Karoorri “Lafti kamuu hagabuu buluu hinqabu” jedhu kan Ministira Muummee Doktar Abiyyiin diriire Itoophiyaa lafa qonnaa dhibbantaa 74 ol qabdu keessaa dhibbantaa 14 qofa hojiitti hiikteef hiika guddaa qaba. Osoo lafti qonnaa qabnu hundi misoomeera ta’ee waa’ee midhaan nyaataa jaarraa 21ffaa keessatti ajandaa hinta’u ture. Baay’ina lafa qonnaaf mijatuu gammachuun ibsaa qamadii kadhaaf qaaniin harka diriirsuun ni hafa ture.
Biyyootni guddatan lafa qaban hunda misoomsuun mana jireenyaasaaniirratti omisha erga jalqabanii bubbuleera. Keessattuu, biyyi Jaappaan mana jireenyaarratti omishuun milkaa’ina qonna magaalaaf bu’uura jabaa buusuutu himama. Biyya keenyatti qonni magaalaa hagas mara xiyyeeffannoo argachuu baatus gara aangootti dhufuu Ministira Muummee Doktar Abiyyiin walqabatee jalqabbii jajjabeessaan mul’ateera.
Keessattuu, qonnaan bultoota Oromoo dur lafti harkaa fuudhamee Finfinnee gara moggaatti dhiibaman kan ammaan tana Finfinneen dhiifamtee cina geesse buqqaatii lammataa hanbisuun bakka jiranitti ittichuufis wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon qonna magaalaa godina addaaf kenname kan nama boonsudha.
Tibbana jalqabbii qonna magaalaa taasifamerraa kan hubannes kanuma. Magaalaan Buraayyuu magaalota Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee saffisaan guddachaa jiran keessaa ishee tokko. Hojiin qonna magaalaa bakka kanatti taasifamu tarii magaalota godinichaaf fakkeenya gaarii ta’a. Hudhaaleen jiran akkuma jiranitti ta’ee ilmaan qonnaan bulaa qonna magaalaarratti hirmaatan ofirra darbanii jiraattota magaalatifuu gaaddisa ta’aa jiru.
Aadde Assaggadach Bizuu jiraattuu magaalaa Buraayyuu, ganda Gujee Gafarsaati. Bara 2010 wayita namni lafasaa gurguruuf kaatu, isaan garuu qarshii kuma 15 of harkaa qabaniin lafa ofiirratti loon aannanii kan sanyii faranjii horsiisuu eegalan. Yeroo muraaasa boodas bu’aa argataniin loon dabalataa bitachaa hanga kaappitaala horataniis dabalaa adeemuun yeroo ammaa kaappitaala qarshii miliyoona afurii ol qabaachuu dubbatu. Aannaan qofarraa guyyaatti qarshii kuma kudha 13 ol yommuu argatan hojjetaa dhaabbiifi yeroo 32 ta’aniif carraa hojii banuu danda’aniiru. Deeggarsi gama mootummaan isaaniif taasifamus guddina dinagdeesaanii keessatti shoora guddaa taphachuu himu.
Haa ta’u malee, hanqina dhiyeessa aannanii furuuf bal’inaan hojjechuuf fedhii qabaatanis hanqinni lafa hojii dangaa itti ta’uu eeranii, lafa guddina kaappitaalasaaniin walgitu yoo argatan raajii dalaguuf qophii ta’uufi maashina ammayyaa aannaan baay’inaafi qulqullinaan dhiyeessuuf nama gargaaru argachuun akkasumas, qaala’iinsi gatii nyaata loonii illee osoo furamee fedhii guddaa akka qaban ibsu.
Namoota qonna magaalaatiin jireenyasaanii jijjiiran keessaa inni biraan ammoo jiraataadhuma ganda Gujee Gafarsaa kan ta’e dargaggoo Alamuu Gaaddisaati. Dargaggoo Alamuun omisha moseerratti bobba’ee jira. Hojii kanas kan eegale bara 2011 ta’us hanga ammaa deeggarsi ogummaa ogeessota qonnaan waan isaaf hintaasifamneef hagas mara fayyadamaa hintaane. Ta’us barana deeggarsa ogummaafi xaa’oo gama mootummaan taasifameen heektaara saddeet olirra mosee omishuu dubbata.
Omishni mosee bara kana gaarii ta’uu kan dubbatu Alamuun, kanarraas yoo xiqqaate qarshii miliyoona shan akka argatu eereera. Nuti illee omishni mosee kun haalaan tolaa ta’uusaa daawwannaa taasifneen hubanneera.
Haa ta’uutii, bara kana omisha mosee hektaara 25 kan karoorfate dargaggoon kun sababa hanqina xaa’ootiin karoorasaa dachaan gad buusuuf dirqameera. Gara fuulduraatti yoo rakkoon haqina xaa’oo furame, omishasaas ta’e namoota hanga kudhanii amma of jalatti hojjechiisaa jiru dachaan dabaluuf fedhii akka qabus dubbateera.
“Sababa Waraana Raashaafi Yuukireeniin hanqinni nyaata sadarkaa addunyaatti mudate waa hedduu nu barsiise hojii caaluuf nu kakaase” kan jedhan ammoo sagantaa qonna magaalaa bulchiisa magaalaa Buraayyuu kan jalqabsiisan, Ittigaafatamaa Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Mogas Ida’eeti.
Lafa jiidhaafi gabbataa osoo qabnuu qaala’iinsa jireenyaafi beelaan waadamuun abaarsa jedhanii, kallattii kanaan sochii Magaalaan Buraayyuu beelaafi qaala’iinsa jireenyaa maqsuuf qonna magaalaarratti taasisaa jiru kan fakkeenyummaa qabu ta’us haala mijataa jiruun sanaa ol deemuu akka danda’amu kaasaniiru.
Akka ibsa ittigaafatamichaatti, Buraayyuun kanaan dura rakkoo akka hannaafaan qeeqamaa turtus, yeroo ammaa garuu daandii misoomaa qabattee jirti. Akkuma Buraayyuu magaalotni biroo jabaatanii hojjennaan nyaata ofii balbala ofiirraa argachuun qaala’iinsa gabaa busheessuun ni salphata. Qonni magaalaa biyyoota guddatan keessatti hiika guddaa qabaachuu kan hubate mootummaan biyyattii xiyyeeffannaan hojjetaa jira. Qonni magaalaa lafa guddaa hingaafatu namni kamuu manarratti, mana jalattifi qodaa keessatti omishuu waan danda’uuf filannoo hundaa ta’uu qaba.
Walumaagala qonni magaalaa wabii nyaata maatii mirkaneessuurra darbee gabaa tasgabbeessuuf shoora olaanaa waan qabuuf namuu carraa qabuutti misoomicharratti haa hirmaatu jenna.
Waaqshuum Fiqaaduu
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 16 Bara 2014