Waggaa lamaan kana Oromoon gaddaafi naasuu olaanaa keessa ture. Yeroo ilmasaa qaalii akka qaroo ijaatti ilaalu itti dhabe. Akkuma ganni ulfaataa ji’a Waxabajjii dumeessaafi roobaan dukkanaa’e sana manni Oromoo hundaa gaddaan gurraacha’ee ture.
Waxabajjii 22 bara 2012 artiistiin qaalii Oromoo Haacaaluu Hundeessaa ajjeefame. Namuu akka oduu ajjeefamuusaa dhaga’een amanuu dadhabuus dhugaa hadhooftuu kana liqimsuuf dirqameera. Miidiyaa idileefi hawaasummaan oduu ajjeefamuufi suura Haacaaluutiin guutame. Hundi hiiqqisee bo’aa, kan nama sossobuufi waljajjabeessuullee hinturre.
“Ani Oromoof qaaliidha” kan jedhu Haacaaluun dhuguma Oromoof qaaliidha. Sirbasaatiin siyaasa raaga, eenyummaa barsiisa. Aadaa jabeessa, duudhaa dabarsa, heeraafi seera barsiisa akkasumallee jaalala ibsata. Bara Wayyaanee namni akka bakakkaa sodaatu fuuldura dhaabbatee waltajjiirra ba’ee kan eenyummaafi gootummaa itti mul’ise isa. Akka yeroonsaanii dhumateefi amma yeroon kan Oromoo akka ta’ee “Araat Kiiloof situ aane” jechuun raageef.
Adwaa waggoota dheeraaf seenaansaa saamamee akka injifannoo warra kaabaa qofaatti fudhatamaa ture ga’ee olaanaa kan qabu Oromoo akka ta’e kan dhaloota qubee hubachiise Haacaaluu ture.
Sagaleesaa kiiloolee sanaan gootummaa Oromoo faarsee kan hinquufne, Oromummaan dha’annaa onnee kan taateef Haacaaluun Oromoof raaguu qofa osoo hintaane ofirrattillee raagee ture. Maatiifi hiriyoonnisaa akka jedhaniitti, akka ajjeefamu dursee beeka ture, “gatiittiin natti ulfaate” jechaa ture. Gootni ija barbadaa kun waan sodaa jedhamu kan hinbeekne waa hunda fuulduratti kan falmatu ture. Sirbasaa keessattillee “Lubbuu biliqa baatuuf maaliifin gola keessa naanna’aa, Oromoof du’eetan Waaqoo Guutuu, Taaddasaa Birruu, Elemoo Qilxuu…ta’a” jedhee ofirratti raajee ture.
Waan jedhe hinoolle, yartuun isa galaafatte. Gootummaasaa waan beekaniif fuulduratti itti dhufuurra shira itti xaxanii galaafatan. Umurii dargaggummaasaatti, yeroo caalaatti ummatasaaf hojjechuu danda’utti kaayyoosaarraa hankaaksan. Ijoolleesaa dhungatee hinquufne, haadha warraasaa goota jaalalaa jedhee faarseef waliin jireenya ho’aa jiraataa jirurraa hanqisan. Haadha, abbaafi obbolaasaaf yeroo gaachana ta’ee qaqqabeefitti qara ilaalchisan.
Maal godhu… silas gootni kan maatiisaa miti; kan ummataati. Gooti yeroo baay’ee du’a sirriis hindu’u; karaatti hafa malee. Ilmi qaalii Oromoos waggaa lama dura du’a gootaa du’ee, onnee Oromoo baay’ee keessatti awwaalameera. Duutisaa har’allee akka kaleessaatti nama boochisa; gaddisaa ammayyuu ho’aadha. Ta’us isa deebisuun hindanda’amu. Kanaa booda ummata Oromoof kan hafe yaadannoosaafi hojiisaati.
Ummannis akka gaddisaa irraa cabuuf hojiifi eenyummaasaa ittifufsiisuu qaba. Gumaan Haacee kan deebi’u yoo ergaafi raagasaa hojiirra oolchineedha. Keessumaa isa inni yeroo mara “TOKKUMMAA” jedhee weellisu sana hojiitti hiikuudha, weelluurra darbee gochaa ta’uu qaba. Keessumaa yeroo ammaa Oromoof kan barbaachisu isa. Yoo akkas ta’e lubbuunsaa boqotti, abjuunsaas dhugoomti.
Nutis har’as akkuma kaleessaa maatiifi firoottansaa, ummata Oromoo maraaf, akkasumas jaallattootasaaf jajjabina, lubbuusaaf ammoo jannata hawwina.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 25 Bara 2014