Tibba darbe shororkeessitoonni Adda Bilisummaa Gaambeellaa, Sochii Dimookraatawaa Ummattoota Gumuziifi Shaneen gurmaa’uufi qindaa’uun Naannoo Gaambeellaa, Magaalaa Gambeellaafi naannawaashee akkasumas Magaalota Gimbiifi Dambii Doollootti haleellaa raawwachuuf yaalii taasisan, humni waloo nageenyaafi tikaa hawaasa naannawaa wajjin ta’uun tarkaanfii fudhataniin murnoonni kunniin sadarkaa olaanaan kan barbadaa’aniifi rakkoon mudatee tures dhabamsiisuun naannichi gara sochii nagaasaatti akka deebi’u taasifameera.
Haa ta’uutii, gareewwan kunneen Godina Wallagga Lixaa, Naannawa Magaalaa Gimbiitti kan argamtu Ganda Toleetti lubbuu daa’immaniifi lammiilee nagaa homaa galaafachuunsaanii ni yaadatama.
Wayyaaneen kaayyoo badiisaa biyya diiguu waraanaan milkeessuu waan hindandeenyeef, bakkawwan adda addaatti gareewwan gurmeessuufi ergamtootasaatiin ajjeechaa jumlaa ergamaan raawwachuufi raawwachiisuurratti argama.
Kaayyoon gocha kanaa inni guddaan ummanni mootummaarratti akka kaka’uufi nageenyi boora’uuf kan kaayyeffame ta’uun ni beekama.
Wayita shororkeessitoota kanneen bakkawwan hundatti to’achuufi hojii seera kabachiisuun xiyyeeffannaadhaan hojjetamaa jiru kanatti tokko tahuufi waloon ofirraa qoolachuu osoo qabnu adeemsa burjaajjiifi qoqqoduu keessa galuufi walharcaasuun gonkumaa hinbarbaachisu.
Adeemsaafi shira diinaa qixa sirriin hubachuu dhabuufi bo’oofi kiyyoo isaan qopheessan keessa kan galamu yoo ta’e shira badii diinotaa keessaafi alaatiif akka waan balbala banneefiitti lakkaawwama.
Miidiyaaleen doolaaraan bitaman tanaan dura otoo rakkoon Gondaritti hinuumamiin dursanii ummata ajandaa amantaatiin qoqqoodu bocanii nageenya booressuufi walitti bu’iinsa qabsiisuuf hojjataniiru.
Walitti bu’iinsi muudates naannawawwan biyyattii hundatti akka walgahuufi hordoftoota amantichaa gara jeequmsaafi walitti bu’iinsaatti galchuuf ifaajaniiru.
Tahus ergamni badiisaanii tumsa olaanaa aadaa waldanda’uu fageessanii yaaduu, obsa ummataafi humnoota nageenyaatiin fashalaa’uun ni beekama.
Gocha badiifi shira diinotaa waloo wajjummaan kichuutti fashaleessuuf waliigalteen naannoleen Oromiyaafi Amaaraa tibbana irra gahan daran murteessaafi muuxannoo gara naannolee biroottis ce’uu qabuudha.
Naannoleen lamaan kunniin akkuma humna shororkeessaa TPLF waloon qabsaa’anii dhabamsiisuuf wajjummaan hiriiran qaamolee ergamtoota diinaa ta’anii biyya jeequufi hunkuruuf wixxirfatan kamuu murtiin irra gahan nageenya biyyaatiif wabii waan ta’eef ammas tattaaffiin diina waloo wajjummaan faccisuu eegalamee kun cimee ittifufuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 25 Bara 2014