Manni Maree Bakka Bu’ootaa Ummataa walga’ii idilee 16ffaa bara hojii 1ffaa dheengadda taa’een yaadoonniifi gaaffileen garagaraa miseensotaan ka’aniif Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad deebii itti kennaniiru. Akkasumas bajatni bara 2015 ragga’eera.
Barreeffama kanaan dhimmoota Doktar Abiyyi deebii itti kennan keessaa kanneen nageenyarratti xiyyeeffatan qindeessinee dhiheessineerra.
Nageenya eegsisuu
Mootummaan nageenya lammiilee eeguuf sa’aatii 24:00 hojjechaa jira. Kanaanis qaamoleen nageenyaa lubbuu lammiilee baraaruuf lubbuu kennaa jiru. Manni maree bakka bu’oota ummataa qaamolee nageenyaa galateeffachuu qaba. Shororkeessummaan qormaata Addunyaati. Itoophiyaaf qofa kan kenname miti. Shororkeessummaan amala hedduu qaba waan ta’eef akkam goonee to’achuu dandeenya kan jedhurratti mari’achuu qabna.
Baay’inni Ummata Itoophiyaa miliyoona 100 oli. Kana hundaaf mootummaan nama tokkoof eegduu tokko ramaduu hindanda’u.
Ummanni bakka jirutti wal tumsuun nageenya isaa eeggachuun qaamolee nageenyaa tumsuu qaba.
Shira Shororkeessitootaa
Shirri shororkeessitootaa daandii badhaadhinaarraa duubatti nun deebisu. Shirri shororkeessitootaa nageenya biyyaa booressuun lammiilee nagaa miidhuudha. Kanaaf, shororkeessitoota kamirrattuu tarkaanfiin olaantummaa seeraa fudhachuu eegalle cimee kan itti fufu ta’a.
Kaayyoofi galmi garee kanaa miidhaa qaqqabsiisuu waan ta’eef gocha isaanii fashaleessuun daandii badhaadhinaa eegalle milkeessuuf tokkummaan keenya cimuu qaba. Humnoonni badii kun daandii imala keenyaaf gufuu kaa’uu danda’u garuu gochi isaanii kaayyoo keenyarraa duubatti nu deebisuu hin danda’u.
Ni qoramna garuuhin mo’amnu. Itoophiyaan gara badhaadhinaatti deemaa jirti. Daandiin gara badhaadhinaatti geessu gabaabaadha, garuu wal xaxaaadha. Kana milkeessuuf tokkummaafi wal utubuu gaafata. Daandiin gara duubaatti deebisu dheeraadha, garuu wal qixxaataadha.
Gara duubaatti deebi’uun diigumsaafi mucuchaachuudhas. Kanaaf, hunduu yoo danda’e biyya isaa Itoophiyaa gara badhaadhinaatti deemaa jirtu kana haa utubu; yoo dadhabe ammoo haa dhiisu malee gadi qabuuf ifaajuu hin qabu. Diinota keenya akka diigamnuufi wal miinu barbaadaniif daandii saaquu hin qabnu.
Shanee ilaalchisuun
Shaneen diina Oromooti, Shaneen eenyuufiyyuu kan garaa hinlaafne bineensadha. Maaliif bineensa ta’an isa jedhuuf qorannoo gadi fagoo barbaachisa, kaayyoo siyaasaa garuu hinqaban. Kaayyoon Shanee biyya diiguudha. Ijoolleen kee lamaan biyya baraaruuf duulaniiru jechuun abbaan Shaneen ajjeefameera. Maatiin hoggantoota raayyaa ittisaa ajjeeffamaniiru, hoggantoonni dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamaniiru.
Shaneen bakka bu’aa ummata Oromoo miti, diina olaanaadha, sababa Shaneetiin Wallagga keessa misoomni dhaabbateera. Diina kana diina hunduma keenyaati jennee yoo kaane ni balleessina.Garaa Shaneef laafu hinqabnu, humnoonni akka Shanee jiran fedhiinsaanii paarlaamaan, miidiyaan, addunyaan waa’eesaanii akka haasa’uufi. Isinitti himuu baannus tokkoon tokkoo daqiiqaa keessatti isaan waraanaa jirra. Fedhiin keenya biyya Itoophiyaanonni hundinuu walqixxummaan keessa jiraatan ijaaruudha, kanaafis hojjechaa jirra.
Kutaa qophiitiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 2 Bara 2014