Biiroon Lafa Oromiyaa torban darbe Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti raawwii karoora hojii bara 2014fi qophii karoora hojii bara 2015 irratti mari’ateera. Hoggantoonni bulchiinsa lafaa sadarkaa naannoo, godinaalee, aanaaleefi bulchiinsa magaalaatti jiran waltajjii marii guyyoota afuriif adeemsifamaa turerratti kan hirmaatan yoo ta’u, xumura marichaarrattis kallattiin hojii bara 2015 taa’eera.
Biirichi aanaalee, magaalotaafi godinaalee kaadastara lafaa hojiirra oolchuu, sirna bulchiinsa lafaa ammayyeessuu akkasumas saamicha, weeraraafi yakka lafarratti raawwatamu xiqqeessuu keessatti hojii fakkeenyummaa qabu raawwataniif beekamtiifi badhaasa adda addaa kenneera.
Haaluma kanaan Godina Gujiirraa Aanaa Sooraa, Godina Harargee Bahaarraa, Aanaa Qarsaa, Godina Baaleerraa, Aanaa Gobbaa walduraa duubaan sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaatti ba’uun waraqaa ragaafi doqdoqqee badhaafamaniiru.
Magaalonni Galaan, Duukamiifi Laga Xaafoo Laga Daadhii ammoo walduraa duubaan sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaatti ba’uudhaan akkasuma waancaafi doqdoqqee badhaafamaniiru. Magaalaa Muummee naannichaa keessaa ammoo magaalaan Bishooftuu, Adaamaafi Buraayyuu walduraa duubaan 1ffaa hanga sadaffaatti ba’uun isaanis waancaafi doqdoqqee badhaafamaniiru. Kantiibonni magaalaa Adaamaa, Laga Xaafoo Laga Daadhii, Galaan, Bishooftuu, Duukamiifi Buraayyuus waraqaa ragaafi waancaa badhaafamaniiru.
Godinaalee wareegama guddaa kaffaluun bulchiinsa lafaarratti hojii bu’a qabeessa hojjetan keessaa ammoo godinaaleen Harargee Bahaa, Jimmaafi Arsii walduraa duubaan sadarkaa tokkoffaa hanga sadaffaatti ba’uudhaan waraqaa ragaa, waancaafi konkolaataa badhaafamaniiru.
Hogganaan Biiroo Lafa Oromiyaa Obbo Guutaa Laachooree akka jedhanitti, qabeenyi guddaan naannichi qabu humna namaafi lafa. Lafti lafeefi eenyummaa keenya. Mootummaan naannichaa bulchiinsa qabeenya lafaa kana ammayyeessuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jira. Bara bajataa 2014ttis sirna bulchiinsa lafaa ammayyeessuuf dhimmoota gurguddoo afur irratti xiyyeeffatee hojjechaa ture. Isaanis tajaajila si’ataa, qulqulluufi haqa qabeessa ta’e ummataaf kennuu, sirna kaadastara seeraa baadiyyaafi magaalaatti hojiirra oolchuu, ijaarsa seeraan alaafi qubannaa seeraan alaa to’achuufi karoora itti fayyadama lafaa hojiirra oolchuudha jedhu.
Bara 2014 sochii kenniinsa tajaajilaa mirkaneessuuf taasifamaa tureen hoggantoota sababa gahaa malee abbaa dhimmaa deddeebisaa turan 150 ol irratti tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamuu eeranii, kenna tajaajilaa karaa ammayyaa ta’een gaggeessuuf yaalii taasifameen hojiileen magaalota Adaamaa, Bishooftuu, Buraayyuu, Laga Xaafoo-Laga Daadhii, Galaaniifi Duukamitti eegalaman abdii guddaa kan namatti horan ta’uufi hojiin kenna tajaajilaa karaa ‘online’ jalqabes cimee kan itti fufu ta’uu himu.
Sirna kaadastara seeraa hojiirra oolchuun lafa baadiyyaafi magaalaa sirriitti to’achuuf kan gargaaru ta’uu ibsanii, bara bajataa 2014 baadiyyaatti qonnaan bultoota miliyoona 1.2 oliif ragaan kaadastara seeraa ammayyaa’aan kennamuu kaasu. Qonnaan bultoonni ragaa kana argatan baankiirraa qarshii liqeeffachuun hojiilee invastimantii gara garaa akka jalqaban taasisuurra darbee waldhabdee lafaan walqabatanii mul’atanis hir’iseera jedhu.
Bara bajataa darbe sochii ijaarsaafi qubannaa seeraan alaa to’achuuf taasifamaa tureen lafti magaalaa heektaara 385.19, kan baadiyyaa ammoo heektaara kuma 16fi 583 ol gara baankii lafaatti akka deebi’u ta’eera kan jedhan Obbo Guutaan, hojiin weerara lafaa magaalaafi baadiyyaatti raawwatamu hambisuuf taasifamu gara fuulduraattis xiyyeeffannaa olaanaadhaan cimee kan itti fufu ta’uufi hojii kana milkeessuu keessatti qaamoleen haqaa gahee isaanirraa eegamu sirnaan akka bahataniif gaafataniiru.
Biiroo Lafa Oromiyaatti, Hogganaa Ittaanaafi Ittigaafatamaa Damee Kaadastaraa Obbo Tukkannaa Odaa akka jedhanitti, lafa naannoo Oromiyaa weeraraafi saamicharraa bilisa taasisuun dhaloota har’aa qofa utuu hintaane kan boruufis faayidaa olaanaa qaba. Kanaafuu sochiin saamichaafi weerara lafaa hanbisuuf sadarkaa biirootti jalqabame hanga sadarkaa gadiitti cimee itti fufuu qaba. Ijaarsiifi qubannaan seeraan alaa kan raawwatamu sadarkaa gandaatti waan ta’eef hojiin sadarkaa gandaatti lafarratti hojjetamu cimuu qaba.
Lafti qabeenya baay’ina ummataa waliin hindaballe waan ta’eef hawaasni lafasaa faayidaafi qarshii har’a argatuun of harkaa baasuu akka hinqabne yaadachiisanii, faayidaafi qarshii har’a argannu ilaallee lafa of harkaa baasuun gaabbii waggoota hedduu kan dhaloonni booda jiru ittiin nama abaaru ta’uu himu. Siyaasni, hawaasummaan, dinagdeefufi jiruufi jireenyi ummata addunyaa lafaan walqabata. Kanaafuu qabeenya addaa kana saamichaafi hannarraa bilisa goonee sirnaan bulchuufi ittifayyadamuu qabna jedhu.
Gama kanaan hawaasa Oromoo naannawaa Finfinnee jiraaturraa fakkeenya fudhachuu akka danda’amu kaasanii, hawaasni naannawaa Finfinnee waggoota muraasa dura seeraan ala lafasaarraa buqqa’ee, dhiibamee aadaafi duudhaasaa hawaasa dhabeedha. Kanaafuu lafa keenya ofharkaa baasuu jechuun aadaa, duudhaafi eenyummaa keenya dhabuu ta’uu dubbatu.
Lafa jala wantoota hinmul’anne hedduutu jira. Nuti qabeenya lafarra jiru malee qabeenya dhokataa lafa jala jiru hinbeeknu. Kanaafuu lafa keenya meetira tokko mitii seentimeetira tokkoof gatii guddaa kennuu qabna jedhu.
Biiroon Lafa Oromiyaa lafarratti jijjiirama bu’uuraa fiduudhaaf sirna bulchiinsa lafaa ammayyaa diriirsuun ejjennoo cimaa qabachuun hojjechaa jiraachuu himanii, ciminoonniifi hanqinoonni gama kanaan bara bajataa 2014 keessatti mul’atan adda ba’uu himu. Bara bajataa 2015tti ciminoota jiran kan waloo godhachuun hanqinoota mul’atan furuurratti xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uus eeraniiru.
Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Misooma Baadiyyaa Obbo Abdurramaan Abdallaa akka jedhanitti, lafti lafee keenya yoo jennu kallattii gara garaatiin ilaalamuu danda’a. Ajandaan qabsoo siyaasa Itoophiyaa jalqabarraa kaasee hanga har’aatti jiru irra jireessaan dhimma lafaafi dinagdeetiin walqabata.
“Kanaafuu dhimmi lafaa dhimma dinagdee qofa utuu hintaane ajandaa siyaasaa ta’uusaa sirriitti hubachuun gaariidha. Gaaffii dinagdee yoo jennu gaaffii lafaa jechuudha. Lafti bu’uura hojii misooma magaalaafi baadiyyaati waan ta’eef misoomaafi omisha jiruufi jireenya ummata keenyaa jijjiiru dhugoomsuuf humna misooma keenyaa guddaa kan ta’e qabeenya lafaa keenya sirnaan bulchuufi irraa fayyadamuun dhimma murteessaadha” jedhu.
Qabeenyi lafaa jiruufi jireenya hawaasa baadiyyaas ta’e magaalaa jijjiiruufi guddisuu keessatti qooda olaanaa kan qabu ta’uu himanii, lafti dhimma hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaatiin akka walqabatuufi lafti qabeenya guddaa imala badhaadhinaa milkeessuu keessatti gahee olaanaa qabu waan ta’eef akkaataa lafti itti hogganamaa jiru fooyyessuufi ammayyeessuun dirqama ta’uu himu. Kanaafuu alseerummaa, qisaasamaafi ijaarsa seeraan alaa lafarratti raawwatamaa jiru dhabamsiisuurratti xiyyeeffannee hojjechuu akka barbaachisu dubbatu.
Hoggantoonniifi ogeessonni seektara lafaarra hojjetan riifoormiin lafarratti eegalame cimee akka itti fufuuf kutannoo cimaan hojjechuu akka qaban kan yaadachiisan Obbo Abdurramaan, qaamoleen haqaas dhimma kanarratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban dhaamu. Riifoormiin eegalame sirnaan hojiirra oolee tokkoon tokkoon citaa lafaa gara kaadastara lafaatti kan galu taanaan ijaarsa, qubannaa seeraan alaafi saamicha lafaa hambisuun ni danda’ama jedhu.
Bulchiinsi magaalotaa, aanaaleefi godinaalee Oromiyaa bara bajataa darbe sirna bulchiinsa lafaa ammayyeessuufi kaadastara lafaa hojiirra oolchuun fakkeenyummaan eeramaniifi badhaafaman bara bajataa 2015ttis ittifufiinsaan cimanii hojjechuu akka qaban yaadachiisanii, badhaasichi kanneen hinbadhaafamne ammoo miira dorgommii keessa galanii hojii bu’a qabeessa akka hojjetaniif kan isaan kakaasu ta’uu dubbatu.
Waltajjii marii Biiroon Lafa Oromiyaa torban darbe qopheesserratti Godinni Harargee Bahaa bara bajataa 2014 hojii bulchiinsa lafaa ammayyeessuufi kaadastara lafaa bal’inaan hojiirra oolchuun raawwateen godinaalee Oromiyaa hunda (21) keessaa tokkoffaa ba’uun badhaasaafi beekamtii argateera. Ittigaafatamtuu Waajjira Lafa godinichaa Aadde Caaltuu Abdurramaan akka jedhanitti, badhaasniifi beekamtiin godinichaaf kenname ittigaafatamummaa guddaan itti kenname gara fuulduraattis milkaa’ina caaluuf akka hojjetaniif kan isaan kakaasu ta’uu ibsu. Akka godinichaatti bara bajataa darbe abbootii warraa kuma 400 ta’aniif kaartaan abbaa qabeenyummaa lafaa ta’uu mirkaneessu kennameera. Kunis qonnaan bultoonni kaarticha qabsiisanii qarshii liqeeffatanii gara dinagdeetti akka ce’aniif kan gargaaru ta’uu himaniiru.
Ijaarsa seeraan alaafi qisaasama lafaa hambisuudhaaf gara fuulduraattis hojii cimaan kan isaan eeggatu ta’uu himanii, sirna kaadastara lafaa cimsuufi sirnaan hojiirra oolchuun hojii xiyyeeffannaa cimaan irratti hojjetamuu qabu ta’uu eeru. Kana milkeessuuf qaamolee bulchiinsa lafaarra hojjetanii sadarkaa sadarkaan jiran waliin qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uus eeraniiru.
Sadarkaa magaalota muummeetti tokkoffaa ba’uun kan badhaafaman kantiibaa bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa akka jedhanitti, hojiin lafa irratti hojjetamu hojii guddaadha. Lakkoofsi ummataa dabalaa deemus qabeenya lafaarratti waa dabaluu hindandeenyu. Kanaafuu qabeenya lafaa qabnu saamicha, hannaafi weerara irraa bilisa taasisuun sirnaan bulchuufi ittifayyadamuu qabna. Ijaarsa seeraan alaa magaalota keessatti babal’atanii jiran ittisuunis dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamuudha.
Saamichaafi yakka lafarratti raawwatamu hambisuuf kaadastara lafaa hojiirra oolchuufi sirna bulchiinsa lafaa ammayyeessuun barbaachisaa ta’uu himanii, lafti tokko eessatti akka argamuufi tajaajila maaliitiif akka oolu adda baasanii beekuunis barbaachisaa ta’uu himu. Ogeessas ta’e hoggansi tajaajila lafti tokko kennuu qabu gara ofii barbaadutti jijjiiruu akka hinqabne hubachiisu.
Kaadastara lafaa hojiirra oolchuun ykn sirna bulchiinsa lafaa ammayyeessuun fayyadamummaa lafaa mirkaneessuu keessatti faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu himanii, bulchiinsi magaalattii bara bajataa 2014 kaadastara lafaa hojiirra oolchuurratti xiyyeeffatee hojjechaa turuufi kanaanis bu’aa gaariin argamuusaa eeraniiru.
Ilaalcha hoggansaafi ogeessota bulchiinsa lafaarra hojjetan jijiiruurrattis hojii bal’aa hojjenneerra kan jedhan kantiibichi, kun kaadastara lafaa hojiirra oolchuun qisaasama lafaa xiqqeessuun fayyadamummaa lafaa mirkaneessuuf kan isaan gargaare ta’uufi hojiin saamichaafi qisaasama lafaa hir’isuu kana gara fuulduraattis cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsu.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 2 Bara 2014