Rakkoolee walxaxoo keessatti, bu’aalee hojii riifoormiitiin argaman

Kutaa qophiitiin

Yaa’ii idilee 13ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Marsaa ja’affaa, bara hojii tokkoffaa Kibxata darbe adeemsifameen miseensonni marichaa gaaffiilee siyaas dinagdeefi hawaasummaa kan dhiheessan yoo ta’u, Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD)s deebii irratti kennaniiru. Nutis gaaffiilee dhihaatan keessaa kanneen dinagdeerratti xiyyeefatan qindeessinee dhiyeessineerra.

Hunda dura kabajamaan mana marichaa wanti nuu hubachuu qabu waggoota afran darban haala kanaan dura hinturreen qormaatawwan uumamaafi namtolchee nu mudatan yaadachuu barbaachisa. Yoo qormaatawwan kanneen yaadanne malee jijjiiramniifi riifoormiin hojjetame nuu galuu hindanda’u. Kanaa achi akkas jettanii turtan garuu akkas hingooneetu dhufa.

Fakkeenyaaf riifoormiin dura koronaan hinturre. Kanaanis waan dhufu nutis addunyaanis hinbeeku. Kana malees hongee, lolaafi hawaannisni ammoo qormaatawwan uumamaa nu mudatan birooti. Rakkooleen uumamaa kunneen karoorawwan keenya irra deebiin akka ilaalluufi hojmaatawwan keenya sakkatta’uuf gufuu ta’aniiru.

Kanneen malee rakkoleen namtolchee kana dura hinturre mudataniiru. Inni duraa waraana. Waraanni biyya keessatti nu mudate rakkoo namummaafi dinagdee olaanaa qaqqabsiiseera. Kana fashaleessuf hojiin hojjetame salphaa miti. Waraanni biyya keenyaa xiqqoo yommuu qabbanaa’ummoo waraanni Yukireeniifi Raashiyaa ammoo dhufe. Akkuma biyyoota addunyaa biroo waraanichi dinagdee keenyas miidheera.

Kanneen hunda keessatti gaaffiin Itoophiyaan ni diigamtimoo hindiigamtu jedhu ka’aa turus biyyattiin diigamuurra bu’uura badhaadhinaa kaa’achaa deemte. Hojiilee hojjetaman isaan dhiheessan keessaa akka agarsiisaaf tolutti akka armaan gadiitti dhiheessineerra.

Ijaarsa Daandii

Riifoormiin dura Itoophiyaatti uwwisni daandii kiiloomeetira kuma 127 ture. Kun daandii baadiyyaa naannoleen hojjetan, bulchiinsiwwan magaalaa hojjetaniifi mootummaan federaalaa hojjetu dabalateetu.

Riifoormii booda garuu kuma 165 qaqqabeera. Hamma kana qaqqabeera yommuu jedhamu lafti dursee lakkaa’ameefi asfaaltii uwwifamees ni jira. Asfaaltiin waggaa 30fi 40 guute, asfaaltiidhuma jedhamaa ture. Garuu diigamee amma akka haaraatti kan hojjetamu ni jira. Fakkeenyaaf akka asfaaltii Jimmaa Aggaaroo amma hojjetamaa jiru jechuudha. Inni kun duras asfaaltiidha, ammas asfaaltii suphamuudha. Gama lamaan lakkaa’ama.

Kan nama naasisu neetworkii waliigalaa osoo hintaane asfaaltiiwwan konkiriitii Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaa hojjete riifoormii dura kiiloomeetira kuma 13 ture. Waggoota sadiifi walakkaa, afur darban garuu Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaa qofti sadarkaa biyyaatti daandii kiiloo meetira kuma afuriifi 700 hojjetee xumuree galcheera, kiiloo meetirri kuma saddeetiifi 113 ammoo amma ijaaramaa kan jirudha. Kanneen keessaa walakkaan waggaa dhufu, kaanimmoo waggaa lama booda kan dhumuudha.

Dabalataanis kiiloo meetirri kumni sagaliifi 102 isin bajata raggaasistanii, kontiraati ba’eefi walakkaansaa caalbaasiin erga ba’eefi booda saba nageenyaatiin osoo bajata qabuu kan hineegalamne, tokko tokko kontiraatisaa rakkoo qabaatee haqamee caalbaasii lammataa baasuuf adeemsarra kan jiru garuu bajatni kan ragga’eef, kan jalqabameefi kan dhume waliigala kiiloo meetira kuma 22dha.

Kun lakkoofsa oduu durii miti. Bulchiinsa Daandiiwwan Itoophiyaa deemtanii yoom akka jalqabame, magaalaa eessaa hamma eessaatti akka hojjetame, qarshii hammamiin hojjetamaa jira isa jedhu qulqulleeffachuu dandeessu. Kuma 22 keessaa kumni sagal sababa nageenyaafi sababoota garagaraatiin kan hinjalqabamne ta’uus, lakkoofsa hamma dur qabnuu garuu Itoophiyaa keessatti amma hojjetamaa jira. Bu’aa jijjiiramichi fide tokko kana.

Isa kana Finfinnee keessatti qofa haa ilaallu. Waggoota lamaan sadan darban Finfinnee keessatti daandiin asfaaltii kiiloo meetira 151 xumuramee hojii eegaleera. Tokkoo tokkoon isa bal’ina meetira 60 kan qabudha. Kiiloo meetira 151 yommuu jedhamu isa akka kanneen baadiyyaa torba kudhan osoo hintaane bal’ina meetira 60 qaba. Asfaaltiin ala daandii kiiloo meetirri 470 koobil istooniidhaan hojjetameera.

Waanti baay’ee nama dinqu magaalaa Finfinnee keessatti namoonni baay’een konkolaataa hinqaban. Yoo hin yaadattu ta’e asfaaltii qofa osoo hintaane daandiin lafoo babal’aan ni barbaachisa jedheen ture. Daandiin lafoo kiiloo meetira 116 hojjetameera. Akkuma daandii Araat Kiiloofi daandii Charcharitti argitan, daandii babala’aa gara Meeksikootti akka mul’atu sana jechuudha. Daandii lafaa babal’aa akkanaa kanaan dura hamma kanaaniif qulqullina kanaan hinqabne kiiloo meetirri 116 hojjetameera.

Kana qofa miti magaalaa keessa waldhiphisi tiraafikii waan jiruuf daandii qaxxaamuraa hojjetameera. Fakkeenyaaf naannawaa Boolee Mikaa’eelii, Impeeriyaaliifi Mabaraat Hayiliitti ijaarsisaanii saffisaa jira. Daandii Saarbeet Gootaraa jiruufi waggaa lamaafi walakkaa fixe amma dhumaa jira. Daandiin kunis akkuma beekamu Finfinneetti Taanaalii dheeraa kan qabateedha. Taanaalii inni jalqabaa kan ijaarame amma, daandii addababa’ii Puushkinii Gootaraa jiru jechuudha.

Daandii Qilleensaa

Wayita riifoormiin jalqabu Daandiin Qilleensaa eerkiraaftiwwan 100 qaba ture; har’a 135 qaba. Guddina eerkiraaftii %35 qaba. Yoom, koronaa keessa. Akkasumas, yommuu riiformiin dhufu deestineeshinoota 115 qaba ture; har’a 127 qaba. Galii wajjiin walqabatee gaafa riifoormiin eegalu dolaara biliyoona 3.3 qaba; har’a galii dolaara biliyoona 4.8 qaba.

Daandii qilleensaa inni guddichi namoota miliyoona ja’a keessummeessaa ture har’a miliyoona 22 keessummeessa. Yoom? Koronaa keessa gaafa tokko tokkoon biyyaa dandamachuu dadhabee kufaa jirutti.

Telekominikeeshinii

Telekominikeeshiniin wayita riifoormiin eegalamu maamiltoota miliyoona 38 qaba. Har’a maamiltoota miliyoona 65.5 qaba. Kana jechuun miliyoona 27n dabalata agarsiiseera jechuudha. Kun waan laayyootti ilaalamu osoo hintaane, humna biyyoota afrikaa lama sadii dhibbaa dhibbatti tajaajila kennuu danda’e daballe jechuudha.

Galiifi bu’aa waliin kan ilaallu yoo ta’e ammoo riifoormii dura bu’aan biliyoona 33.5 ture; har’awoo? Biliyoona 55 qaqqabeera. Daballii biliyoona 21.5tu jira jechuudha. Taarifni dura turees hir’isaa deemeera. Galiinsaas dabalee; teknolojiiwwan ‘3G, 4G, 5G’ jedhaman utuun hinkaasiin jechuudha.

Galii alaa galchinuun walqabatee gowwomsaadhaaf kan saaxilmeedha jechaa akka turre ni yaadattu. Kanarratti teleen hojii eegalee ture. Yeroos alaa galii hanga miliyoona 70 galchina turre; amma miliyoona 135 galchuu dandeenyeerra.

Bara darbe yommuu teleebirrii haa jalqabnu jennu iyyi feesbuukiirra ture guddaa ture. Har’a garuu ‘teleebirriin’ maamiltoota miliyoona 20 qaba. Waggaa tokko keessatti daddabarsa maallaqaa gara biliyoona 20 taasiseera. Baankiiwwan amma jiran Baankii Daldalaa dabalatee walakkaa kanaa hinhojjenne. Kana qofa osoo hintaane adabbiin tiraafikaa malaammaltummaaf kan saaxilame waan tureef ‘teleebirrii’dhaan haa ta’u jennee jijjiirama dhufe argitaniittu.

Amma wantoota eeyyama daldalaa waliin walqabatan, kanfaltii taaksii gara caalu gara ‘teleebirri’ galchaa jirra. tajaajilawwan baay’ee gara kana fiduun malaammaltummaan ni hir’ata; namoonni hinrakkatan, tajaajillis ni si’ata.

Warshaawwan sukkaaraa

Sukkaarri bakka rakkoo olaanaa qabu ture. Warshaaleenis rakkoo hedduu qabu turan. Riifoormiin dura warshaalee afur qabna turre. Shan daballee sagaliin geenye. Kasam, Arjoo Dhidheessaa, Oomoo Kurraaz lamaafi sadii, Xaanaa Balas nutu xumure.

Xumurrees maal fidne? Shonkoraa heektaara kuma 30 qofaa omishaa turre gara heektaara kuma 100 galchineerra. Akka biyyaatti sukkaara toonii kuma 200 omishaa turre; amma toonii kuma 360 ni omishna. Kunis rakkoon nageenyaa iddoo baay’eerra waan jiruuf shonkoraafi sukkaaraarra rakkoo osoo jiruu jechuudha.

Gabaabumatti hojiiwwan dinagdee bal’inaan hojjetaman keessaa nuti akka maxxansaaf tolutti gabaabsinee agarsiisaaf dhiheessineerra. Hojiileen hojjetaman bu’aa jajjabeessaa kan fidan ta’aniis ammayyuu caalaatti hojjechuun akka barbaachisu Doktar Abiyyi osoo hinkaasiin hindabarre. Namni hundi walta’ee, tokko ta’ee halkanii guyyaa hojjechuun akka irraa eegamu hubachiisu.

Nutis jijjiiramawwan argaman dinqisiifachaa, biyya caaltu ijaaruuf hojii caalu hojjechuun gahee lammummaa keenyaa haa baanu jenna.

BARIISAA Waxabajjii 11 / 2014

Recommended For You