Seenaa waancaa addunyaa

Kutaa 1ffaa

Waancaan kubbaa miilaa addunyaa akka qophaa’u yaani kan dhihaate ALA bara 1920 Yaa’ii 7ffaa Olompikii Beelijiyeem, kan magaalaa Antiweerpitti adeemsifamerratti akka ta’e seenaan saa ni muldhisa.

Haata’u malee waldaan kubbaa miilaa Addunyaa “FIFA”n dhumarratti ALA bara 1929 walga’ii Ispeen, magaalaa Baarseeloonaatti adeemsifatetti waancaan kubbaa miilaa addunyaa akka jalqabamu murtee dhumaa dabarse. Murteen darbes waancichi waggaa afuritti al tokko akka qophaa’u kan jedhuudha.

Haaluma kanaan Xaaliyaan, Neezarlaandis, Hangaariin, Siwiidin, Ispeeniifi Uraaguwaay waancaa kubbaa miilaa addunyaa jalqabaa kana qopheessuuf kaadhimaman.

Yeroo san biyyi waancaa qopheessu dedeebisaafi yeroo turtiisaanii dabalatee baasii biyyoota hirmaattota maraa ni danda’a murte jedhutu darbe. Haata’u malee biyyoota kaadhimaman kanneen keessaa baayi’eensaanii dinagdeedhaan duubatti hafoo waan ta’aniif hindandenyu jechuudhaan qopheessummaadhaa ala ta’an.

Dhumarratti Uraaguwaay waancaa kubbaa miilaa Olompikii ALA bara 1924fi 1928 mo’achusheetti, akkasumas waggaa dhibaffaa bilisa itti baate ALA bara 1930 waan kabajattuuf carraan qopheessummaa kennamef. Wanti nama dinqu biyyoota gaaffii dhiheessan keessaa qopheessituu waancaa Uraaguwaayin alatti hundisaanii waancaa addunyaa isa jalqabaarratti hinhirmaane.

Waancaa kubbaa miilaa Addunyaa isa jalqabaa bara 1930 magaalaa guddoo Uraaguwaayi, Montiviidootti qophaa’e kanarratti biyyoota 13 qofatu hirmaate.

Isaanis qopheessituu waancaa Uraaguwaay, Arjantiinaa, Biraaziil, Peeruu, Chiilii, Paaraaguwaay, Boliiviyaa, Meeksiikoo, Ameerikaa, Yugoozilaaviyaa, Rumaaniyaa, Faransaayifi Beeljiyeem turan.

Biyyoonni 13n kunneen ramaddii afuritti adda qoodamuudhaan tapha gulaalaa duraa qabxiidhaan kan adeemsifatan. Ramaddiisaaniirraa qabxii gaarii kan argatan Uraaguwaay, Arjantiinaa, Ameerikaafi Yugoozilaaviyaan tapha walakaa maahessaaf dhihaatan.

Walmorkii adeemsifametti Uraaguwaay Yugoozilaaviyaa Arjantiinaan ammoo Ameerikaa haaluma walfakkaatun 6-1n mo’achuudhaan tapha irboo maahessaatiif walargan.

Dhumarratti Uraaguwaay Arjantiinaa 4-2n mo’achuudhaan waancaa kubbaa miilaa Addunyaa isa seenaqabeessa jalqabaa kana fudhatte.

Uraaguwaay waancaa kubbaa miilaa Addunyaa jalqabaa kana kan fudhate Peeru 1-0n,Rumaaniyaa 4-0n,Yugoozilaaviyaa 6-1n, Arjantiinaa ammoo 4-2n mo’achuudhaani.

Yeeroo waancaan kubbaa miilaa addunyaa jalqabaa kun adeemsifame kanatti taphataa beekamaa Arjantiinaa Isteebilaa kan jedhamu galchoota saddeet galchuudhaan taphataa beekamaa “FIFA” ta’ee badhaasa addaa argateera.

Waancaan kubbaa miilaa addunyaa seenaqabeessi kun edda jalqabamee waggoota waggoota 92 ta’eera. Waggootan kanneen keessatti yeroo 24f qophaa’uun osoo isarra jiru sababii waraana addunyaa lammaffaa ALA bara 1944fi 1948 addaan citeen ala yeroo 21 adeemsifameera.

Waancaa kubbaa miilaa addunyaa kanarratti biyyoota miseensota waldaa kubbaa miilaa addunyaa “FIFA”215 keessaa 83 qofti hirmaataniiru.

Waancaan kun ardiiwwan adda addaatti qopheeffamuuf carraa argateera. Awuroppaatti yeroo 11f, Ameerikaa Kibbaatti yeroo shan, Ameerikaa Giddugaleessaatti yeroo sadii, Isiyaatti yeroo lammaffaaf, Afrikaatti ammoo yeroo tokko qophaa’eera.

Waancaa kubbaa miilaa addunyaa kanarratti Awuroppaarraa biyyoonni 34 hirmaataniiru. Waancaa kan fudhatan biyyoota shan qofa. Isaanis Xaaliyaanifi Jarman yeroo afur, afur, Faransaay yeroo lama, Ispeenifi Ingiliz ammoo al tokko tokko fudhataniiru.

Ameerikaa Kibbaarraa biyyoonni 11 hirmaataniiru. Biraaziil waancaawwan hundarratuu hirmaatteetti. Yeroo kana keessatti al torbaaf waancaaf dhihaate yeroo shan shaampiyoona ta’uudhaan waancaa fudhatteetti. Waancaa tokko ammoo kan dhunfaa godhatteetti.

Isiyaarraa biyyoonni 15, Afrikaarraa biyyoonni 13, Ameerikaa Giddugaleessaarraa biyyoonni 12 hirmaataniiru. Isaan keessaa biyyi takkallee mo’achuudhaan waancaa fudhachuuf carraa hinarganne.

Biyyoota Afrikaa 54 keessaa Misir, Morookoon, Zaayar, Tuniziyaa, Kaameeruun, Aljeeriyaa, Naayijeeriyaa, Senegaal, Afrikaa Kibbaa, Kotidivaar, Angoolaa, Toogoofi Gaanaan hirmaataniiru.

Waancaa kanarratti biyyoota Afrikaa bakka bu’uudhaan hirmaatan keessaa Misir tan jalqabaati. Yeroonsaa ammoo waancaa lammaffaa kan ALA bara 1934 Xaaliyaan qopheessiteerratti.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 25 Bara 2014

Recommended For You