Giddugala dhaloonni aartii keessaa maddaa jiru

Gootota aartii Amboon Oromiyaaf darbees Itoophiyaaf gumaachite keessaa Roobaa Qawweessaa ykn Tsaggaayee Gabramadiin isa hangafaati.

Bara 1928 Shawaa Lixaa, naannawa Ambootti kan dhalatan Looreet Tsaggaayeen jaalalli ogbarruu isaanirraa mul’achuu kan eegales ijoollummaasaaniirraa kaasee, yommuu barataa sadarkaa tokkooffaa ta’anii jiran akka ta’e himama.

Gaafa umriinsaanii waggaa 16 ta’u Finfinnee, Mana Barumsaa Jeneraal Wiinget kan Ingiliiziin deeggaramu erga galanii ammoo dandeettii aartiisaanii haalaan guddifachuu jalqaban. Bara 1959 ammoo Ameerikaa, Kutaa Biyyaa Chikaagoo, ‘Blackstone School of Law’tti carraa barnootaa argachuun deeman. Booda gara biyyaatti deebi’uun Tiyaatira Biyyaalessaa dursuun hojiisaanii ittifufan.

Bara mootummaa Dargiis ministira ittaanaa Aadaafi Turizimii tahuun yeroo gabaabaaf kan hojjetan yoo tahu, hundeeffama muummee Tiyaatiraa Yuunivarsiitii Finfinnee keessattis shoora olaanaa ba’ataniiru. Looreet Tsaggaayeen walaloo, tiyaatira, taphoota gaggabaaboofi dhedheeraa, diraamaafi daayirektarummaan hayyuu haalaan beekaman turan.

Waa’ee Ateetee, sirna Gadaa, qaroomina ilmaan Kuush, galma Abbaa Gadaa, Awaash, Markaatoo, Tewodroos lammaffaa, Abuna Pheexroos, Odaa, hojiilee Sheekispiir (Haamleetiifi Oteelloo), hojiilee jireenya ilma namaa, jibba, jaalala, gaddaafi gammachuufi kaanis barreessuusaanii odeeffannoonsaanii ‘Wikipedia’ irraa ni mul’isa.

Nama guddina aartii biyyattiif oolmaa guddaa oolan kanaafis Yunivarsiitiin Amboo beekamtii kennuun waggoota sadii dura Giddugala Qorannoofi Qo’annoo Aadaa Looreet Tsaggaayee Gabramadiin hundeesseera. Kanaanis seenaan yeroo mara goota aartii kana akka yaadatuuf, hojiisaaniirratti qorannoon akka hojjetamuuf hojiisaanii walitti qabanii iddoo tokko kaa’uun dhalootatti akka darbuu taasisuufi.

Kaayyoonsaa inni biraan ammoo namoota akka Roobaa Qawweessaa kennaa hogbarruu qaban baay’inaan keessatti oomishuufi. Bu’uura kanaanis dameewwan hogbarruu, weelluu, moodeliingii, fakkiifi bobboca, taatummaafi kkfdhaan ijoollee kennaa addaddaa qaban leenjisuun addunyaa aartiif gumaachaa jira.

Ijoollee giddugalichatti leenji’aa jiran keessaa gareen diraamaafi tiyaatiraa hojiilee garagaraa aadaafi duudhaa ummata Oromoo mul’isan hojjechuun dhiheessaa jira. Nutis tibbana dhimma hojiif yommuu gara Yunivarsiitii Amboo deemnee turretti tiyaatira gabaabaa gareen kun mata duree ‘Kottu dhufee” jedhuun dhiheesse daawwachuu dandeenyeerra.

Leenjitoonni gaafa tiyaatiricha dhiheessan namoonni galma yunivarsiitii Amboo keessatti walitti qabaman callisaafi dinqisifannaadhaan daawwataa turan. Yommuu isaan xumuran illee harka dha’uun dinqisifannaa qaban mul’isuun jajjabeessaniiru.

Nutis leenjitoota giddugalichaa kan damee taatummaa diraamaafi tiyaatiraa keessaa muraasa dubbisneerra. Isaanis giddugalichi banamuusaatiin namoonni kennaa aartii qaban baay’een kennaasaanii akka baafataniifi barnootaan gabbifataniif carraa isaaniif uumuudha Gaazexaa Bariisaatti kan himan.

Barattuu Siifan Gabree Giddugala Qo’annoofi Qorannoo Aadaa Looreet Tsaggaayee Gabramadiin keessatti damee tiyaatiraatiin leenji’aa jirti. Idileedhaan Mana Barnootaa Qophaa’inaa Ambootti barattuu kutaa 12ffaati. Waggoota sadii dura waa’ee giddugalichaa dhaga’uun fedha qabdurraa ka’uun hiriyyootashee waliin seenuushee eertee, erga giddugalicha seenanii beekumsa hedduu argachuu dubbatti.

“Jalqaba utuu gara giddugalichaa hindhufiin fedhuma qabaachuurra darbee beekumsa kana jedhamu hinqabnu. Erga seennee booda garuu, giddugalicha aartistoota bebbeekamoo Tiyaatira Biyyaaleessaarraa waamuun akka nu leenjisaniifi muuxannoo nuu qoodan taasiseera. Kennaa uumamaan qabnu akkamiin ogummaa itti daballee hojii jaallatamaa ummata biraan ga’uu akka dandeenyu beekumsa olaanaa itti arganneerra” jetti.

Giddugalichi naannawaasaaniitti banamuusaatiinis ijoolleen kennaa aartii qaban baay’een kennaasaanii akka calaqqisiisaniifi baasaniif isaan fayyadu kan himtu Siifan, kanarra darbees carraawwan hojii addaddaallee isaaniif banamuu eegaluu himti. Fuuldurattis caalaatti akka hojjetaniif dhaabbileen aartiirratti hojjetaniifi hojjechiisan utuu dhaqanii isaan ilaalanii caalaatti carraan hojii akka banamuufi danda’u dubbatti.

Giddugalichi gama aartiitiin qofa osoo hintaane barnootasaaniitiin illee akka cimaniif deeggarsaafi hordooffii kan taasisuuf ta’uu ibsitee, leenjichas sanbattan waan fudhataniif barnoota idileesaaniirratti dhiibbaa akka hintaasisne himti.

Barattuun Yunivarsiitii Amboofi leenjituun giddugalichaa biroon Heelan Taammiraat jedhamti. Isheenis giddugalicha erga seentee waggoota lama ta’uu eertee, achitti leenjii argachuusheetiin beekumsa hedduu dabalachuushee dubbatti.

Jalqaba utuu gara giddugalichaa hindhufiin kennaa qabdurraa ka’uun fedhuma qabaachuu malee akkamiin diraamaa ykn tiyaatira tokko haala nama biratti jaallatamuun hojjechuu akka danda’amurratti hubannoo akka hinqabnu ibsiti. Keessumaa diraamaan ykn tiyaatirri yommuu hojjetamu fakkeessaa qofa osoo hintaane ta’anii hojjechuun akkamitti akka danda’amu sirriitti hubachuu dubbatti.

Giddugalichi namoota muuxannoo aartii qaban fiduudhaan beekumsaafi muuxannoosaanii akka isaaniif qoodan taasisaa jiraachuu himtee, kanaanis dandeettiisaanii gabbifachaa akka jiran himti. Fuuldurattis leenjii argatteen damee aartii biyyattii keessatti akka Looreet Tsaggaayee ashaaraa dhalootatti darbu keessee darbuu akka barbaaddu dubbatti.

Saamu’eel Biraanuus giddu galicha keessatti Tiyaatiraafi Sirna Barreeffamaatiin leenji’aa jira. Innis Mana Barnootaa Qophaa’inaa Ambootti barataa kutaa 12ffaa yoo ta’u, erga gara giddugalichaa seenee waggoota sadii ta’uu ibsa. Dura mana amantiitti hojii aartii xiqqoo shaakalaa akka ture himee, erga gara giddugalichaa dhufees beekumsa hedduu horachuusaafi dandeettii qabu daran gabbifachuusaa hima.

“Ani akka dhuunfaakootti leenjii ogummaa qofa miti kanin argadhe. Aadaa, duudhaafi seenaakoollee sirriitti bareera. Sirni Gadaafi kanneen biroo Oromoo biratti hiika olaanaa qaban maal akka ta’an ittiin bareera. Amma ani waa’ee duudhaa, aadaafi seenaa Oromoo afaan guutee dubbachuuf hinsodaadhu, bifa tiyaatiraafi diraamaatinis yeroo baay’ee dhiheesseera” jedha.

Beekumsa giddu galichaa argateenis dorgommiiwwan aartii akka biyyaaleessaatti qophaa’an kanneen akka ‘Baalaagaruu’rratti hirmaachuusaafi dandeettii dhokataasaa waltajjii garagaraarratti mul’ifachuuf isa gargaaruu hima. Dargaggoonni giddugalichatti leenji’an biyyaa alattillee deemanii hojjechaa jiraachuufi dandeettiisaanii agarsiifachaa jiraachuu ibsa.

Beekumsaafi muuxannoo giddugalichatti argateenis sadarkaa biyyooleessaatti hojjechuuf hawwii akka qabu kan himu Saamu’eel, kanaanis biyyasaafi ummatasaa beeksisuu akka barbaadu ibsa.

Fiqaaduu Haayiluus kanneen giddugalicha keessatti damee taatummaafi daarektarummaadhaan leenji’aa jira. Barnoota Idileedhaanis Mana Barnootaa Qophaa’inaa Ambootti kutaa 12ffaa barata, innis akkuma hiriyyootasaa biroo waggaa sadiin dura gara giddugalichaa seenuun leenjii kan eegale ta’uufi kanaanis beekumsaafi muuxannoo hedduu ittiin horachuu hima.

Leenjii waggoota sadan darbaniin ogummaasaanii gabbifachuurra darbee galiillee ittiin argachaa jiraachuu eeree, bakkeewwan addaddaa deemuun akka biyya baraniifi muuxannoo bakka biraallee ilaalaniifis carraa isaaniif uumuu ibsa.

Beekumsaafi muuxannoo argatan kanas fuulduratti keessumaa aadaafi eenyummaa Oromoo waltajjii biyyaaleessaafi biyyooleessaarratti agarsiisuuf fedha akka qabu himee, giddugaloonni akkanaa bakkeewwan garagaraatti utuu babal’atanii ijoollee aartii hedduu horachuun akka danda’amu kaasa.

Walumaagalatti giddugalli kun aartiin Oromoo darbees kan biyyattii ogummaadhaan akka deeggaramuuf gahee inni ba’ataa jiru olaanaadha. Yunivarsiitiiwwan biroonis haala qabatamaa naannawaasaaniitiin giddugalawwan ijoolleen dandeettiisaanii keessatti gabbifatan utuu bananii aartii guddisuurra darbee, dargaggoonni bakka hintaaneefi waan hintaanetti yeroosaanii akka hindabarsinellee ni gargaara. Kanaafuu, muuxannoon Yunivarsiitii Amboo babal’achuu qaba jenna.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 4 Bara 2014

Recommended For You