Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa

Finfinnee: Akaakuuwwan ispoortii addunyaarratti jaalatamaniifi hordoftoota baay’ee horatan keessaa tokko ispoortii atileetiksiiti. Taphiiwwan Olompikiifi Shaampiyoonaan Atileetiksi Addunyaa ammoo waltajjiiwwan gurguuddoo ispoortiin kun irratti keessummaa’udha.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa abbummaan gaggeessaa kan jiru Waldaan Atileetiksii Addunyaa dorgommii kana gaggeessuuf yaada kan dhiheesse ALA bara 1913 ture. Haata’u malee Koreen Olompikii Biyyooleessaa taphawwan olompikii wajjiin walitti bu’a jechuun yaadicha osoo hinfudhatiin hafeera.

Waldichi osoo abdii hinkutatiin waggoota 60 booda walga’ii bara 1976 Ameerikaa, magaalaa Portoo Riikootti adeemsifamerratti yaadni kun irra deebiin ka’uusaatiin asusaatti fudhatama argateera. Haaluma kanaan shaampiyoonaan jalqabaa magaalaa Jarman Istuut Gartiifi magaalaan Fiinlaandii, Heelsinkiin keessumeessuuf gaafatan.

Koreen Federeeshinii Atileetiksii Addunyaas Fiinlaandii filachuun Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa inni jalqabaa magaalaa guddoo Fiinlaandii, Heelsinkiitti ALA bara 1983 adeemsifame.

Koreen gaggeessituu hojii federeeshinichaa shaampiyoonaan kun waggaa lamatti al tokko biyyoota addaddaatti akka adeemsifamu waan murteesseef shaampiyoonichis kan baranaa yeroo 18f adeemsifameera.

Shaampiyoonaa jalqabaa kanarraatti akkaaku ispoortii 41n biyyoota miseensoota waldichaa 153 irraa atileetonni kuma tokkoofi 355 hirmaataniiru. Itoophiyaa bakka bu’uun fiigicha maaraatonitiin kan hirmaate Kabbada Baalchaa meedaaliyaa meetii tokko biyyaafis, ofisaafis argamsiisuun atileetii duraa ta’un galmaa’eera.

Shaampiyoonaawwan kanaan dura adeemsifaman 17tti biyyoota miseensoota Waldaa Atileetiksii Addunyaa 214 keessaa 102 qofa gabatee meedaaliyaa keessa galaniiru. Biyyoota Afrikaa 54 keessaa ammoo 25 qofatu meedaaliyaa argate. Walumaagalatti meedaaliyaawwan kumni lamaafi 347 badhaasaaf kan kennaman yoo ta’u, kunneenis warqii 779, meetii 787, nahaasa 781 ta’usaati.

Ameerikaan meedaaliyaawwan warqii 170, meetii 117, nahaasa 94 walumaa galatti meedaaliyaawwan 381 argachuudhaan Addunyaarraa biyya duraati. Keeniyaan meedaaliyaawwan warqii 60, meetii 50fi nahaasa 41 dimshaashumatti meedaaliyaawwan 151 fudhachuun Afrikaarraa tokkoffaa, addunyaarraa ammoo lammaffaa yoo taatu, Itoophiyaan meedaaliyaawwan warqii 29, meetii 30fi nahaasa 26 walumaagala meedaaliyaawwan 85n argachuudhaan Afrikaarraa lammaffaa, addunyaarraa ammoo sadarkaa 7ffaarratti argamti.

Meedaaliyaawwan Itoophiyaan argatte kanneen keessaa dorgommii meetira kuma shaniifi kuma kudhaniin warqii shaniifi meetii tokko waliigala meedaaliyaawwan jaha argachuun dubaraan Xirunash Dibaabaa, warqii shaniifi nahaasa tokko dimshaashumatti meedaaliyaawwan jaha argachuun dhiiraan Qananiisaa Baqqalaa Itoophiyaarraa atileetota duraati. Kuma shaniifi kuma kudhaniin Haayilee Gabrasillaasee meedaaliyaawwan warqii afur, meetii lamaafi nahaasa tokko, dimshaashumatti meedaaliyaawwan torba argachuun isaa kan yaadatamuudha.

Haayilee Gabrasillaasee Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa arfaffaa kan ALA 1993 Jarman, magaalaa Istuut Gartitti adeemsifameetti fiigicha meetira kuma kudhaniin meedaaliyaa warqii, kuma shaniin ammoo meetii argamsiisuun isaa kan yaadatamuudha. Haayilee wayita dorgommii kanarratti hirmaachuun mo’atu dargaggeessa umrii 18 ture.

Shaampiyoonaan kun baranas yeroo 18ffaaf Magaalaa Ameerikaa Oriiganitti kaleessa galgalarraa kaasee ALA hanga Hagayyaa 24 bara 2022tti adeemsifama. Biyyoota miseensoota waldichaa 214 keessaa biyyoonni 192 akaakuwwan ispoortii atileetiksii 49n atileetonni kuma tokkoofi 972 hirmaachaa jiru.

Itoophiyaanis shaampiyoonaa kanarratti hirmaachuuf garee atileetoota 49 qabuun fiigicha meetira 800 hanga maaraatonitti hirmaachaa jirtti. Qabxiin isaanii maxxansaaf nuu qaqqabuu baatus dorgommiin gulaalaa fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadii dhiiraan, fiigicha meetira kuma tokkoofi 500 dubaraan shaampiyoonaa kana jalqabdeetti.

Dorgommii meetira kuma sadii kan dhiirota jidduutti adeemsifametti Lammeechaa Girmaa, Haayilamaariyaam Amaareefi Geetinnat Waalee hirmaataniiru. Kuma tokkoofi 500n kan dubaraatti ammoo Gudaaf Tsaggaayee, Firewayinii Haayiluufi Hiruut Mashashaa dorgomaniiru. Shaampiyoonichi har’as itti fufuudhaan dubartootaan fiigicha gulaalaa meetira kuma sadiin Maqdas Abbabaa, Warqiwuhaa Getaachoofi Siimboo Alamaayyoo ni hirmaatu.

Akkasumas, atileetonni Itoophiyaa ni mo’atu jedhamee kan eegamu fiigichi meetira kuma kudhanii dubartoota gidduutti ni gaggeeffama. Hirmaatonnis Latasanbat Giday, Ijjigaayyoo Taayyeefi Soosinnaa Mulaati.

Boru ammoo dhiirotaan dorgommii maaraatoniitiin Leelisaa Disaasaa, Taammiraat Tolaa, Mosinnat Garramoofi Seeyifuu Turaa, fiigicha meetira kuma kudhanii dhiiraan Salamoon Baaraggaa, Taaddasaa Warquufi Barrihun Aragaawwii meedaaliyaadhaaf kaadhimamaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 9 Bara 2014

Recommended For You