Aartiin biyya tokko keessatti nageenya waaraa mirkaneessuuf, hariiroo biyyootaas ta’e sabootaa cimsuuf, misooma saffisiisuuf ijaarsa biyya tokkoo keessatti qoodinisaa olaanaadha.
Tibbana Giddugalli Aadaa Oromoofi Biiroon Aadaafi Tuuriizimii Oromiyaa waliin ta’uun marsaa shanaffaaf leenjifamtoota ogummaa fiilmii, tiyaatiraafi shubbisaan amaataroota dhibba lamaa ol guyyoota 45f leenjisaa ture eebbisiisee ture. Sagantichis mata duree “Aartiin nageenya waaraaf, tokkummaaf, misooma biyyaatiif, badhaadhinaafi ijaarsa biyyaatiif” jedhuun kan qophaa’e yoo ta’u, seenaafi duudhaa Oromoo ganamaa lafa qabsiisuuf, dhaloota seenaa isaa hindaganne omishuun Industirii Artii Oromoo guddisuuf hojjetamaa jiraachuu hojii akeekudha.
Saganticharratti hoggantoota Biiroolee Oromiyaa, Giddugala Aadaa Oromoo, Aartiistota garagaraa, dargaggootaafi maatiin leenjifamtootaa kan argaman yoo ta’u sochichi artiin Oromoo fuulduratti akka tarkaanfatuuf bu’uura guddaa kan buusu ta’uu himameera.
Daarikteera Olaanaa Giddu gala Aadaa Oromoo kan ta’an Obbo Geetuu Birrannaa eebbicharratti argamuun haasa’aa taasisaniin “Aartiin kan ummanni Oromoo gaddaafi gammachuusaa, dhimmoota bulchiinsaa, dinagdee, hawaasummaa ittiin ibsatu, daawwitii ummataa waan ta’eef aartii guddisuuf leenjii garagaraa kennuun ittifufaa jira jedhu. Eebbifamtoonnis ogummaasaaniitin jiruufi jireenya hawaasaa ibsuuf qophii ta’uu qabu” jechuun ibsan.
“Aartiin kana booda hojjetamu kan hiyyummaafi gadadoo faarsu osoo hin ta’iin kan sabboonummaa Oromoo faarsu, duudhaafi safuu Oromoo guddisuufi dagaagsu ta’uu qaba. Hawaasni tokko jiruufi jireenya isaa keessatti waan isa qunname qaroomaafi guddina, yaada, falaasama, fedhii, abdii, gaddaafi gammachuu isaa artiidhaan ibsata. Biiroon Aadaafi Tuuriizimii Oromiyaafi Giddu Galli Aadaa Oromoo qindoomina walootiin dhugaa kana hubachuun aangoofi gahee hojii Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaafi ummanni Oromoo itti kenne bu’uura godhachuun Amaataroota aartii dhibba lama ta’an iddoo adda addaatii dorgomsiisee filachuun ogummaa aartii kanneen akka shubbisaa, diraamaa, tiyaatira, ogbarruufi fiilmiitiin ji’a lamaaf leenjisaa ture guyyaa har’aa marsaa shannaffaaf eebbisiiseen humna dabalataa aartii Oromoof gumaachuu keessatti gahee olaanaa qaba” jechuun dubbatan
“Aartiin Oromoo haala jiruufi jireenya dhaloota darbee kan ibsu daawwitii afaanii, aadaa, seenaafi jireenyaati, kanaaf ammoo, leenjii amaatarootaa guyyoota 45n hojiin aartii har’a waltajjii kana irratti dhiyaate fakkeenya guddaadha. Aartiin Oromoo ijaarsa biyyaa keessatti, tokkummaa Oromoo, akkasumas obbolummaa sabaafi sablammoota Itoophiyaa cimsuu keessatti gaheesaa daran akka bahatuuf xiyyeeffannaan hojjetama. Giddugalli Aadaa Oromoo leenjii damee shubbisa, Tiyaatiraafi Fiilmiin kennaa jiru sadarkaa qulqullinaa gonfachuu qabuun itti yaadamee kennamaa jira. Leenjiin kuniifi kanneen biroo madda ogeessota aartii dabalataa itti horannuu keessaa isa hangafaati” jedhan
Hooggantuun Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa Aadde Sa’adaa Usmaaniin ‘gamasaaniin Aartiin kan hiyyummaafi gadadoo faarsu osoo hin ta’in kan sabboonummaa Oromoo faarsuufi ibsu, duudhaafi safuu Oromoo leellisu, guddisuufi dagaagsu ta’uu qaba jedhaniiru. Ummanni Oromoo kaleessa sirna ukkaamsaa keessatti aartii isaatiif jecha du’eera, hidhameera, biyyaa akka baafamu ta’eera. Har’a garuu seenaan sun bu’uura irraa jijjiiramee ummanni keenya hiree argatee, bakka kaleessa irraa dhiibamaa tureefi itti hidhamaa ture qe’ee isaa handhuura Oromiyaa Magaalaa Finfinneetti Galma Aadaa ijaarratee aartii isaa yoo dagaagfatu arguun gammachuufi abdiidha” jechuun himan
Jeneraal Waaqoo Guutuufaas ‘gabrummaa hiddaan buqqifna, dadhabnu ilmaan itti guddifna’ kan jedhan agarsiisa hojii aartii dargaggoota har’a leenjifaman kanaan mirkanaa’eera. Hayyoota umurii guutuu of kennanii ummata isaanii amanamummaafi quuqama guddaan tajaajilaa turan kabajuun beekamtii kennuun dirqama dhalootaafi hoggansa ammaa waan ta’eef hayyuufi gameessa aartii yeroo dheeraaf ogummaafi beekumsa qabaniin ummata Oromoo tajaajilaa turan Obbo Diimaa Abarraatiif beekamtiin addaa kennamuunsaa dhaloota dhufuu waan jajjabeessafi barsiisaadha jechuun dubbatan
Eebbifamuun kophaasaatti gahaa miti. Leenjifamtoonni waan leenjitan hojiitti jijjiiruun madda galii taasiisuufi hojii bareedaa hojjechuun dorgomaa ta’uun murtessaadha jedhan
Obbo Latamoo Badhaasoo Giddugala Aadaa Oromootti Daarektara Tiyaatiraafi Muuziqaa yoo ta’an, Leenjifamtoota eebbifaman dandeetti uumamaan qaban hubatanii adda baasuun akka leenjii fudhatan waayita taasifaman gufuuwwaan adda addaa jiraatanis barsiisota, ogeessota ga’umsa qabanitti fayyadamuun, bakka hir’ina qabnutti ammo deeggarsa ogummaa Yunivarsiitileerraa fudhachuun leenjiicha kennuu dandeenyeerra yaada jedhu kaasu.
Ogeessonni akaakuu ogummaa barsiisuu danda’an qofarratti xiyyeeffachuun akka leenjisan taasiisuu keenyaan leenjifamtootarratti jijjiirama guddaa arguu dandeenyera. Akka waliigalaatti leenjifamtoonni akaakuu aartii fiilmii, tiyaatiraafi shubbisaan eebbifaman cinaatti akka dabalataatti barannoowwan kudha lama fudhataniiru. Leenjii marsaa shanaffaa amma kenname kanneen biroorra wanti adda isa taasiisu qophii jalqabee hanga xumuraatti xiyyeeffannoo addaan leenjii kenname yoo ta’u kanaaniis fiilmii gaggabaaboo muraasa hojjechuun danda’ameera’’ jedhan.
Tiyaatira waltajjiirratti dhiyaaterratti Ta’ii ‘Giiftii’ jedhamtu bakka bu’uun kan dhiyeessite Eebbifamtuu, Barsiistuu Masarat Bushaas dubbii dubbatteen “Waan Eebbifamneef hundi keenyayyuu gammanneerra jettee Kun jalqaba keenya malee xumura keenya miti jetteetti. Tiyaatirri hojjennee waltajjiirratti dhiyeessine hojii bareedaa waan ta’eef waltajjii biraarratti carraa dhiyeessuu niarganna jedheen amana” Jetti
Leenjistoonni wayita nuleenjisan akka fuulduratti bu’aa gaarii buusuu dandeenyutti kan nuleenjisan. Kanaafis galata guddaa nurraa qabu. Iskiriibtii adda addaa wayita ammaa shaakalaa jirra. Kana gara fuulduraatti nidhiyeessina waan ta’eef bu’aa dadhabbii keenyaa ummanni akka ilaaluun affeeruu barbaada. Cimina keenyas ta’ee dadhabbina qabnu ummanni dhufee ilaalee yaada nuukennurraa hubanna waan ta’eef dhufanii hojii keenya ilaaluun waan murteessaadha. Oromoon waansaa ofii guddifachuu, ho’ifachuufi leellisuu qaba. Kanaaf hayyoota keenya waliin walta’uun hojjeechuufi haala mijataa uumuun daran barbaachisaadha jechuun dubbatti.
Ogeessa Gamaaggamaafi Leenjii Dinqeessaa Imaanaa Gamasaan “Giddugalli aadaa Oromoo dagaagina aartii Oromoof kanaan boodayyuu bu’aa guddaa buusa. Kanammoo waanuma amma argaa jirruudha. Gidduugalichi gamoo garagaraa akka garaatti leenjii keessatti kennuu nama dandeessisuufi waan hojjetame tokko dhiyeessuu dandeessisu waan qabuuf ogeessa dabalataa omishuufis ta’ee ogumicha dagaagsuuf daran mijataadha.
Dargaggoonnifi shamarraan marsaa kanaan eebbifaman kanneen jaalala aartii olaanaa qabaniidha. Sababnisaas hedduunsaanii kanneen miilaan asitti marmaaranii leenjii fudhataa turani. Kessumaa kanneen godinaalee addaa Oromiyaa naannawaa Finfinneerraa dhufantu baay’ata. Kana jechuun hagam ijoolleen kun akka aartiin Oromoo guddatu hawwii qaban agarsiisa. Kan keessa turre dhamaatii gaariidha. Firii gaariis argineerra jedheen abdadha” jedhe.
Tiiyaatira waltajjiirratti dhiyaaterratti Ta’ii ‘Gooftaa’ jedhamu bakka bu’uun kan dhiyeesse Eebbifamaan Barsiisaa Rafeeraa Lalisaa akka kaasettis “Wayitan gama kana dhufu yeroo gabaabaa kanatti beekumsa haganaa nan horadha jedhee hin yaadnen ture jedha.
Guyyoota leenjii 45tti waan hedduu barachuu danda’eera. Leenjii akkasii akka salphaatti eessaayyu argachuun waan danda’amu miti. Ogummaa kanaan akka amma jalqabneen yoo itti fufne bakka karoorfanne geenyee aartii Oromoorratti waa dabaluu akka dandeenyu nan amana” Jechuun ibse.
Dhumarratti leenjifamtoonni agarsiisa shubbisaa godinaalee Oromiyaa mara dhiyeessaniin cinaatti diraamaa gaggabaaboo lama mataduree ‘Shiraa’fi ‘Garam?’ jedhu, tiyaatira mataduree ‘Sirrii miti’ jedhu dhiyeessaniin dinqisiifannaa daawwattootarraa argachuu danda’aniiru.
Sinqinash Alamuutiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 27 Bara 2014