Waqtiin kun waqtii barattoonni hedduun ifaajanii baratanii gatii dadhabbiisaanii bara dheeraa, bu’aa dhamaatiisaanii, milkaa’inasaanii bu’aa bahii hedduu keessa darbanii fidan, firiisaanii kan halkan hirriba ittidhabanii guyyaammoo osoo boqachuufi bashannanuun itti bareeduu isa obsanii qo’achaa turan itti argataniidha.
Eeyyeen! Waqtiin kun waqtii addaati. Waqtii miira addaa, gammachuu addaa namatti uumudha. Miira kana anis yeroon digrii koo fudhadhetti nan beeka. Miiruma walfakkaataatu ijoollee hiriyyootakoo irraas dubbifamaa ture. Gammachuun keenya adda ture. Isa fagootti karoorsinee bira ga’uuf dhamaanuuf tarkaanfii keenya keessaa isa daran gammachiisaa ture.
Gidduu gidduudhaan asii (yunivarsiitii) dhaa ba’ee hojii hinargadhuu laata? miirri jettu gammachuu keenya qabaneessuu feetus jabaanneetuma ofjabeessina ture. Yeroon kun yeroo dhaloonni biyya dhaaluu danda’u qarameefi kalaqamee yunivarsiitiifi kolleejjiiwwan mootummaafi dhuunfaa heddurraa ittibahudha. Humni barate kamiyyuu abdiifi egeree biyyaa, humnaafi utubaa ummata isa barsiisee, hirkoofi bayyanata maatiisaati.
Maatiin barattootaas hawwiifi mul’ata ijoolleesaanii irratti qaban bu’aa ifaajiifi xaariisaanii bara dheeraa milkaa’ina ilmoo isaanitiin yeroo itti arganiidha. Gammachuun keenya maatii keenyaaf gammachuu dachaa ta’aaf. Kana hundi keenya nibeekna. Maatiin keenya yeroo dhalannurraa jalqabee nu eegaafi nukunuunsaa nucinaa turan har’a gaafa milkii keenya argan gammachuun isaanii gita hinqabu.
Gaafa eebba kiyyaa harmeen koo akkana naan jettee turte “Ilma koo sin jaaladha baga naaf milkoofte wantan ani ta’uu barbaadee naaf hinmilkoofne; ati taatee arguun hawwii koo yeroo maraati galma koo sikeessatti arguun fedha, kanaafimmoo tarkaanfii kee isa jalqabaa kanaaf baga naaf geesse”. Yoomuu nakeessaa hinbadu. Isheedhaaf haalli mijachuu dideeti kan barumsashee addaan kutte. Kun seenaa haadhoolii, abbootiifi maatii hedduu keenyaati.
Keessumaa biyya keenya keessatti maatiin hedduu keenyaa gidiraafi rakkoo hedduu arganii nu barsiisu. Ofiif agabuu bulanii ilmaan isaanii barnootarra jiraniif haala mijataa uumuuf dararamu. Rakkoo ijoolleesaanii tasumaa arguu hinfedhan. Fedhii isaanii cinaatti dhiisanii fedhii ijoollee isaanii guutuuf hirriba hinqaban. Kun mana tokkoon tokkoo keenyaa jira.
Kanumaan walqabatee tibba kana suura akka malee miidiyaa hawaasummaa keessumaa ‘Facebook’ irra naanna’u tokko argeen garaa nanyaate. Miirri gadda haa ta’uu gammachuu walii hinbeekamne keessa koo weerare. Harmeesaa, deesseesaa, aayyoo dhaltee isa guddiste, barsiiftee abbaa beekumsaa, abbaa digrii isa taasifte, osoo ishee dhukkubuu qoraan dugdatti baattee akka inni baratee jijjiiramuuf, isaanuu yunivarsiitii Finfinneetti akka inni abbaa digrii ta’uuf ga’ee Leencaa ba’atte.
Innis oolmaafi imaanaa ishee hindaganne guyyaa eebbasaa qoraan isheen umriishee guutuu dugdatti baattee isa barsiifte dugdatti baatee jaalalaafi kabaja haadhummaa inni isheef qabu sirritti ibseefi kabajni kun siif mala jechuun digriisaa isheef kenneera. Kunimmoo ishee qofa osoo hintaane guutuu biyyattiitti mata duree dubbii ta’ee warreen kaaniif barumsaafi ergaa cimaa ta’eera.
Namni maatiisaatiif, hawaasa isaatiif akkasumas ummata isaatiif kabajaafi jaalala yoo qabaatedha kan biyyaafis jaalala qabaatee waanta barate hojiitti jijjiiruu danda’u. Maatiifi biyya rakkoo walxaxaa keessa ta’ee nubarsiise gama maraan waan danda’ameen gargaaruun carra qabeessa ta’uudha. Ittigaafatamummaan nuti akka biyyaatti ba’achuu dandeenyu jalqaba maatiifi hawaasa naannoo keenyaarraa eegala. Maatii keenya tajaajiluu yoo dandeenye isaanirra tarree biyyaafillee waa buusuu kan dandeenyu.
Barachuun keenya waamara irratti akka jijjiiramnuuf nu gargaaruu danda’uu qaba. Kan inni ittiin ibsamus beekuu, bal’inaan yaaduu, xiinxaluufi waantota kana fakkaataniini.
Hundi keenya iddoo irraa kaane, barannee asga’uu keenyaaf namoota utubaa nuuf ta’an, barsiisota keenya, hawaasa naannoo keenyaa amala kana akka horannuuf ga’ee ba’ate, manneen barumsaa keenya darbees biyya keenyallee yaadannee galateeffachuu qabna.
Dajanee Bulchaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 16 Bara 2014