Waancaa addunyaa eenyuufaatu fudhate?

Waa’ee kubbaa miilaa yoo kaafnu dafee sammuu keenyatti kan dhufu waancaa kubbaa miilaa Addunyaati.Waancaan kubbaa miilaa addunyaa kun eessatti akka eegale, eenyuufaan akka fudhatan barreeffama torban lamaan darban Gaazexaa Bariisaarratti ba’een agarsiisuu yaalleerra. Torban kanas seenicha itti fufuun dhiheessineerra.

Waancaan Kubbaa Miilaa Addunyaa torbaffaan kan keessummeeffame ALA bara 1962 magaalaa guddoo Chiilii Saantiyaagootti ture. Biraaziil Meeksiikoo 2-0n mo’attee, Cheekoziloovaakiyaa wajjiin 0-0n adda baate. Ispeen 2-1n, Ingiliiz 3-1n, qopheessituu waancaa Chiilii 4-2n mo’achuun yeroo lammaffaaf shaampiyoonaa ta’uun waancaa fudhatteetti.

Walmorkii kanatti galchoonni 89 kiyyoodhaan yoo walargan, Albart kan Hangaarii, Ivaanoon kan Ruusiyaa, Saancheez kan Chiilii, Gaariinchaafi Vaavaan Biraazilirraa wal qixa galchoota afur, afur galchuudhaan taphattoota beekamoo ta’uun badhaasa Waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaa qopheesse addaan hirataniiru.

ALA bara 1966 waancaa kubbaa miilaa saddeettaffaa kan qopheessite Ingiliizii turte. Yeroo sana qopheessituun waancaa Ingiliiz Uraaguwaay wajjiin 0-0 adda baatee, Meekisiikoofi Faransaay qabxii walfakkaatun 2-0n, Arjeentiinaa 1-0n, Porchuugaal 2-1n mo’achuun Jarman wajjiin waancaaf dhihaatte. Biyyoonni lamaan tapha daqiiqaa 90tti 2-2n adda bahusaanitti daqiiqaa dabalataa 30 keessatti taphataan Ingiliiz Jiiyof Hartis jedhamu walitti aansee galchoota lama galchuun Ingiliiz 4-2n mo’achuun waancaa fudhatteetti.

Seenaa kubbaa miilaa keessatti taphni kubbaa miilaa addunyaarratti akka beekamu kan taasiste Ingiliizi Jedhama. Biyyi tapha kana addunyaarratti beeksiste tun hanga waancaan kubbaa miilaa addunyaa ALA bara 2018 Ruusiyaatti adeemsifamutti yeroo 16 hirmaachuun bara 1966 al tokko qofa waancaa ofii qopheessitee fudhatteetti.

Walmorkiiwwan 32n adeemsifamanitti walumaagala galchoonni 89 kan galan yoo ta’u, taphataa beekamaan garee Porchugaal Ezoopiyoon galchoota sagal galchuun taphataa beekamaa ‘FIFA’ ta’uun badhaasa addaa argateera.

Itti fufa

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 9 Bara 2014

Recommended For You