Pirojektota kuma 20fi 70

Mootummaan Naannoo Oromiyaa badhaadhina hundagaleessaa dhugoomsuuf rakkoowwan damdaneessa naannichatti mul’atan karaa ittifufiinsa qabuun furuuf karoora imala badhaadhinaa waggaa shanii baasee hojiitti hiikuun bu’aawwan qabatamaa galmeessee aantummaa ummatummaa qabatamaan mul’isaa jira.

Ummanni naannichaa gaaffiiwwan misoomaafi rakkoolee bulchiinsa gaarii barootaaf tuulamanii as ga’an hedduu qaba. Sirnoota darbaniin waadaa malee qabatamaan arguu, gaaffii malee deebiin lafarra harkifachuun naannoo keenya keessattis ta’ee akka biyyaatti rakkoon hiikamuu qabu tuulamee fedhiin ummanni misoomuuf qabu akka heddummatu taasiseera.

Waggoota afran darbanii asitti garuu mootummaan gamtokkoon rakkoo uumamaafi namtolchee biyya keenya mudataa turan furaa gama biraan ammoo rakkoolee bulchiinsa gaarii hiikee misooma saffisiisuun gaaffii hawaasaa deebisuuf xiyyeeffannaa addaa kennuun hojii hojjechaa tureen bu’aa qabatamaan danuun galmaa’eera.

Bara 2013 Mootummaan Naannoo Oromiyaa pirojektota misoomaa jiruuf jireenya ummata keenyaa jijjiiruu keessatti gahee olaanaa taphatan kuma 11 ol eebbisiisuun faayidaa ummataaf oolchuun isaa ni yaadatama. Baranas, rakkoolee bulchiinsa gaarii ijaarsa pirojektotaan walqabatee uumamu hiikuun ittiquufinsa ummataa dabaluuf pirojektota buleeyyiifi haaraa yeroofi bajata ramadameen hojjetamaa tureera.

Pirojektonni kunneenis saffisaafi qulqullina barbaachisaa ta’een ijaaramanii akka xumuraman hordoffiifi deeggarsa taasifamaa tureen pirojektonni adda addaa kuma 20fi 70 bajata mootummaa, mitmootummaafi tajaajila lammummaan hojjetamaniiru. Pirojektota kanneen xumursiisuuf qarshii biiliyoona 42fi miiliyoona 650, kuma 473fi 513 baasii ta’eera.

Pirojektonni gurguddoo bara kana xumuramuun tajaajilaaf qophaa’an manneen barnootaa, riqaalee, sarara ibsaa, daandiiwwan, bishaan dhugaatii, hospitaalotaafi buufataalee fayyaa, jallisiiwwan, bo’oowwan lolaafi kan biroo yoo ta’an:

Isaan keessaas:

– Tajaajila lammummaan pirojektota 16,104 tilmaama qarshii biiliyoona 14, miiliyoona 53, kuma 778fi 55n,

– Baajata mootummaan pirojektota 2,985 qarshii 24,964,732,457n

– Baajata dhaabbilee mit-mootummaan pirojektota 981 qarshii biiliyoona sadii, miiliyoona 631, kuma 963n hojjetamanii xumuramuun tajaajilaaf qophaa’aniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa pirojektota kanneen hojjechiisee xumursiisuun tajaajilaaf qopheessuu kan danda’e rakkoowwan nam tolcheefi uumamaa dandamatee qormaata kamiifillee osoo hin jilbeenfatiin xiiqiifi kutannoo olaanaan ummata qindeessee qormaata gara carraatti jijjiiruun injifannoo cululuqaa galmeessuun akeeka diinota keenyaa qabatamaan fashaleessuuni.

Pirojektonni ijaarsi isaanii xumurame kunneenis karaa qindaa’aa ta’een sadarkaa naannoo, godinaafi aanaatti Waxabajjii 20-30/2014tti eebbisiifamuun tajaajila ummataaf banaa ta’aa jiru.

Ummanni naannoo keenyaa, aadaa injifannoo galmeessuu, tikfachuufi bulfachuu qabu daran cimsuun bu’uraalee misoomaa kanneen itti fayyadamaa akka kunuunfatuufi eeggatu Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha dabarsa.

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 25 Bara 2014

Recommended For You