Olompikiin Dargaggoota Itoophiyaa har’a xumurama

Finfinnee: Akkaakuuwwan ispoortii Olompikiifi Olompikii hinta’in 15n ispoorteessitoota kuma jahaa ol jidduutti adeemsifamaa jiru taphni olompikii dargaggoota Itoophiyaa kan bara 2014 har’a Istaadiyooma Yunivarsiitii Hawaasaatti xumurama jedhame eegama.

Ispoortiiwwan Olompikii kanneen akka atileetiksi, kubbaa miilaa, kubbaa saaphanaa, kubbaa kachoo, harkaa, biskileetii, buunyaa, jimnaastikiifi Worlid Tekuwaandoo, yoo ta’an kanneen olompikii hinta’in ammoo cheezii, intarnaashinaal Tekuwaandoo, Wushuufi kkf kan hammatan ta’uunis beekameera.

Dorgommiiwwan hanga kaleessaatti adeemsifamanitti Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee gabatee meedaaliyaatiin dursaa akka jirus beekameera.

Finfinneen, keessumaa guyyaa dorgommiin biskileetii gaggeeffamu falmiin biskileessitonnisaa dhiiraafi dubaraan taasisan daaw’ataa magaalaa Hawaasaa biratti jajamaniiru.

Finfinneen tapha kanaaf gandaa kaasee hanga kutaa magaalotaatti ji’oota shaniif dorgommii gaggeessuudhaan dargaggoota ciccimoo umriidhaan calaluudhaan qophii olaanaa gochaa turuun kan yaadatamuudha.

Tapha olompikii kanatti Oromiyaan Finfinneetti aanee sadarkaa lammaffaarratti argama. Naannichi qophii kanaaf guyyoota 10f Magaalaa Shaashamanneetti dorgommii gaggeessuunsaa ni yaadatama.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 4 Bara 2014

Recommended For You