Jijjiirama bu’uuraa

Waggaa muraasa dura waa’ee joobiraa gadi fageenyaan akkan itti yaadu kan na taasise leenjii geggeessitootaa gabaabaa tokkotu ture. Leenjii kana iratti wantoota ilaalle keessaa tokko joobira ture. Joobirri gosa allaattii ta’ee gosoota allaattii biraa caalaa bara dheeraa jiraata.

Waggaa 70 jiraachuu danda’a jedhanii yaadu. Garuu waggoota 70 kana jiraachuu kan danda’u yoo of jijjiire qofa. Yeroon jijjiiramaa kun joobiraaf yeroo ulfaataafi hadhaa’aadha. Yeroo hamaa kana dandammatee darbuu yoo dadhabe garuu jiraachuunsaa goonkumaa hinyaadamu. Jijjiiramni jiraachuu isaatiif bu’ura cimaadha.

Kanaaf joobirri filannoo tokkittii qaba. Filannoon isaas jijjiirama yookaan du’a. Jireenyatti turuuf yeroo hadhaa’aa keessa darbuutu isa irra jira. Waggaa 40ffaasaatti qeensisaa daran guddachuurraa kan ka’e hanga nyaata qabuufii dadhabuutti ga’a. Ilkaan isaas ciniinuufi nyaachuu nidadhaba. Baalleensaa daran guddachuurraa kan ka’e ittiin barrisuu hindanda’u. Sadarkaan kun sadarkaa of jijjiiruu yookaan ciisanii du’uutii. Joobirri jijjiirama diduun du’asaa ariifachiisa.

Kanaaf du’a irra jijjiiramee jiraachuu filata. Gara fiixee gaaraatti ol ba’ee kan isa rakkise fiixee ilkaansaa dhagaatti rurrukutuudhaan irraa caccabsa. Yoo baay’ee isa dhukkubellee du’arra jireenya filata. Ilkaansaa inni irraa caccabe yeroo deebi’ee guddatu ittifufee homaa qabuufii kan hindandeenye qeensasaa ofirraa bubuqqisa.

Yeroo qeensonnisaa guddachuu jalqaban baay’ee dulloomuurraa kan ka’e barrisuu kan isa daangesse baalleesaa ofirraa bubuqqisa. Isaan kunniin hundi biqilaniifii hojii jalqabuuf guyyoota 150 isa fudhata. Kanaaf joobirri du’uurra yeroo hadhaa’aa kana keessa darbuudhaan umuriisaarratti waggoota 30 ittifufee jiraata.

Inni kun ilmaan namaa hundaafuu barbaachisaadha. Wanti hindagatamne garuu jijjiiramni dhukkubbii qabaachuu danda’a. Namootni hedduun jijjiirama kan isaan sodaataniif gaarummaasaa jibbu utuu hinta’in wanta inni fidee dhufu sodaachuun akka ta’e beekamaadha.

Haala itti baran keessaa ba’anii bakka biraatti yookaan kallattii irra deemanirraa gara kallattii biraatti ce’uun nama nisodaachisa; namattis toluu dhiisuu danda’a.

Ta’us akka dhuunfaattis ta’ee biyyaatti jijjiiramni daran barbaachisaadha. Jiraachuuf jijjiiramni barbaachisaadha. Ba’aa baroota darbanii keessaa ba’uun guyyaa har’aatti hojjetanii darbuuf isa kaleessaattii hiikamuu gaafata. Daandiisaa qoranii ilaaluu barbaada. Haala keessa turaniifi har’a keessa jiran ilaaluu barbaada.

Erga allaattiin kun uumamaan jireenyasaarratti jijjiirama malee jiraachuu hindandeenyee nutis isa kanaaf of qopheessuun barbaachisaadha. Jijjiiramni akka yeroo malee hinduuneef erga allaattii kana gargaaree jijjiiramni akka dhuunfaattis ta’ee akka hawaasaatti dhala namaafis nibarbaachisa.

Yaadannoo kaleessaa kan jireenya keenya miidhu, amala alta’umsaafi sammuu wantoota nu hinfayyadnetti hidhame irraa walaba ta’uun barbaachisaadha. Jijjiiramni sodaafi miidhama qofa utuu hinta’in kufaatiifi kasaaraa nama irra ga’uu danda’u irraa nama oolcha.

Milkoominaafis daandii ta’a. Ta’us jijjiirama sodaachuu irra jireenya keenya keessatti irraa jalaan haala kaleessaafi dheengadda keessa turre, jireenya nuffisiisaafi firii hinqabne keessaa ba’uun barbaachisaadha. Isa kana gochuu dadhabuun jireenya kisaaraa jiraachuudha. Miidhaaf of saaxiluudha.

Addumaan bara keessa jirru kana jijjiiramni bu’uraa akka dhuunfaattis ta’ee akka hawaasaatti nu barbaachisa, Jireenya keenya keessatti haala keessa turreefi keessa jirru keessaa baanee jijjiirama bu’uuraa (paradigm shift) ofirrattis ta’ee ilaalcha keenyarratti fiduun murteessaadha. Jjijjiirama kallattii nu geeddarsiisu, jijjiirama haala keessa turre keessaa nu baasuu danda’u, jijjiirama akkaataa itti yaadaa turreefi wantoota sirrii hintaane akka sirriitti simachuu nu taasisaa ture keessaa ba’uun murteessaadha.

Isaan kanneenitti walaba ta’uun ilaalchi keenyaafi kallattiin deemsa keenyaa akka jijjiiramu taasisuun barbaachisaadha. Sababiinsaas akka ardii Afrikaatti haalli nuti keessa turres ta’e jirru kun itti yaadamuu qaba. Kaleessa erga nu hingargaarree, har’as erga rakkoo keenya hinhiiknee adeemsa keenya kana gadi fageenyaan itti yaaduun barbaachisaadha. Gara jijjiiramaatti dhufuun gaariidha.

Hanga danda’ametti ofirratti hojjechuun haala keessa jirru keessaa ba’uuf tattaafachuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf ilaalcha dhalli namaa aduufi lafaaf qabaachaa ture haa ilaallu. Akka falaasama Pitolemitti lafti giddugala addunyaa (yunivarsii) jedhanii kan amanaa turanirraa gara falaasama kopperniikaasitti biiftuun giddugala addunyaati kan jedhutti ce’an. Inni kun hubannaa namaarrattis ta’ee ilaalcha namaarratti jijjiirama bu’uraa fide. Kallattii geeddarsiise.

Nutis har’a akka kanaa ta’uun keenya barbaachisaadha. Jijjiiramni bu’uuraa ilaalcha keenyarratti dhufuu qaba. Adeemsa keenyarratti dhufuu qaba. Hubannaafi muuxannoo qabnurratti dhufuu qaba.

Tarii baay’een keenya seenaa nama Leesilii Iskoot jedhamtuu nibeekna jedheen yaada. Bakki isheen itti mindeeffamtee hojjettu mindaa guddaa kanfalaafii ture. Ji’atti kuma 100 keessa argatti. Ta’us nagaa hinqabdu. Haalli isheen keessa ooltuufi keessatti hojjettu jeeqamaadha. Yeroo muraasaafi qarshii isheen argattu rakkoo ishee marsee jiru bakka bu’uufii kan danda’u sababa ta’eef hojiishee ittifuftee hojjette.

Hojjechiiftotnishees kan irraa barbaadan hanga dandaa’ametti raawwachuu yaalte. Irraa jalaan garuu halli isheen keessatti hojjettu kun jireenya ishee miidhaa dhufe. Haalicha keessaa ba’uuf yeroo wantoota hedduu ilaaltu daran ishee sodaachise. Sababiinsaas hojii isheen hojjettuun galii gaarii qabaattus wanti jijjiiramuu qabu jira.

Mindaan isheen jeequmsa hamaa keessa teessee argattu hangamillee ta’u hingammachiifne. Kanaaf, gaaf tokko haalota hunda dhiistee bakka sanaa baduuf murteeffatte. Utuu waan tokko hinshakkin wantoota hojichas ta’e jireenyasheefi fayyaasheerratti dhiibbaa geessisan keessaa baatee fagaattee bosona keessatti qarqara bishaaniitti mana ijaarrattee galte.

Jijjiiramni isheen ofirratti fidde kun tarii salphaa ta’uu dhiisuu danda’a. Hiriyootashee hundarraa fagaatteetti. Hojii dhiifteetti. Olloota yeroo dheeraa wajjin jiraataa turtes dhiiftee qophaashee galteetti. Mindaa argachaa turtes dhabdeetti.

Kunis akka jireenyi itti ulfaatu taasiseera. Garuu dandamattee qarqara bishaanichaattis mana ijaarte sana gara bakka bashannanaatti geeddarte. Innis ‘Walton Wood Farm’ kan jedhamu yoo ta’u, yeroo muraasa booda galii doolaara miliyoonaan kan galchu ta’e.

Nuufis taanaan jijjiirama bu’uraa ofirratti fiduun salphaa miti. Haa ta’u iyyuu malee tarkaanfiin murteessaadha. Daandii irra jirru ilaallee akka dhuunfaattis ta’ee akka hawaasaatti geeddaruu kan qabnu geeddaruun barbaachisaadha.

Ilaalcha, yaada keenya, wantoota egeree keenya miidhan kamiif iyyuu utuu garaa hinlaafin tarkaanfii fudhachuu qabna. Wantootni tarii itti hinbu’aman jedhaman itti bu’amuu qabu. Wanti hinjijjjiiraman jedhaman jijjiiramuu qabu. Barsiifatoonni adda addaa, wantootni nuti dhaga’aa guddanne kanneen egeree keenya miidhan kamiyyuu jijjiiramuu qabu.

Ilaalchi moofaan ilaalcha haraan, wantootni al-ta’umsa ta’an kamuu ta’umsaan geeddaramuu qabu. Kallattiin nuti irra deemaa dhufne kan nu hingargaarre ta’uu hubannaan kallattii biraatiin bakka bu’uu qabu. Isaan kunniin akka dhuunfaa qofatti utuu hinta’in akka biyyaattis isa kana itti yaaduun barbaachisaadha.

Walumaagalatti, daandiin nuti irra dhufne kan nu hingargaarre yoo ta’e, akkaataa nuti itti addunyaa kanaafi namoota ilaallu sirrii yoo nutti fakkaachuu dhaabaate jijjiiramuu qabu. Jijjiirama bu’uraa ofirrattis ta’ee hawaasa keenyarratti akka dhufuuf of kennanii irratti hojjechuun barbaachisaadha.

Inni kun akka nuti ofii keenyas ta’ee namoota kan biraa hubannuuf karaa nuu bana. Akka namoota biroo dhaggeeffannuuf nu gargaara. Daangaa keenya akka bal’isuu dandeenyuuf bu’aa guddaa qaba. Jijjiiramni fagootti kan ilaalluufi sodaannu utuu hinta’in kan ittiin of jijjiirru ta’uu qaba. Yeroo tokko mucaatu eessumasaa wajjin gaara dheeraa fuulleesaanii jiru ilaalanii waa’eesaa haasa’u. Mucichis waa’ee gaarichaa haasa’uu utuu hinta’in koranii irra isaa ilaaluu barbaade. Fedha isaa kana eessuma isaattis hime. Eessumni isaas koruun akka hindandaa’ame mucichaaf deebise. Sababiin isaa eessumni isaa kun jaarsa; mucichi ammoo wallaalaadha. Kanaaf, lakkii hindandeenyu jedheen. Mucichi garuu akka ilaallu miti; eegallee jennaan nidandeenya; hinsodaatin jedheen.

Kanaaf, gaara kana koruu eegalan. Bakka itti cimetti eessuma isaa gargaaree gaara kana irra koran. Kanaaf mucichi eessuma isaatiin akkas jedhe, “Waan tokko fagootti sodaachuun utuu hinta’in tarkaanfii fudhachuun injifatama” jedhe. Nutis waa’ee jijjiiramaa haasa’uu qofaan jijjiirama hinfidnu. Ofii keenyarratti hojjechuun barbaachisaadha. Jijjiirama barbaadnu duraan dursinee ofirratti arguun gaariidha. Ofirratti tarkaanfii fudhachuun barbaachisaadha.

 Doktar Zarihun Gabree

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 4 Bara 2014

Recommended For You