Biyya ijaaruu keessatti qooda beekumsa xabboo, hayyootaafi miidiyaa

Umar Hajiitiin

“Dhugaa dubbachuu dadhabdus dharaaf harka hindhahin”! “Guyyaa darbuuf jettee haqa hindagatin” jedha Oromoon. Kanarraa ka’uun ga’ee hayyoonni ykn abbootiin Gadaa haala rakkoo biyyattii hiiku keessatti qaban, karaa seera Oromootiif “Beekumsa xabbootiin” irratti turtii Doktor Muhammad Namoo waliin taasisne haala ittaanuun qindeessinee dhiyeessineerra.

Doktor Muhammad Yunivarsitii Arsiitti qorataa Afaan Oromoo, seenaa, ogbarruu, sirna Gadaafi aadaa ummata Oromoo, akkasumas barreessaa kitaabota adda addaati. Dhimmoota adda addaarratti qorannoowwan 20 ol gaggeessaniiru. Kanneen keessaa adda durummaan kan eeramu qo’annoo isaan dhimmoota aadaafi seenaa Oromoorratti gaggeessaniidha.

Waa’ee walitti bu’iinsa hiikuufi garaan araarsuurrattis akkasumas beekumsa xabboofi gahee siinqeen mirga dubartootaa kabachiisuufi walitti bu’iinsa hiikuuf keessatti qaburratti kitaaba barreessaniiru.

Yunivarsitiin Amboo kaka’umsumasaatiin konfaransiin mataduree, “Walittibu’iinsa hiikuuf qooda beekumsa xabboo, hayyootaafi miidiyaa” jedhuun qopheessuusaatiif galateeffatanii keesattuu akka biyya teennaafi addunyaattis yoo ilaalle Oromoon hayyuu ilaalchisee, “Hayyuun qarsaa; bakkuma arganitti itti qaratan”. Kana jechuun namni beekumsa qabu yoomessa hinqabu. Asmalee ykn yoo as dhufte malee sinbarsiisu hinjedhu. Bakkuma argametti rakkoo uumameef hiikkoo ykn qorsa kenna jedhan.

Miidiyaanis akkasuma. Garuu miidiyaan albee qara lamaati jedhan. Yoo itti fayyadamne biyya ijaaruu keessatti gahee guddaa qaba, faallaa kanaatiin garuu miidhaansaa hamaadha.

Inni ittaanu beekumsa xabbooti. Fakkeenyaaf akka qorannoon beekumsa xabboo Oromoorratti gaggeeffame ibsutti ummatichi Dhaloota Kiristoos dura bara 1249 (waggaa 4000 dura) “Gadaa Xayaa”, jedhamuun bulaa ture.

Gadaa sana keessa namni walitti hinbu’u. Waanti nama dinqisiisu addunyaa kanarratti qorannoo hanga ammaatti ani gaggeesseen namni yoo muudama fudhatu booyu abbaa Gadaa Oromoo qofa ta’uun mirkaneeffadhe.

Kuun cidha qopheessee gammadee “shaampaanyiin” nafa dhiqata. Abbaan Gadaa Oromoo garuu maaliif booya yoo jette, abbaan Gadaa Oromoo nama qofa hinbulchu; raammoofi waa hunda, waan lubbuu qabuufi hinqabne mara bulcha.

Ittigaafatamummaan sun yoo guute immoo waaqaan hoffola, namni waaqaan hoffolee waan hunda argata. Dhugaan ilmoo Waaqaati jedhama. Kana jechuun Waaqni ilmoo qaba jechuu odoo hintaane dhugaan hangam Oromoo biratti ulfaataa akka taate ibsa. Bakka dhugaan hinjirre nageenni hinjiru jedha Oromoon.

Amma akka biyyaattis ta’e addunyaatti wanni rakkoo uumaa jiru dhabamuu dhugaati. Hayyoonniifi miidiyaaleen tokko tokko biyya ijaaruuf odoo hintaane olola biyya diigu hafarsu. Kanaaf sammuusaanii gara ijaarsaa biyyaatti deebisuu qabu.

Manni murtiis dhugaa hinmurteessu. Kun maalirraa madde? Ragaa argamerra dhaabbatee murteessa malee dhugaa argatee murteessuu dhiisuu mala. Abbaan seeraa tokko ragaa bitaafi mirgaa ilaalee ragaa ittisaa ilaalee waan itti amane kun dhugaadha jedhe qofa murteessa.

Beekumsa xabboo ykn jaarsummaan garuu dhugaafi dhara addaan baasee dhugaa abbaatti galcha. Kana qofatti hindhiisu, namoota wallolan lamaan walitti fidee kaaniif dhugaa kennee kaan hindhiisu. Fakkeenyaaf, yoo mana murtii fudhanne tokkoof nimurteessa tokkotti ni murteessa. Jarri lamaan yoo achii gadi bahan diina, hinaraarmne, ija diinaatiin walilaalu jedhan Doktar Muhammad.

Kanarratti beekumsi xabboo hoo maal godha? Tokkoo muree tokkotti murteessee hindhiisu. Waan mure san guutuu kaffali hinjedhuun. Murtii muree waan jilbaa lafa kaayeeti daloo fida. Isin waldhabdanis, waa waliin jettanis waan Oromoo taataniif waliihiluu qabdu. Harka tokko waaqaa jedhaa dhiisaa, numartinuu uumaa waaqaatii.

Harka tokkommoo dachiirra jiraannaa, irraa nyaannaa, irraa dhugnaa, irra deemnaa, yoo duunellee isiitti deebinaa, isiif jedhaa dhiisaa. Maaliif jennaan, wayyoomni guguddoon torba: “Waaqni woyyu (ulfo), lafti woyyo, haati woyyo, abbaan woyyo, soddaan woyyo, soddaatiin woyyo, qaallichi woyyo”.

Waaqni nugubbaa jirus woyyo. Isa jala teennee dubbataa jirraa harka tokko dhiisi, lafti irra teennullee woyyo, woyyoo irra taa’aa jirraa harka tokko dhiisi, kan sadaffaa anillee woyyo jaarsaa. Abbaan Gadaa fakkeenyaaf “Afaanii qumbii qabaa kallachaa urjii qabaa” jedhan.

Harka tokko naa jedhii dhiisi. harka sadii dhiisisee, fakkeenyaaf yoo gumaa 100 dhiibuu murteesse horii ykn loowwan 20 ykn 15 namicha sanii kenna. Haala kanaan garaan walitti araarsa. Namni kun garaafi ganaa waliita’an; garaan walii fayyan waan durii caala. “Social healing” ykn fayyina hawaasummaa jennaan” jedhan Doktar Muhammad.

Yunivarsitiin Amboo dhimmoota ijoo sadan, hayyoota, miidiyaafi beekumsa xabboo biyya ijaaruu keessatti jedhee kaasuunsaa waan gaariifi jajamuu qabuudha. Dhugumatti nuti, warri kora kanarratti hirmaanne dhimma kana fudhannee gara dhaabbilee irraa dhufneetti deebinee yoo jajjabeessine rakkoo yeroo ammaa bakkawwan adda addaatti biyya keennatti mul’atu hiddaan buqqifnee nageenni waaraan akka dhufu gochuu dandeenna.

Yoo kana goone biyyi teenna biyya waraanaafi tan jeequmsaa osoo hintaane biyya nagahaa taate, kan ummanni nagahaan bahee galuufi biyya misoomaa tan addunyaafi ykn gaafa afrikaa keesatti fokkeenya taatu godhuu dandeenna, jedhan Doktar Muhammad.

Gaafii biraa, Korri asitti adeeme kun hammam dalagaarra oola, hammamis bu’aa fida jettanii amantu?

Deebiinsaa akkas jedhu Doktar Muhammad. Duraan dursa Yunivarisitiin Amboo dhimma ijoo fuudhee isteejiiirra kaayeera. Ilaa wanni kun gaari; karaa kanatu nubaasa jedhe daandii nutti agarsiiseera. Qaamni dhimmi ilaalu sadarkaalee gara garaa, akkasuma dhaabbilee adda addaa irraa kan har’a asitti argame kun yoo waan asitti waltajjiirratti dhihaate kana dhageenne asumatti kan dhiifnu yoo ta’e Yunivarsitiin Amboo gaheesaa taphatee jiraa nutu ittifayyadamuu dhabee jechuudha jedhan hayyichi.

Yommuu asii fudhannee gallee miidiyaa biyya tana keessa jiru mootummaan imaammata ittibaasee seeraan hojiirra oolche miidiyaa misoomaa ta’a. Akkasuma hayyoonnillee maaliif jennaan hundinuu akkaataa ittiin bulmaataa waan qabaniif. Fakkeenyaaf namni baradhe ofiin jedhu biyya diiguuf fayyadamu adabamuu qaba jedhan. Gara biraatiin ammoo hayyuu biyya tana ijaara jedhu mootummaan jajjabeessuu qaba. Gara waltajjiitti fiduu qaba, carraa kennuufii qaba jedhan.

Kan biraa beekumsa xabboo yoo fadhanne namoonni tokko tokko warreen dunuunfatanii Gadaa jibban ykn Gadaa maal akka ta’e hinbeeyne, yemmuu sirnichi Gadaa kaarkuleemii barnoota keessa haagaluu jadhamu, nutti fe’amuu heda jedhanii didan akka waan wanni hamaan wayii itti fe’amee.

Ameerikaan har’a sirna dimokraasitiin bulti. Sirna wayyabaatiin ykn maajooritii ruuliitiin bulti. Gadaan ammoo konsasiidha. Dimokraasii oli. Gadaan “istoor humanitiidha”. Dhala namaatiif malee Oromoo qofaaf miti; yoo ittifayyadamne. Kanaaf, qaamni dhimmi ilaalu hagam wanni kun barbaachisaadha jedhee hubatee gara faayidaatti yoo jijjiire bu’aa fiduu danda’a.

Kanaaf, nageenni eessa jira yoo naan jettan, nageenni onnee namaa keessa jira. Fakkeenyaaf, ani yoon nagaha barbaade mataa kiyyaan woliin nagahaa uumu qaba jedhan Doktar Muhammad. Namni ofii nagaha hinqabne maatiisaa nagaha dhoowwa. Kanaaf, maatii kiyyaan woliin, ollaa waliin, nagahaa uumuun qaba; akkasuma hamma sadarkaa biyyaa gahutti. Nageenni teennee miidiyaaf haasawuu qofaan hindhufu. Numartinuu gahee naggeenni qabu hubannee saniif qooda keenna bahuu qabna jedhan.

 Waa’ee gaaffii Abbaa Gadaa kan ammaatiif kan durii safuu Oromootiin walqabsiiftanii akkamitti madaaltan ykn ilaaltan?

Gaaffii cimaafi bareedaadha, akkuman reef jedhe heerri Gadaan kan namaa qofa miti; kan lubbuqabeessaafi lubbumaleessaati. Asirratti yoon waan qabatamaa tokko isinitti hime, yeroo tokko naannawa Arsiitti namni tokko mana namaa gube. Yeroo san namni, jaarsi, Gadaan itti bahee, Gadaa waamanii gadabaa dhaabanii sirna san dubbatan. Gumaa manaa muraniif. Horii oofanii fidan. Namichi manni jalaa gubate kunoo siifinnee yakka mana kee gubeefi horii oofee sii fidee fudhadhu jedhaniin.

Maarree hinfudhadhuu jedhe, maaliif hinfudhanne jennaan, ani afaan qabaa himadhee, mana kana keessa hantuuta gubatetu jira, mixii gubatetu jira, daarabaaftuu gubatetu jiraa, raammoo gubatetu jira, maarree isin afaan hinqabduu kan isiillee naa murii jedhe.

Maarree tanaan jedhu moo tanaan hinjenne naan jedhe waliin jedhan jaarsonni. Maarre tanaan jedhu naan jedhe, jaarsi nilaallate, qora itti walwaamee, maarree tajedhu naan jedhe. Jarri kunillee uumaa rabbiiti, manasaaniitii achi keessa galanii, mana keenna jadhanii mana isaaniitu gubate, tajedhe dhugaa jedhe.

Isaaniifillee dubbadhu jedhe. Jaarsi nidubbate murtii kenne. hantuuta, bofa, daarabaaftuufi, raammootu achi keessatti gubate, odoo jiraatanii waan nyaatan achi keessa barbaadanii. Nyaannisaanii achi keesatti haa qopheessu jedhan. Erga waan achi keessa jiruu hundaafi gumaa isaanii baasisee booda namichi gumaa ofii fudhate.

Kuni maal agarsiisa, ummanni Oromoo hammam safuu eeggata, “sodaa waaqaa” waan dalagu hunda keessatti uumaa sodaata jedhan hayyichi. Kanumarraa ka’uun, kaleessa akkana jirraa har’a hoo akkam jirra jenne yoo ilaalle har’a akka kaleessaa hinjirru, maaliif? Asirratti waa sadiitu jira.

“Raagaa Wagaa, Raayya”. Namni tokko Qafoo Miree jedhaniin Gadaa san Minilikuu hindhufnee, Raagaan waa raage, jedhan. Raagni Oromoo raaga jinnii miti. Oromoon kanarratti, maal jedha “Jaarsi haga bule raagaa jedhan. Waan muuxannoofi beekumsa qaburraayi.

Maal jedhe raagaan sun, Gadaa san ani hinjiruu “Gadaan waaqarra ta’a dubbiin baalarra taatii jedhe. Oromoon tun hinruufti hinduufti jedhe. Walwallaaltii walwaraantii jedhe. Gadaa san qamaleefi jaldeessatu salaata jedhe”. Gadaa san namni walhinlolu. Waan har’a itti jiru kana nuu raage.

Har’a wonni kun ta’aa jira. Oromoon har’a yoo ilaalle ulfina Gadaa kana “vaaliyuu” isaa beekaa yoo jenne? harki caalaan hinbeeku. Kan beeku hammam hojiirra oolchaa jira yoo jenne? Ittuu hinjiru.

Gara abbaa Gadaatti yoo dhufne, namni abbaa gadaa ta’uuf sadarkaa dabballeerraa ka’ee gaammee lamaan ta’ee kuusa ta’ee, raaba doorii ta’ee gaafa waggaa 40 guutu jaarsa ykn abbaa Gadaa ta’a. Amma abbootiin Gadaa sadarkaa kana keessa taranii yoo jenne hintarre. asirratti mammaaksi Oromoo maal jedha, “Dhaddacha yoo dhaban garbitti sirbani” “yoo aare jennee hunda keessa fuune ni dhaama” yoo ta’e malee jedhan. Waa xiqqoo quuqama qaba jennee yoo finnee achi keenne malee tartiiba kana keessa taree achi hingeenne jedhan Doktar Muhammad.

Oromoon dhala namaa kan lafa kanarra jiru bakka shanitti qooda: “Midha gurre, matagurre, mataburre, matahurre, ijacurre” jedha. Midha gurreefi, matagurre abbaa Gadaa hinta’u. Kana jechuun nama dhalatee waggaa 39 gadii jechu. Midha gurre jechuun nama waggaa 15 gadi jiru, midhaan gurraacha salbaadha; waan inni bahu hinbeekan, hinjajan. Mataborrellee akkasuma fuulla’ee achi bahaafi hinhafaan hinbeekan, malkaarra gahee hincee’aafi ni hafaa hinbeekan, Isallee hinjajan.

Kan oromoon nama jettuun mataburre. Kan waggaa 40- 60-70ti. Kan arriin waraante. Maaliif kana jette yoo jette, beekumsi dubbii areeda, arriifi ilkaan waliin guddata jedhan. Kana keessa falaasama guddatu jira jedhan. Namoonni kuun dabballerraa gara gaammeetti ykn sabbii jedhama Arsii biratti” ce’uuf madaalli ykn qormaata keessa yoo tare. Yoo dabballerratti kufee maal ta’a? gadamoojjii booda. “Gadamoojjii jechuun jaarsa waggaa 82-83ti. Gadaa mooji, ani hamma ammaatti si tajaajilee sitajaalee ammaa achi Gadaa nagaatti, ani amma bilisa ta’ee jiraadha.

Gaafa kana godhu cidha baraartii qopheessee, hangafaa korma kennee, quxisuu raada kennee, malkaa keessaa bahe, karra kessaa bahe, yaa’a, keessaa bahee jedhee qe’uma taa’ee odeeffata malee yaa’a, hindhaqu. haala kanaan deebi’ee jaarsi waggaa 80 olii miseensa dabballee ta’a.

Ijoollee waggaa saddeetii waliin taa’a, waan achitti kufeefi jecha. Gadaan taphaa miti. Abbaan Gadaa areeda haaddatu kan guutu hin qabne Abbaa Gadaa hinta’u, uumamaanuu yoo areedni itti bahuu baate beekaa fedhe yoo ta’e abbaa Gadaa hinta’u.

Guyyaa tokko namarraa sabbata yoo fudhate abbaa Gadaa hinta’u lola dhaqee yoo irraa dheesse abba gadaa hinta’u. Kana hundaan qoramee yoo raabaa doorii seenu haadha warraa fuudha, akkamitti haadha warraa akka horatu achi keessatti qoratama ykn madaalama. Ammaan tana wanni bade maal yoo jenne, kan niitiin wal hiiketu Abbaa Gadaa ta’a. Kan niitiif ijoollee ofii hinbulfannetu Abbaa Gadaa ta’a. Kanatu rakkoo ta’e, jedhan Doktar Muhammad. Amma abbootii Gadaa keenna tokko tokko yoo ilaallu, waa’ee Abbaa Gadaatuu hinbeekan.

Dhaamsa woliigalaa ilaalchisee “qarree, qeerroo, abbootii amantii, jaarsoliifi qaamni mootummaa” mee maal dhaamtu?

Akkuma armaan ollitti dubbadhe, bakka dhugaan hinjirre nageenni hinjiru, bakka nageenni hin jirre misoomni hinjiru, bakka nageenni hinjirre bahanii galuun hinjiru. Kanaafi, namni hundinuu waan irraa eegamu gochuu qaba. Kun kan ta’u, dhugaa dubbachuu, dhugaa hojjachu, maaliifi jennaani “yaboo ofirraa qaba”. Yaboon amaanaa jechuudha.

Kanaafi biyyi akka nagaha taatu mootummaan bakka seerri fooyyessuun barbaachisutti fooyyessuu; bakka seerri osoo jiru laafetti jabeessuu dalagaa irra akka oolu godhuu. Maaliifi ittigaafatamumma qaba waan ta’ eef. Abbaan biyya tanaa isa waan ta’eefi. Akkuma jedhame, “Gadaan martuu dhiira qabdi” jedhan.

“Gahee ijaa gaafa ijji badde beekan” jadhan. Kanaaf, jennaani odoo biyyi hinbadin, hindiigamin akka Suuriyaa odoo hintahin dhaqqabuu qabna. “gowwaan ufirratti barata, qaruuteen namarratti barata, osoo nama hingahin jedhan. Kanaaf, jennaan, miidiyaanis hayyoonis mootummaanis, akkasuma qeerroonis, biyyi tun boru tansaaniiti, waan biyya tanaa ta’aa, nagahaafi tasgabbiifi dalaguu qabna, maaliifi, manni kun keenna ofirratti deeguu hinqabnu, sabaafi sablammiin hundinuu harka wolqabannee nagahaafi misooma biyya tanaatiif hojjachuu qabna, jedhan Doktar Muhammad, dhaamsasaanii keessatti.

BARIISAA Waxabajjii 18 / 2014

Recommended For You