Imala tabbaa eegalameef taakkoo haa taanu

Biyyi keenya ammaan tana abdiifi qormaatawwan adda addaatiin marfamtee argamti. Keessumaa qormaataan walqabatee lammiilee nagaan addatti daa’imman, maanguddoonniifi dubartoonni garanaa garasii murnoota badii adda addaatiin ajjeefamuun taatee daran gaddisiisaafi sukanneessaadha.

Kunis kallattii guddinaa biyyi keenya qabatte fashaleessuuf shira badii diinonni Itoophiyaa alaa keessaa karoorfatanii xaxan keessatti kan eeramuudha. Keessumaa murnoonni Oromoon biyya hogganuun liqimfamuufi didee akka heexoo ittihadhaa’e ummataafi mootummaa biyyattii boqonnaa dhorkuuf dhagaan isaan hingaraglchine hinjiru.

Kanaafis karaa tokkoon saboota biyyattii sanyiidhaan, amantiidhaan, lagaafi kkfn qoodanii walficcisiisuuf akka meeshaatti fayyadamu. Alaafi keessaanis daboo badii walwaamanii dinagdeen biyyattii duruu qarreerra jiru akka hunkutaa’u, biyyi akka hintasgabboofne gochaa jiru.

Dhimma nageenyaa kana dheengadda ajaandaa ijoo godhatanii iddoo Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad argamanitti kan mari’atan miseensonni Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataas yaadota adda addaa furmaata jedhan kennaa turaniiru.

Ministirri muummeenis ejjennoo mootummaafi haala qabatamaa biyyi ammaan tana irra jirturratti ibsaafi yaada bal’aa yeroosaa eeggate kennaniiru. Ummataafi dhimmamtoota hundaafis waamichaafi dhaamsa dabarsaniiru.

Dhaamsasaaniitiinis, “Imala tabbaa Itoophiyaa yoo dandeessan ol dhiibaa; yoo hindandeenyeefi miirri isin injifate yoo xiqqaate akka hinsigigaanneef taakkoo jala kaa’aa; diinonni keenya kan barbaadan akka sigigaattu waan ta’eef kana gonkumaa hinraawwatiinaa. Itoophiyaan imala tabbaarra jirti; tabba kana bahuuf humna baay’ee; tokkummaafi walta’iinsa cimaatu barbaachisa” jedhan.

Dhuguma fedhiin diinota keenyaa akka duubatti deebinuudha; akka bittinnoofnuudha; diigamnuufi walitti buunuudha. Kun gonkumaa akka hintaaneef siyaaseessitoonniifi rogeessitoonni akkuma oggaa ajjeechaan raawwatamu qilleensa guutan akka nagaan bu’uufis dursanii hojjechuu qabu.

Gochi garajabeenyaa alaalatti dhageenyee rifataa turre oggaa biyya keenyatti raawwatamu arguu caalaa waanti nama suukanneessu waan hinjirreef lammiin biyya kanaa hundi kan ajjeese ebelu, kan du’e ebelu jechuun murna yakka hojjeteef mandhee barbaaduurra diina biyya diiguuf ulee mirmirfatee, waraana aggaammatee bookkisuu kamuurratti irree walta’een duuluun dirqama yeroon gaafatuudha.

Kan ifaajamaa jiru biyya lammiileen hundi qixxummaadhaan keessa jiraatan ijaaruuf waan ta’eef kanaaf ammoo imalli tabbaa eegalame akka milkaa’uuf hunduu qoodasaa gumaachuu qaba. Kanaafis finxaaleyyiin eessattuu haa gurmaa’anii keessisaanii summaa’aa waan ta’eef murnoota akkanaa ofirraa faccisaa imalli tabbaa eegalamee akka milkaa’uuf taakkoo haa taanu.

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 2 Bara 2014

Recommended For You