Qiddus Giyoorgis waggaa afur booda waancaa fudhate

Finfinnee: Shaampiyoonaan kubbaa miilaa kilaboota liigii pirii meerii beeti Kiing Itoophiaa kan bara 2014 kaleessa Istaadiyooma Baahirdaaritti yoo xumuramu, kilabni hangaftichi Qidduus Giyoorgis waggoota afur booda shaampiyoona ta’uun waancaa fudhate.

Qiddus Giyoorgis abbaa waancaa kan ta’e walmorkii maashessaa kan kaleessa waaree dura kilaba Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee wajjin adeemsifatetti 4-0n mo’achuudhaani. Galchoonni kan argaman haara galfannaa duraafi booddeedha.

Qiddus Giyoorgis waancaa kilaboota Liigii Piriimeerii Itoophiyaa kana walumaagalatti yeroo 21 fudhachuunsaa ni yaadatama.

Bara 2009 irraa kaasee shaampiyoonummaarraa fagaate kan ture Qiddus Giyoorgis shaampiyoonaa baranaa kanatti marsaa lamaan taphawwan 30n taasifate qabxii 65 argachuudhaan waancaa kan fudhate.

Qiddus Giyoorgis shaampiyoona ta’uusaatti bara 2015 shaampiyoonaa kilaboota Afrikaa adeemsifamurratti Itoophiyaa bakka bu’uudhaan hirmaata.

Akkasumas bara darbe shaampiyoona ta’uudhaan waancaa kan fudhate kilabni naannoo Amaaraa, Bulchiinsi Magaalaa Faasil kan baranaa kanatti lammaffaa ta’uusaatti waancaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Kilaboota Afrikaarratti Itoophiyaa bakka bu’uun ni hirmaata.

Waancaa kana fudhachuuf Qiddus Giyoorgis hordofaa kan ture kilabni bulchinsa Magaalaa Fasiil Magaalaa Dirree Dhawaatiin 3-2n mo’ameera.

Shaampiyoona bara 2013 kan ture kilabni Faasiil walmorkii baranaa kanattis waancaa ni fudhata jedhamee degartootasaa biratti eegamaa turus kilabni Dirre Dhawaa 2-0n durfamus haara galfannaa booddee duubaa ka’ee 3-2n mo’achuusaatti waancaa baranaa dhabeera.

Dirre Dhawaan ammoo gara liigii biyyaalessaatti gadi sigigaachuuf jedhame deeggartootasaa biratti sodaatamaa turus mo’achuusaatti liigii piriimeerii keessatti hafuuf carraa argateera.

Shaapiyoonaa baranaa kanarratti Oromiyaa bakka bu’uudhaan hirmaachaa kan turan kilaboonni Oromiyaa Jimmaa Abbaa Jifaariifi Bulchiinsi Magaalaa Sabataa liigii biyyaalessaatti gadi dacha’aniiru.

Kilaboonni liigicha keessatti hafan 13 yoo ta’an, isaanis Qiddus Giyoorgis qabxii 65n, magaalaan Faasiil qabxii 61n, Bunni Siidaamaa 47n tokkoffaadhaa hanga sadaffaa ta’uudhaani.

Akkasumas magaalaan Hawaasaa qabxii 45n, Walaayittaa Diichaa qabxii 42n, Bunni Itoophiyaa 41n, Arbaaminci 40n, Walqixxeen 38n, Hadiyyaa Hosa’inaa 36n, magaalaan Adaamaa 35n, magaalaan Baahirdaariif Raayyaan Ittisaa garaagarummaa galchaan wal caalanii qabxii 34n hafusaanitti bara 2015 liigii piriimeerii keessatti hirmaatu.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 25 Bara 2014

Recommended For You