Maariyyee Jaldeessaa (Monkey pox)

Maariyyeen Jaldeessaa yookaan Monkey pox dhukkuba darbee darbee mul’atu ta’ee kan vaayirasii ‘Monkey pox Virus’ jedhamuun dhufudha. Monkey Virus’n gartuu vaayirasii keessaa isa tokkodha. Bineensota yookaan bineeldota irraa gara namaatti daddarba. Edda namatti darbees, nama hubame sana irraa nama fayyaatti, karaa garagaraatiin kan daddarbudha.

Dhukkubni Maariyyee Jaldeessaa (Monkey pox) baay’inaan Afrikaa keessatti argama. Addumaan immoo, Riippabiliika Dimookraatawaa Koongoo keessatti baay’inaan kan argamuudha. Akkasumas, ardiilee biroo keessattillee dhukkuba faffaca’ee argamuudha. Dhukkubni kun, nama qabee guyyoota muraasa keessatti, mallattooleen kanneen akka qorra qorra akkanuma ho’a ho’a nama jechisiisuufi shifeen qaamaa ni mul’atu. Hanga ammaatti, Monkey pox-tiif yaalli mirkanaa’aan hinjiru. Yeroo baay’ee garuu, ofuma isaa kan dhiisu yookaan fayyudha.

Ka’umsa isaa

Dhukkubni Maariyyee Jaldeessaa (Monkey pox) jalqaba bara 1958-tti qorannoo laabiraatoorii biyya Deenmaak magaalaa Koopenhaagen keessatti, garee jaldeessotaa qorannoof oolanii irratti gaggeeffamee irratti argame. Jaldeessota qorannoof walitti qabaman kunneenis, bifa weeraraatiin kan hubaman ta’uun argame. Moggaasni maqaa isaa jecha Jaldeessa jedhu ofirraa qabaatus, dhukkubichi Jaldeessa irraa kan dhufe miti. Garuu, sababa qorannoo dhukkuba kanaa jalqaba Jaldeessa irratti ta’eef jecha maqaa Jaldeessa ofirraa qabuun moggaafame.

Dhukkubni kun jalqaba kan inni nama irratti argame, bara 1970 biyya Rippabiliika Koongoo keessatti. Kunis, daa’ima ji’a sagalii irratti kan argameedha. Yeroo sana irraa kaasee, naannawaa baadiyaa biyya sanaatti dhukkubni kun ni gabaafama. Bara kana irraa kaasee, Rippaabilika Koongoo dabalatee biyyoota Afrikaa kudha tokko (11) keessatti argamni isaa gabaafamuu eegale. Biyyoonni kunneenis Beeniin, Keemeroon, Rippaabilika Afrikaa Gidduu Galeessaa, Gaaboon, KootiDivaar, Laayibeeriyaa, Naayijeeriyaa, Rippaabilika Koongoo, Seeraliyooniifi Sudaan Kibbaa fa’i.

Qorattoonni dhibee kanaa waan mirkanaa’aa kaa’uu baatanis, dhukkubni kun bineesota yookaan bineeldota xixiqqoo akka hantuutaafaa irraa akka dhufeetti shakkama. Akaakuun dhukkuba kanaas lama. Kunneenis, kan Afrikaa Gidduu Galeessaafi Dhihaati. Lameen kana keessaa kan Gidduu Galeessa Afrikaa dhukkuba baay’ee hamaafi kan Dhihaa irra caalaa du’a kan geessisuudha. Afrikaa keessaa gidduu galeessaafi gara dhihaatti heddummaatus, dhukkuba bakkeen kana qofaatti daanga’e osoo hintaane, rakkoo fayyaa hawaasaa waliigalaati.

Biyyoota Afrikaan alatti bahee kan inni mul’ate bara 2003, biyya Amerikaa (USA)tti ture. As dhiyoo kana, biyyoota guddatan keessaa biyyoota kudha lama (12) kanneen akka: Awustraliyaa, Beeljiyeem, Siwiidiin, Poorchugaal, Jarman, Faransaayi, USA, UK, Ispeen, Xaaliyaaniifi Nizerlaand keessatti namoota 100 ol irratti akka argame qorattoonni dhukkubichaa mirkaneessanii jiru. Kun kan nutti agarsiisu, dhukkubni kun biyyoota ardiilee Afrikaa yookaan bakkeen murtaa’oo qofaa keessatti daanga’ee kan argamu osoo hintaane, dhukkuba addunyaa kana irra faffaca’ee argamuudha. Kun immoo biyyoota kanaafi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) yaaddoo guddaa keessa galchaa jira. Akkuma armaan dura kaafnee ilaallemmoo, baay’inaan biyyoota Afrikaa keessatti kan hedduummaatudha.

Dhukkubichi eenyuun miidha?

Dhukkubni Maariyyee Jaldeessaa (Monkey pox) nama kamiyyuu miidhuu danda’a. Ta’us, irra jireessaan daa’imman huba. Hamma Afrikaa keessatti mul’atu keessaa, % 90 kan ta’u ijoollee waggaa 15 gadii akka ta’e qorannoon ni mirkaneessa.

Mallattoolee isaa

Dhukkubni kun, nama qabee hanga mallattooleen dhukkuba kanaa nama irratti mul’atanitti guyyoota 6 hang 13 fudhachuu danda’a. Garuu guyyoota 5 hanga 21 tu’uus ni mala. Mallattooleen dhukkuba Maariyyee Jaldeessaa (Monkey pox) kan dhukkuba ‘Smallpox’ waliin wal fakkaatu. Ta’us, kan ‘Smallpox’ irra kan wayyaniidha.

Mallattooleen dhukkubichaa kanneen gadii kana:

– Shifee qaamaa

– Qorra qorra nama jechuu (Miira qorraa)

– Dhagni nama gubuu (Ho’ina yookaan gubiinsa qaamaa)

– Mataa dhukkubbii yookaan bowwoo

– Dhukkubbii maashaa

– Maashaaleen qaamaa nama bututuu

Akkamiin nama qaba?

Dhibeen Maariyyee Jaldeessaa (Monkey pox), bineensota yookaan bineeldota, akkanuma nama dhukkuba sanaan qabame waliin tuttuqaa gochuun kan nama qabuudha. Bineensota irraa namatti kan inni daddarbu, yoo nama ciniinan yookaan dhiigni isaanii kallattiin gogaa namaa tarsa’ee jiru tuqeedha. Hammi nama irraa namatti daddarbuu dhukkuba kanaa xiqqoodha. Kunis, yeroo namni dhibee sanaan qabame qufa’u yookan haxxiffatu, paartikiloonni vaayiraasichaa qilleensa irraan namaa namatti daddarbu.

Kun ta’uuf immoo, tuttuqqaa fuulaa-fuulatti kan yeroo dheeraa barbaada. Akkasumas, yeroo paartikiloonni xixiqqoon vaayirasii kanaa ija yookaan funyaan namaa seenan nama qabuu danda’a. Madaa nama dhukkuba sana qabuu tuttuuquudhaanis namatti darbuu danda’a.

Akkaataa sakatta’iinsa dhukkubichaa

Sababa Monkey pox’n dhukkuba darbee darbee mul’atu ta’eef, wayita mallattoon shifee qaamaa waliin wal qabatu nama irratti mul’atu, dhukkuboota biroo mallattoolee akkanaa fiduu danda’an yaada keessa galchuun barbaachisaadha. Ta’us, dhukkuboonni mallattoo akkanaa geessisuu danda’an biroon jiraatanis, yoo dhiita’uun xannachootaa mallattoo kana waliin jiraate warreen kaan shakkii keessaa ni baasa. Haalaan adda baasuuf immoo, hojjetaan fayyaa tishuu fuudhee maayikirooskooppiin ilaaluu yookaan dhiiga fuudhee haalaan sakatta’uu qaba.

Yaala isaa

Hanga ammaatti, qorichi saayinsiin mirkaanaa’ee dhukkuba kana yaaluuf kaa’ame hinjiru. Qorichoonni dhukkuboota vaayirasii yaaluuf oolan biroon dhukkuba kana yaaluuf kan gargaaran ta’uu malu; garuu wanti qorannaan mirkanaa’e tokko hinjiru. Mallattoolee dhukkuba kanaa wal’anuun garuu ni danda’ama. Akkanuma wal xaxiinsa sababa dhukkuba kanaa dhufu hir’isuun kan danda’amuudha. Kanaafuu, gara ogeessa fayyaa deemuun barbaachisaadha.

Akkamitti ofirraa ittifna?

Talaalliin dhukkuba ‘Smallpox’ dhibee kanaaf gargaarullee, yeroo ammaa kana namoota laabiraatoorii dhimma ‘Smallpox’ keessatti hojjetan qofa irratti kan daanga’edha. Talaalliin dhukkuba ‘Smallpox’ dhukkuba Monkey pox % 85 ittisuu danda’a. Ittifni dhibee kanaa irra jireessaan kan irratti xiyyeeffatu, bineensota yookaan bineeldota dhibee kanaan hubaman waliin tuttuqqaa hir’isuufi daddarba nama irraa namatti ta’u daangessuudha.

Kunneenis:

√ Bineensota yookaan bineeldota dhibee kanaan qabaman tuttuquu dhiisuun

√ Meeshalee vaayirasii kanaan faalaman tuttuquu dhiisuun

√ Bineensota yookaan bineeldota dhukkuba kana ofirraa qaban waliin edda tuttuqqaa gooneen booda, samunaafi bishaaniin harka keenya haalaan dhiqachuun

√ Nyaata foon bineeldotaa qaban haalaan bilcheessuu

√ Namoota vaayiraasii kana qaban waliin tuttuqaa dhiisuu

√ Yeroo namoota dhukkuba kanaan qabaman yaallu yookaan eegumsa goonuuf, meeshaalee ittisa dhuunfaa

fayyadamuu

Hammamiif nama irra tura?

Dhukkubichi adeemsa isaa hunda xumurachuuf torbee lamaa hanga afurii itti fudhata. Yeroo baay’ee, dhukkuba ofii isaa nama dhiisudha. Mallattooleen isaas hanga torbee afurii kan turuu danda’uudha. Jabinni dhukkuba kanaa ijoollotaafi warreen dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu isaanii gadi bu’aa ta’e irrattidha. Akkanuma hamma vaayirasii sanaa, haala fayyaa walii galaa nama dhukkuba kanaan hubameefi walxaxiinsa dhukkubichi geessisu irratti hundaa’a.

Wayita vaayirasii dhukkuba Maariyyee Jaldeessaa (Monkey pox) fidu kan ‘Monkey pox virus’ jedhamuun saaxilamnu, guyyoota 21 keessatti ogeessa fayyaan ilaalamuu qabna.

Dhukkubni kun hammam balaafamaadha?

Dhukkubni kun dhukkuba ‘Smallpox’ jedhamu irra kan wayyu ta’us, hanga ammaallee kan balaa geessisuudha. Namoota qabu keessaas %10 du’aaf kan isaan saaxiluudha.

Fayyaa hindhabinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 4 Bara 2014

Recommended For You