Waancaa kubbaa miilaa addunyaafi biyyoota hirmaatan

Finfinnee: Waancaan kubbaa miilaa addunyaa akka qophaa’uuf yaanni kan dhihaate ALA bara 1920 ture. Gaaffiinis kan dhihaate yaa’ii olompikii 7ffaa Beeljiyeem, Magaalaa Antiweerpitti adeemsifamerratti akka ture seenaan ni muldhisa.

Yaa’ichi waancaan kubbaa miilaa addunyaa waggaa afuritti al tokko akka gaggeeffamu kan murteessse. Haaluma kanaan Uraaguwaayi Waancaa jalqabaa nan qopheessa jechuudhaan ittigaafatamummaa waan fudhatteef waggaa kudhan booda ALA bara 1930 magaalaa Montividootti biyyoota 15 jidduutti akka gaggeeffamu ta’e.

Walmorkiin kun edda jalqabamee waggoota 92 lakkoofsiseera. Waggoota kanneen keessatti sababii waraana addunyaa lammaffaatiin bara 1944fi 48 addaan citus yeroo 21f biyyoota miseensota waldaa kubbaa miilaa addunyaa “FIFA” adda addaatti adeemsifameera.

Waancaan kun yeroo 22ffaaf ALA Onkoloolessa 21 hanga Sadaasa 18 bara 2022 Kuwaataar, Magaalaa Dohaatti istaadiyoomota saddeetitti adeemsifama jedhamee eegama.

Walmorkii kanaaf biyyoonni 32 ardiiwwan jaharraa d a r b u u d h a a n tikeetii xiyyaaraa kutatanii garasitti balali’uuf guyyaa wal morkichaa eegaa jiru.

Biyyoonni waancaa 22ffaa kanarratti hirmaachuuf darban Awuroppaarraa 13 yoo ta’an isaanis B e e l j i y e e m , Kirooshiyaa, Deenmaarki, Ingilaandi, Faransaay, Jarman, Neezarlaandis, Poolaandi, Porchugaal, Sarbiyaa, Ispeen, Siwiizarlaandiifi Weelsi ta’uun beekameera.

Afrikaarraa Kaameeruun, Gaanaa, Morookoo, Seeneegaaliifi Tuniziyaa, Ameerikaa Kibbaarraa Biraaziil, Arjantiinaa, Ikuwaadoriifi Uraaguwaay.

Ameerikaa Giddu Galeessarraa Kaanaadaa, Kostaarikaa Meeksiikoofi Ameerikaa, Isiyaarraa ammoo qopheessituu waancaa Kuwaataar, Iraan, Jaappaan, Koriyaa Kibbaa, Sa’ud Arabiyaafi, Awustiraaliyaa fa’i.

Biyyoonni kunneen ramaddii saddeetitti adda qoodamuudhaan kan walfalman yoo ta’u, Ramaddii tokkoffaa keessatti yeroo jalqabaatiif waancaa kan keessummeessitu Kuwaataar, Ikuwaadoor, Senegaaliifi Neezarlaandis akka argaman beekameera.

Ramaddii lammaffaa keessatti Ingilaandi, Iraan, Ameerikaafi Weelsi, ramaddii sadaffaa keessatti Arjeentiinaa, Sa’udii Arabiyaa, Meeksiikoofi Poolaandi, ramaddii afraffaa keessatti ammoo Faransaay, Awustiraaliyaa, Deenmaarkiifi Tuniziyaa, ramaddii shanaffaa keessatti Ispeen, Kostaariikaa, Jarmaniifi Jaappaan.

Ramaddii jahaffaa keessatti Beeljiyeem, Kaanaadaa, Morookoofi Kirooshiyaa, ramaddii torbaffaa keessatti Biraaziil, Sarbiyaa, Siwiizarlaandiifi Kaameeruun, ramaddii dhumaa saddeettaffaa keessatti ammoo Porchugaal, Gaanaa, Uraaguwaayiifi Kooriyaa Kibbaa akka ta’an sagantaan “FIFA” ni muldhisa.

Waancaa 22ffaa kanarratti Afrikaa bakka bu’uudhaan biyyoonni hirmaatan shananuu kanaan dura muuxannoo kan qaban ta’us ramaddiinsaanii akka laayyootti kan ilaalamu miti.

Fakkeenyaaf ramaddii torbaffaa keessatti kan argamtu Kaameeruun waancaawwan kanaan dura adeemsifaman hundarrattuu hirmaachuudhaan yeroo shaniif waancaa kan fudhatte, tokko kan dhuunfaa godhachuudhaan kan beekamtu Biraaziil wajjin ramadamuusheetti ramaddisheerraa darbuuf falmiin ishee eeggatu akka laayyootti kan ilaalamu miti.

Akkasumas ramaddii torbaffaa keessatti kan argamtu Gaanaan Uraaguyaayiifi Poorchugaal wajjin qorumsa cimaatu ishee eeggata. Ramaddii afraffaa keessatti kan hirmaattu Tuniziyaanis Faransaayiifi Deenmaarki wajjin falmii guddaatu ishee eeggata.

Seenaa waancaa kubbaa miilaa addunyaa keessatti Afrikaarraa biyyoonni hirmaatan al tokkollee waancicha fudhachuu dhiisii sadarkaafillee dhihaatanii hinbeekan.

BARIISAA Waxabajjii 18 / 2014

Recommended For You