Ashaaraa Magariisaa: Wabii ittisa faalama qilleensaa

Addunyaarratti yeroo jijjiiramni haala qilleensaa dabalaa jiruufi jireenya dhala namaatti qormaata guddaa ta’aa dhufe kanatti, yeroo sababa mancaatii bosonaatiin dacheen qullaatti haftee duumessi samiirraa baqatee gammoojjummaan babal’achuudhaan hongeen sodaa guddaa uumaa jiru kanatti, yeroo bineensotni bosonaa iddoo jireenyaa dhabanii dhaabbiidhaan iddoo tokko boqachuu dadhaban kanatti Itoophiyaan furmaata guddaa tokkoon as baate.

Rakkoo jijjiirama qilleensaafi faalama qilleensa addunyaa amma yaaddoo guddaa ta’e kanaaf magariisummaa uumamaa deebisuun dirqama addunyaan itti fufiinsaan raawwachuu qabdu ta’uu Itoophiyaan sagantaa “Ashaaraa Magariisaatiin” adunyaaf ibsite.

Itoophiyaan sochii leegaasii ‘Ashaaraa Magariisaa’ kana bara 2011 kan eegalte yoo ta’u, waggoota afur darban keessatti biqiltuu biiliyoona 20 ta’an sagantaa kanaan dhaabuuf karoorfamee ture. Haata’u malee, sochii qindaa’aa hanga bara 2013tti taasifamaa tureen biqiltuuwwan biiliyoona 18 ta’an dhaabuun danda’ameera. Kan ganna kana dhaabamu yoo itti dabalame immoo karooraan ol raawwatameera.

Raawwiin kun karoorri dhaabbii biqiltuuf gara fuulduraatti qabamu kanaa gad ta’uu akka hinqabne karoora qabameen olitti raawwachuun milkaa’ina hojichaa kan agarsiisuudha.

Kanaaf sochiin Itoophiyaan furmaata jijjiirama qilleensaa waaraaf eegalte kun biyyoota ollaa jiran waliin hojjechuufis kan haala mijeesse waan ta’eef, muuxannoo kana biyyoota ollaaf qoodaa jirti. Ammas taanaan biyyoota fedhii kana qabaniif muuxannoo walfakkaataa qooduudhaaf qophii ta’uushees yeroo garaa garaatti ibsaa jirti.

Waan ta’eefis addunyaa jireenyaaf mijjatu dhaloota egeree dhaalchisuudhaaf biyyootni hundi leegaasii ‘Ashaaraa Magariisaa’ kanatti akka makamaniif Itoophiyaan waamicha addaan hincitne taasisaa turte; jirtis.

Itoophiyaan ofiisheerra darbuun biqiltuu qopheessuudhaan biyyoota ollaa keessa sochii taasisaa kan turte yoo ta’u, “Rakkoo hunda keenya miidhu furuun hirmaannaa hunda keenyaa gaafata” ejjannoo jedhu qabachuun misooma walootiif biyyoota ollaashii hirmaachisuun sagantaa ‘Ashaaraa Magariisaa’ sadarkaa olaanaan milkeessuuf hojjechaa jirti.

Naannoon Oromiyaa bara qabametti biqiltuu biiliyoona 4.3 dhaabuuf kan karoorfate yoo ta’u, yeroo ammaatti hojiin dhaabbii biqiltuu godinaalee, aanaaleefi gandoota baadiyyaafi magaalota naannichaa hunda keessatti bal’inaan gaggeeffamaa jira.

Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti hojiin dhaabbii biqiltuu ‘Ashaaraa Magariisaa’ karaa idilaa’een haala ho’aa ta’een itti fufee kan jiru yoo ta’u, Adoolessi 11 bara 2014, Oromiyaatti guyyaa seenaa addaa itti galmeessuuf qophiin guddaan taasifamaa jiru ta’uutu himama.

Hojii Itoophiyaan hojjachuuf karoorfatte hunda keessatti hirmaannaa sadarkaa duraafi qooda olaanaa ta’e ba’achuun kan beekkamtu Oromiyaan, sagantaa ‘Ashaaraa Magariisaa’ guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 400 dhaabuuf qophaa’aa jirti.

Baay’inna qonnaan bulaafi humna hojjataa, dargaggootaafi qaamolee hojii kana milkeessuu danda’anii gahaa ta’e kan qabduufi utubaa biyya kanaa kan taate Oromiyaan, muuxannoo kanaan dura naannichatti galmaa’aa turerraa ka’uun milkaa’ina karoorichaarratti shakkiin hinjiraatu.

Walumaagalatti, Adooleessi 11 guyyaa guutuu gandoota baadiyyaafi magaalota Oromiyaa hunda keessatti guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miiliyoona 400 ol dhaabamuuf karoorfame waan ta’eef, qaamni hunduu guyyaa seena qabeessa kanarratti hirmaachuun karoora qabame milkeessuuf tumsa barbaachisu akka taasisaniif waamichi taasifameeraafi.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 9 Bara 2014

Recommended For You