Tokkummaan injifannoo atileetiksiirratti mul’ate hundarratti itti haa fufu

 Tibba kana dhimma Itoophiyaanoota tokko taasisetu ture. Itoophiyaanoonni biyya keessaa kallattii arfaniin jiran, kanneen biyya alaa jiran addaddummaa siyaasaa, amantii, eenyummaa, korniyaafi kanneen biroo utuu isaan hindaangessiin sagalee tokkoon gammachuusaanii ibsataa jiru.

Injifannoon atileetoti Itoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaarratti galmeessisaa jiran lammiin hundi afaan tokko akka dubbatu taasiseera. Yoo xiqqaate guddaa xiqqaan hamileedhaan dorgommii atileetotaa kana hordoofuurra darbee akka isaan injifataniif akkaataa amantiisaatti kadhateera. Yommuu injifataniis gammachuudhaan utaaleera.

Injifannoo kan duuba kan jiru Itoophiyaanummaadha. Atileetoti mo’ataniifi mo’achaa jiran eessaa dhufan, qomoo kamirraati kan jedhu hinjiru. hunduu nu boonsan jedhee gammachuusaa ibsata. Inni kaan miidiyaa hawaasummaarratti, inni kaan bakkuma jirutti gammachuusaa ibsata. Kan argaa wali hinbeekneef dorgommicha akka tasaa walbira taa’ee daawwataa turellee ka’ee wal hammateera.

Miirri tokkummaafi jaallalli biyyaa mul’atu kun utuu damee hundarratti mul’atee nama jechisiisa. Keessumaa yeroo ammaa namni sababa barbaadee addaddummaasaa labsuufi mul’ifatu kanatti yaada walfakkaataafi jaalala biyyaa akkanaa arguun kan nama gammachiisuudha.

Kanarraa wanti baratamuu qabu hammam addaddummaa yaadaa, siyaasaa, eenyummaafi qomoo qabaanullee biyyii kan waloo ta’uusheeti. Akkuma gammachuun uumame tokkummaan nu gammachise, dhukkubbiin biyyaas nu dhukkubuu qaba. Miidhaan biyyaa nu ilaallachuu qaba. Hundi keenya sagalee tokkoon biyyattiif dubbachuufi iyyuufii qabna.

Ajandaa siyaasaa namoota muraasaatiin tokkummaan keenya diigame injifannoo atileetotaatiin tokko ta’ee akkuma mul’ate waa hundarratti tokko ta’uutu nurraa miidhaga. Tokkummaa keessa miidhagina, guddina, abdii ifaafi fuulduree bareedaatu jira waan ta’eef tokkummaan mul’ate kun cimee itti fufuu qaba. Taateen biyyattiirratti ta’u kamuu hunda keenyatti dhaga’aamuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 16 Bara 2014

Recommended For You