Waancaa addunyaa eenyufaatu fudhate?

Kutaa 2ffaa

Torban darbe barreeffama mataduree waancaa kubbaa miilaa addunyaa eenyuufaatu fudhate jedhu jalatti waa’ee seenaa waancaa kubbaa miilaa addunyaa isin dubbisiisuu eegaluun keenya ni yaadatama. Har’as seenicha itti fufuudhaan kan dhiheessinu ta’a.

Waancaa kubbaa miilaa addunyaa lammaffaa ALA bara 1934 akka qopheessitu kan filatamte Xaaliyaanii turte. Sababnisaa Xaaliyaanis waancaa kana qopheessuuf humna akka qabdu koree teknikaa “FIFA”tiin mirkanaa’usaatiini. Yeroo sana biyyoonni hirmaatan 13 irraa gara 16tti guddatan.

Biyyoota walmorkii kanarratti hirmaatan keessaa qopheessituun waancaa Xaaliyaan Giriik 4-0n, Ameerikaa 7-1n, Ostiriyaa 1-0n, Riippaabilika Cheekiifi Ispeen qabxii walfakkaatu 2-1n mo’achuun abbaa waancaa taateetti.

Walmorkii kanatti lammiin Jarman Konneen, kan Riippaabilika Cheek Needeejiiliiniifi kan Xaaliyaan Chiiyaaviyaan walqixa galchawwan afur afur galchuun taphattoota beekamoo waggaa ta’uudhaan badhaasa “FIFA” badhaafamaniiru.

ALA bara 1938 waancaa kubbaa miilaa addunyaa sadaffaa qopheessuuf kan kaadhimamte biyya Awuroppaa kan taate Faransaayi turte. Biyyoonni 16 mo’anii darbuutiin kan irratti hirmaatan walmorkii kanarratti, Xaaliyaan qopheessituu waancaa Faransaay 3-1n, Biraaziil 2-1, Hangaarii 4-2n, Noorweey ammoo 2-1n mo’achuudhaan yeroo lammaffaaf waancaa kubbaa miilaa addunyaa fudhatte.

Tapha kanarratti galchoonni 84 kan galan yoo ta’u, isaan keessaa saddeet galchuudhaan lammiin Biraaziil Liiyoondas jedhamu taphataa beekamaa galchaa “FIFA” ta’uun badhaafameera.

Walmorkiin ALA bara 1944fi 1948 adeemsifamuun irra ture waancaan kubbaa miilaa addunyaa sababa waraana addunyaa lammaffaatiin osoo hinadeemsifamiin hafeera.

Haaluma kanaan waancaan kubbaa miilaa addunyaa arfaffaan kan adeemsifame bara 1950 ture. Kan adeemsifames magaalaa guddoo Biraaziil Riiyoo Dijeenerootti. Sababa waraana addunyaa lammaffaatiin lakkofsi biyyoota hirmaattotaa gadi bu’uudhaan walmorkichi kan adeemsifame hirmaattota 15 gidduutti ture.

Walmorkii kanatti Uraaguwaay Booliiviyaa 8-0n, Siwiidiin 3-2n, Ispeen wajjiin 2-2n adda baatee, Biraaziil ammoo Istaadiyoomii Maaraakaanyaatti daawwataafi deeggaraashee kuma 205 fuulduratti 2-1n mo’achuun yeroo lammaffaadhaaf waancaa fudhachuu dandeesseetti. Galchoonni 88 kiyyoodhaan kan walargan yoo ta’u, taphataa beekamaan Biraaziil Adimiiri jedhamu galchoota torba galchuudhaan badhaasa addaa badhaafameera.

Waancaan kubbaa miilaa addunyaa shanaffaan kan qophaa’e bara 1954 Siwiizarlaandi, magaalaa Barnee jedhamtutti ture. Biyyoonni 16 ramaddii afuritti hiramuun tapha gulaalaa duraa adeemsifataniiru. Walmorkii kanatti Jarman Turkii 7-2n, Hangaarii 3-2n, Yugoozilaaviyaa 2-0n, Ostiriyaa 6-1n mo’achuun waancaa fudhatteetti. Taphiwwan 26 kan taasifaman yoo ta’u galchoonni 140 galaniiru.

Galchoota kanneen keessaa taphataan garee Haangaarii Kokiliis jedhamu galchoota 11 galchuun badhaasa waldaa kubbaa miilaa addunyaa badhaafameera.

Wanti nama dinqu yeroo walmorkiin kun adeemsifamu qopheessituun waancichaa Siwiizarlaandi tapha irboo maaheessaatiin Ostiriyaa 3-0n dursaa osoo jirtuu 7-5n mo’amuun ishee seenaa ta’uun galmaa’eera.

Waancaan kubbaa miilaa addunyaa jahaffaa ALA bara 1958 magaalaa Siwiidiin Istookiholamitti adeemsifameera. Taphaanis Biraaziil Ostiriyaa 3-0n, Ingilaandi wajjiin 0-0n adda baatee Tokkummaa Soviyetii durii (Ruusiyaa) 2-0n, qopheessituu waancaa Siwiidiin 5-2n Weelsii 1-0n mo’achuun waancaa fudhatteetti. Wal morkii kanatti dargaggeessa yeroo sana umrii 17 ture, amma maanguddoo waggaa 81 kan ta’e mootiin kubbaa miilaa addunyaa Peeleen garee kubbaa miilaa Biraaziliif taphateera.

Galchoonni 126 kiyyoodhaan yoo walargan kanneen keessaa dhalootaan Morookoo, lammuummaadhaan ammoo Faransaay kan ta’e Foonteen galchoota 13 galchuudhaan taphataa beekamaa “FIFA” ta’uudhaan badhaasa addaa fudhateera.

Foonteen seenaa tapha waancaa kubbaa miilaa addunyaa keessatti hanga ammaatti taphataa galchoota baay’ee galche ta’uun galmee waldaa kubbaa miilaa addunyaa keessatti galmaa’uun nama riikordii qabatee jiruudha. Foonteen ALA bara 1933 Morookoo, Firaanchi Maaraakaashitti kan dhalate yoo ta’u bara 1950 irraa kaasee kubbaa miilaa taphachuu jalqabe.

Bara 1950 irraa kaassee hanga bara 1962 garee biyyaaleessaa Faransaayiifi kilaboota addaaf yeroo 248 hiriiruudhaan galchoota 222 kiyyoodhaan walagarsiseera. Foonteen ammaan tana maanguddoo umrii 88ti.

Itti fufa

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 2 Bara 2014

Recommended For You