Ispoortii waloo babaldhisuun misooma cimsuudha

Finfinnee: Ispoortiin hawaasa tokko keessatti jaalalaafi walitti dhufeenyi gaariin akka uumamu, aadaan walkabajuu akka baratamu, akkasumaas misoomaafi guddina ariifachisaafi ittifufiinsa qabu mirkaneessuu keessatti ga’e olaanaa qaba.

Bu’uuruma kanaan mootummaan federaalaa hawaasa fayyaqabeessa horachuuf karoora baasuudhaan magaalaa kaasee hanga baadiyyaatti sochiin qaamaa akka adeemsifamu gochaa jira.

Keessumaa yeroo manneen barnootaa cufamuudhaan dargaggoonni haara galfachuuf qophaa’an kanatti iddoowwan hintaane akka hinollee gochuuf ispoortiiwwan adda addaarratti hirmaachisuun gaariidha.

Akkasumas hojjetaan mootummaafi dhuunfaa guyyaa yeroo haara galfannaasaanii bakkuma oolanitti, bulaniifi jiraatanitti sochii qaamaa torban torbaniin addababa’iwwan adda addaatti hordofaa jiru.

Haaluma kanaan baranas sochiin ispoortii waloo faayidaa gahumsa qaamaafi walitti dhufeenya obbolummaa cimsuun, galma gahiinsa imala badhaadhina biyyaaf’’ jedhuun bulchiisa magaalaa Finfinneefi magaalota Oromiyaatti torban torbaniin sochiin qaamaa gaggeeffamaa jira.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Kantiibaa Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni mootummaa, ambaasaaddaroonniifi hawaasni magaalattii torban torbaniin sochiiwwan qaamaa kanarratti hirmaachuu edda jalqabee oolee buleera.

Sochii qaamaa gochuu maddiittis waamicha Minstira Mummee Doktor Abiyyi Ahmad fudhachuudhaan Biqiltuu dhaabuudhaan dirqama lammumaasaanii bahataa jiru.

Oromiyaa, godinaalee adda addaatti hawaasa kakaasuudhaan aanaalee gara garaatti sochiin kun baldhinaan adeemsifamaa jira.

Godinaalee, Walagga Bahaa, Shawaa Kaabaafi Kibba Lixaa, Shawaa Bahaa, Boranaafi godinaalee Gujii lamaanitti baldhinaan hawaasicha hirmaachisaa jiru.

Keessumaa Godina Jimmaa, Aanaa Saqqaa Coqorsaa, Aanaa Maannaa Magaalaa Yabbuutti, magaala Aggaaroo, Aanaa Sokorruu Magaalaa Dannabaafi Sokorruu, Aanaa Gommaa Magaalaa Bashashaa, Aanaa Qarsaa Magaalaa Sarboo, Aanaa Nadhii Gibee Magaalaa Diimtuutti bakka qaamni hawaasa gara garaa argamanitti gaggeeffameera.

Sababiin sochiin kun itti taasifamaa jiruufis sochii qaamaa maddiitti hawaasa qaama cimaa, sammuu ifaafi misoomaa babaldhisu horachuuf akka ta’e beekamaadha.

BARIISAA Waxabajjii 18 / 2014

Recommended For You