Shaampiyoonicharratti Itoophiyaanonni ni eegamu

Finfinnee: Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa kan Waldaa Atileetiksii Addunyaatiin waggaa lamatti al tokko qophaa’u erga jalqabee oolee buleera. ALA bara 1983 Fiilaandi, magaalaa Heelsinkitti kan jalqabame shaampiyoonaan kun kanaan dura yeroo 17f biyyoota miseensota waldichaatti adeemsifameera.

Baranas yeroo 18ffaaf ALA Hagayyaa 15-24 bara 2022 Ameerikaa, magaalaa Iwujiinitti adeemsifama. Shaampiyoonaa kanarratti biyyoota miseensota waldichaa 206 irraa atileetonni kuma tokkoofi 780 ta’an akaakuuwwan ispoortii atileetiksii 49n ni hirmaatu.

Itoophiyaanis shaampiyoonaa kanarratti hirmaachuuf Waxabajjii 12 bara 2014 irraa kaastee atileetota hirmaatan filachiisuun hoteela galanii qophaa’aa jiru.

Leenjisaan garee atileetiksii biyyaaleessaa Itoophiyaa Komaandar Husseen Shiboo qophii kana ilaalchisuun Roobii darbe Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, bara kana yoomiyyuu caalaa cimanii dhihaachuu himu.

Itoophiyaan kan hirmaattu fiigicha meetira 800 hanga maaraatoonitti dhiiraaf dubaraan yoo ta’u, qabxii gaarii fiduuf duraan dursanii shaakala jalqabusaaniis ibsaniiru.

Itoophiyaan shaampiyoonaawwan kanaan dura adeemsifamanitti meedaaliyaawwan warqii 29, meetii 30, nahaasa 26 walumaagalatti meedaaliyaawwan 85 argachuun addunyaarraa torbaffaa, Afrikaarraa ammoo Keeniyaatti aantee lammaffaa ta’ushees Komaandar Huseen addeessaniiru.

Haaluma kanaan shaampiyoonaa baranaa kanarratti atileetonni addunyaarratti dandeettiifi muuxannoo olaanaa qaban waan hirmaataniif akaakuuwwan atileetiksii hirmaatanitti meedaaliyaa hedduu argachuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Keessumaa fiigicha dheeraafi maaraatooniidhaan akkuma kanaan duraa atileetoonni Itoophiyaa ni mo’atu jedhamee eegamaa akka jirus leenjisaan kun ni himu.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 2 Bara 2014

Recommended For You