera.

Hippocrates; dhibeen sammuu walmadaaluu dhabuu wantoota afur irraa uumama jedha. Isaanis; 1. Dhiiga (blood)

2. Liimphii (lymph)

3. Hadhooftuu (bile) fi

4. Aakee (phlegm) akka ta’e eeru.

Fkn dhibee gaggabdoo (Epilepsy). Akka inni jedhutti, yaalli dhibee sammuu; Boqonnaa (rest), Dhiqannaa (bathing), Sochii qaamaa (exercise) , Nyaata madaalamaa (diet) akka ta’etti amanu. (yaalli armaan olitti eeraman kunniin yeroo ammaas dawaa dhukkuba gaggabdoof kennamu dabalatee akka dabalataatti ni gorfamu). Akkasumas biyyoonni akka Chaayinaa, Baabiloonifi Ijipti dhibeen sammuu dalagaa seexanaati jechuun amanu ture. Kanumarraa ka’uudhaan namoota dhukkubbii sammuu qaban karaa qorichaatiin ykn bifa ammayyummaan osoo hintaane bifa Aadaatiin yaalaa turan. Ammas biyyoota tokko tokko keessatti maluma aadaatiin wal’aanaa jiru. Malli aadaa ittiin dhukkubbii sammuu kana yaalaa turanis “EXORICISM” jedhama.

Karaa biraan mammaaksa armaan gadii fayyadamaa turan.“Maraataan dawaa nama fayyaati” (mentally ill person is a treatment for others) jedhu. Jaarraa 14ffaa hanga 17ffaa keessa dhibeen sammuu abaarsa Waaqaati jedhanii amanaa turan. Kanaaf namni dhibee sammuu qabu cubbuu akka dalageefi hawaasni adabbii isaarraa akka baratuufis gorsu. Kaleessa hawaasni hubannoo gahaa dhabuurraa kan ka’e sababoota qabatamaafi yaaliidhaan hindeeggaramne dhiyeessaa turaniiru. Kaleessa qofa utuu hin taane har’as yaadonni dogongoraa hedduun dhibee sammuu ilaalchisee hawaasa keessa dagalfatanii jiru. Ogeessi yaalaafi wal’aansa sammuu hundi dhibee sammuu ni qabaatu jedhanii amanu. Namoonni sammuu dhukkubsatan hunduu hamoo, soodatamoofi gara-jaboodha jedhu. Hinfayyan, dalaguu hindanda’an, Ni kijibu, miira dhukkubbiillee hinqaban. Waan dalagan akkasumas waan dalagames hinbeekan, Qabeenya dhaaltummaan hinfudhatan, Mirga nama fayyaa wajjiin wal-qixa hinqaban, Hojii harka namaati (tolchadha, Dhayicha seexanaatifi k.k.fa’i jedhu.

Dhibee sammuufi Itoophiyaa

Biyya keenya keessatti yaalli dhibee sammuu kan eegale bara 1930 A.L.I’tti Hospitaala Sammuu Addaa Amaanu’eel jedhamu kan magaala Finfinnee keessatti argamutti. Ergasii kaasee tajaajila wal’aansaa dhukkubsattoota sammuutiif kennuu jalqabe. Haa ta’u malee biyya keenyatti utuu hinbeekin ta’ee utuu beekuu gama mootummaatiin dhimmi dhukkuboota sammuurratti hawaasaaf hubannoo kennuufi baajata yaala sammuu babal’isuuf hojiin hojjatamaa jiru gahaa miti. Gama biiroo fayyaa federaalaan ta’ee karaa biiroo fayyaa Oromiyaatiin hubannoo kennuufis ta’ee hospitaala dabalataa ijaaruuf sochiin taasifamee lafa qabate hanga ammaatti hinmul’anne.

Akka biyya keenyaatti, qorannaa gaggeeffameen namoota afur keessaa namni tokko dhibee sammuu akka qabutti ibsama. Kun immoo qorannoo biyya Ameerikaatti taasifame waliin wal madaala. Xiyyeeffannoo fayyaa sammuuf kennuu dhabuun biyyoota guddataa jiran keessattuu ardii Afrikaa keessatti beekamaa ta’us akka biyya keenyaatti kufaadha jechuun nama dandeessisa. Hospitaalli Sammuu Addaa Amaanu’eel bara Haayila Sillaasee keessa waggaa 84 dura (1930) kan dhaabbate yoo ta’eyyuu, hanga ammaatti tilmaamaan namoota kuma 170 hincaalletu dhibee sammuuf itti yaalamee jira (bara 1930- onkololeessa 2014tti). Kun immoo saamuuda namoota dhibee sammuu qabaniin yaala sammuu hospitaalota garagaraa keessatti kennamaniin dabalatee nama dhibba keessaa tokko qofatu yaala argatee fayyaa jira jechuudha.

Akka addunyaatti dawaan dhukkuboota sammuuf kan argame jaarraa 19ffaa keessa yoo ta’u, yeroo ammaa akkuma qorichoota dhibee kaanii yeroodhaa yerootti haareffamuudhaan ni oomishama. Keessattuu biyyoota guddatan keessatti dhukkubni xiyyeeffannoo guddaa barbaadu dhibee sammuu akka ta’etti kaasu. Kana malees biyyoonni ardii Ameerikaafi Awurooppaa waggaa waggaan baajata fayyaa waliigalaaf bahu hanga dhibbantaa 20tti kennuun akka hojjatanitti ragaan ni mul’isa. Xiyyeeffannoo dhabuu fayyaa sammuurraa kan ka’e namoonni dhukkuba sammuu qaban karaa irra gadhiifamuun balaa gurguddaa, balaa tiraafikaa, balaa gudeeddaa, qabeenya barbadeessuu, daa’imman ajjeesuu, hawaasarratti yaaddoo uumaa jiru.

Keessattuu yeroo baay’ee maatiin akka yaalii hinqabnetti amanuurraa kan ka’e abdii kutachuudhaan erga daandiitti bahanii booda, daandiirra dhaabbatanii namoota hedduu naasiisuudhaan guyyaa guyyaatti balaa konkolaataafi kanneen birootiif saaxilaa oolu. Kanaafuu hawaasni hubannoo argachuudhaan namoonni dhibee sammuu qaban utuu balaa hingeessisiin mana yaalaa deemanii yaalii gahumsa qabu argachuun gara namummaa isaanii jalqabaatti deebi’uun akka danda’amu namni hundinuu hubachuu qaba.

Fayyaa hindhabinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 16 Bara 2014

Recommended For You