Sanbattan darbe handhuurri Oromiyaa, Finfinneen sagantaa Oromoof hiika olaanaa qabu tokko keessummeessitee turte. Keessumaa naannawaan Boolee Oromoo Oromoo urgaa’aa dabarse. Namoonni baay’ee uffannaa aadaa Oromootiin faayamanii, Afaan Oromootiin dubbachaa deemu. Sirbi fagoodhaa montaarboodhaan dhaga’amus dabareedhaan Oromiyaafi Oromummaa faarsa.
Fuula namoota baay’eerraa gammachuu, namoota daran muraasa waa’ee sagantichaa hinhubanneerraa faallaa kanaatu mul’ata. Sagantaan warraaqsa dinagdee Oromoon Finfinnee keessatti taasisuuf karra saaqu kun eebba hoteela abbaa urjii afurii, kan Hoteela Kennaa ture.
Oromoon gaafa sagantaa kamuu eegalu eebba dursa. Abbootiin Gadaas saganticha eebbaan kan banan yoo ta’u, Abbaan Gadaa Tuulamaafi barreessaan Gumii Abbootii Gadaa Goobana Hoolaas eebbaan qabanii ergaa dabarsaniiru. “Qabeenya carraan osoo hintaane carraaqan argatu” jedhanii, Oromoonis carraaqqatee keessumaa Finfinneetti waa ol kaa’uu akka qabu dhaaman.
Abbaan qabeenyaa hoteelichaa Obbo Taaddasaa Edeemaa sirna haasawa eebbichaarratti taasisaniin, hoteelichi ijaaramee sadarkaa kana qaqqabuuf waggoota ja’a itti fudhachuu kaasanii, lafa ijaarsaaf oolus nama dhuunfaarraa bituu dubbatu. Adeemsa ijaarsaa keessatti qaala’uun gatiifi argamuu dhabuun meeshaalee ijaarsaa, weerara koviid-19fi kanneen birootiin ijaarsisaa harkifatus kaayyoo qabatanirraa akka isaan hindaangeessine himu.
Hojii daldalaatti erga seenanii waggoota 20 ol lakkoofsisuu himanii, yeroo daldala eegalan kaappitaalaafi muuxannoosaa kan hinqabne ta’us waanuma xiqqoodhaan eegalanii har’a sadarkaa olaanaarra qaqqabuu ibsu. Biyyattiitti dameewwan invastimantii addaddaa kanneen akka alergii (ekispoortii), maashinii ammayyaa buna falfaluufi miiccuu, lafa heektaara 100 ol irra misooma bunaa hojjechaa jiraachuu kaasu. Akkasumas, damee geejibaatiin raabsawwan boba’aa ammayyaa’oo ijaaruufi konkolaataawwan geejjiba uummataaf oolan dhiheessuun biyyaaf sharafa alaa argamsiisaafi lammiileef ammoo carraa hojii bal’aa uumaa jiraachuu himu. Hoteela Kennaa baasii qarshii miliyoona 450n lafa karee 500 irratti ijaaramerratti qofallee namoonni 120 ta’an carraa hojii argachuu eeru.
Adeemsa hanga yoonaatiinis mootummaaf amanamaa ta’uun gibira irraa eegamu kanfalaa jiraachuu kan himan Obbo Taaddasaan, kanaanis beekamtiifi badhaasawwan addaddaa argachuu dubbatanii, dhimmoota hawaasummaarrattis waamicha mootummaafi kaka’umsa ofiitiin gumaacha taasisaa jiraachuu ibsu. Hagayya bara 2014 irraa eegaluunis sagantaa maaddii qooduurratti ji’oota ja’aaf hirmaachuun dirqama lammummaa ba’achuufis waadaa seenaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee gamasaanin, abbaan qabeenyichaafi maatiinsaanii hoteela magaalattii madaalu ijaaruun waan magaalattiif kennaniif galateeffatanii, namoonni kaanis jabaatanii hojjechuun bu’aa qabeessa akka nama taasisu muuxannoosaaniirraa barachuu akka qaban eeran.
“Finfinneen hanqina invastimantiiwwan hoteelaa guguddaafi bakkeewwan tajaajilaa qabdi. Kanaaf namoota cimanii hojjechuun bu’aaqabeessa ta’an jajjabeessuu barbaanna. Abbaan qabeenyichaa lafa argachuu dhabuun osoo isaan hindaangessiin sadarkaa kana qaqqabuu danda’aniiru. Kuteenyummaadhaan hojiitti seenamnaan gufuun kamuu nama hindaangeessu” jedhan.
Bulchiinsi magaalichaa magaalattiin akka misoomtuufi biyyi akka jijjiiramtu waan barbaaduuf kanneen hojjetan ni jajjabeessa kan jedhan kantiibittiin, kanaaf lafa dabalatee waan barbaachisu kan dhiheeffamu ta’uu kaasu. Garuu lafti qabeenya qaxxaamuraan itti durooman ta’uu akka hinqabneefi kanneen gurguruuf osoo hintaane hojjetanii of jijjiiruuf tattaafataniif sababi lafti dhorkamuuf akka hinjirre ibsu.
Sektarri dhuunfaa motora sochooftuu misoomaa isa ijoo ta’uus himanii, mootummaanis kana hubachuun haalota mijeessaa jiraachuu dubbatu. Yeroonsaas yeroo itti bo’an osoo hintaane irree ofii hojiidhaaf yeroo cimsaniifi bu’aa itti agarsiisan waan ta’eef cimanii hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbatan. Hoteela qofa ijaaruu osoo hintaane tajaajila ammayyeessanii mo’achuu akka barbaachisus ibsaniiru.
Gaaffii lafa babal’isaa kanaan dura abbaan qabeenyichaa dhiheessanii turanis deebii argachuusaafi bulchiinsi magaalichaa yoomiyyuu namoota hojjetan jajjabeessuuf duubatti akka hinjenne ni dubbatu.
Pirezdaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoo gamasaaniin, hoteelichi bakka boqonnaasaanii ta’uun akka isaan tajaajilu kaasanii, Oromoofi Sidaamaan obbolaa, hangafaafi quxusuu waan ta’aniif akka mana hangafaatti boqotanitti akka fudhatan ibsu.
Hojiin akkasii babal’achuu kan qabuufi guddina biyyaallee ol kaasuuf ga’eesaa ba’achuu kan qabu ta’uu eeranii, abbootiin qabeenyaa Oromoos biyyasaanii lammaffaa Sidaamaallee mil’achuun hojii walfakkaataa magaalaa Hawaasaatti akka ijaaran waamicha dhiheessaniiru.
Jilli pirezdaantichaan durfames abbootii qabeenyaa naannichaa hiriyyoota Obbo Taaddasaa waliin ta’uun sangoota afur, cheekii qarshii miliyoona tokkoofi uffannaa aadaa Sidaamaa abbaa hoteelichaatiif kennaniiru; akkasumas hawaasa nama akkanaa biyyaaf kenne galateeffachuuf abbootii Gadaatti bullukkoo uffisaniiru.
Pirezdaantiin Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaas, namni kallattii sirrii hanga hordofetti rakkoon ulfaataadha jedhamu guyyaa tokko hiikamuunsaa akka hinoolleefi daandii sirriifi kutannoodhaan yoo hojjetame tulluu hamaa waanti jedhameefi kan dhiibamuu hindandeenye akka hinjirre dubbatu.
Kanas qabatamaadhaan Obbo Taaddasaan waan agarsiisaniif dargaggoonniifi abbootiin qabeenyaa isaanirraa barachuun rakkoolee haala addaddaa keessatti uumamaniif osoo hinjilbeenfatiiniifi waan qaban utuu of harkaa hinbaasin jabaatanii hojjechuu akka qaban hubachiisu. Namni kamuu sababaan utuu hindanqamiin yeroo inni itti hojjetee abbaa qabeenyaa ta’uu itti danda’us amma ta’uu himu.
“Sirna kana keessatti abbootiin qabeenyaa utubaadha. Abbaa qabeenyaa kan jennu isa lafa gurguru miti. Isa lafa fudhatee, misoomsee ofiifi biyya jijjiiruudha. Mootummaanis kanaaf imaammatawwan qopheessee hojiitti hiikaa jira. Deeggarsa hanga yoonaa taasifameen ol deeggaruufis mootummaan qophaa’aadha. Kana kan taasisuuf ammoo kennaa ykn tola ooluuf miti; dirqama waan ta’eefi. Adeemsa kana keessatti garuu danqaan hinjiraatu jechuu osoo hintaane waliin ta’uun waa hunda mo’achuufi jijjiiruun waan danda’amuuf hunduu jabaatee hojjechuu darbees carraawwan jiranitti fayyadamuu qaba” jedha.
Keessumaa abbootiin qabeenyaa magaalaa Finfinnee keessatti hojiiwwan invastimantii baay’ee hojjechuu akka qaban kan himan Obbo Shimallis, carraawwan jiran osoo of harkaa hinbaasiin, waan qaban dhangalaasanii hojjechuu akka qaban hubachiisu. Deeggarsi bulchiinsi magaalichaa taasisu qixa sirriin ittifayyadamuun akka barbaachisu eeranii, kanneen fuudhanii qaama biraatiif dabarsaniis akka adaba godhatan hubachiisaniiru.
Akka Obbo Shimallis jedhanitti, deeggarsa mootummaan taasisuun qaamota tokko tokkorraa komiiwwan addaddaa ni ka’u. kanaaf abbootiin qabeenyaa naamusa olaanaadhaan deeggarsa taasisfamu hojiitti jijjiiruun ofiifi biyya fayyaduu qabu. Yoo akkana ta’e hiyyummaan injifatamuunsaa hinoolu. Rakkoon sirnoota darban keessa ture tabba fakkaatee mul’atus kallattii sirriin waan hordofameefi harka walqabatanii deemuun waan danda’ameef, yaada injifataa qabatamee waan deemameefis as ga’amuu danda’ameera.
Rakkoofi hiyyummaa har’a mulatu injifachuufis naamusa cimaadhaan osoo ija irraa hinbuqqifatin misooma hojjechuu akka barbaachisu himanii, hunduu jabaatee akka hojjetu waamicha dhiheessaniiru.
Waliigala Oromoon ‘biznasii’ magaalaa Finfinneerraa dheessaa ture, amma kallattii garagaraan hirmaachuu eegaleera. Kunimmoo cimee ittifufuu kan qabuufi keessumaa abbootiin qabeenyaa waan qabaniin handhuura Oromiyaa Finfinneetti maallaqasaanii dhangalaasuun ofirra darbee lammiifi biyyasaanii guddisuu qabu jenna.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 4 Bara 2014