Jireenyi namaa wal’aansoon guutuudha. Namni jabaatee wal’aansoo qabe injifataa yeroo ta’u, kan harka kenne garuu injifatamaa ta’ee dirree jireenyaa keessaa ala ba’a. Seenaa namoota milkaa’oo hedduu irraas isa kana barra. Namoonni biyya lafaa kana irratti beekamoofi jajjaboo akkasumas daandii garaa garaan milkaa’oo ta’an jalqabni isaaniii kufaatiin kan guute, wal’aansoo qabuun haala hamaa jijjiiranii seenaa dhaloonni irraa baratu galmeessanii darbaniiru.
Daandiin isaanii har’as nuuf barnoota. Daawitii ittiin of ilaalludha. Haala keessa tarrutti hamilee keenya. Isaan keessaa namoota muraasa haa ilaallu. Namni maqaan ishee Oppiraa Wiinfreey jedhamtu jireenya rakkinaan guute umurii ishee gadiitti dabarsite jabina bara ishee hundumaa akka ta’eef agarra. Oppiraan baadiyyaa keessatti haadha hiyyeessa irraa nama dhalatte, nama abbaa malee gargaarsa utuu hinargatin guddatte, mucummaa isheetti waggaa afurii oliif namaan kan gudeedamte, waggaa kudha afuritti ulfooftee utuu yeroon hinga’in deessee mucaan kan harkaa ba’e, ulfaatina jireenya ishee mudate baqattee yeroo hedduu baduuf yoo yaalte illee poolisoota naannootiin qabamtee gara manaatti kan deebite, barnoota xumurtee hojiitti yeroo seentu waggaa digdamii lamatti hojii gabaasa televiziyoonaa irraa dandeettii hinqabdu jedhamtee nama ari’atamteefi kkf., agarra.
Haa ta’u iyyuu malee rakkoo kana hundumaa keessatti hafuuf gaafa tokko iyyuu kan harka hinlaanne, jabaattee nama hojjettu akka taate seenaan ishee nidubbata. Rakkoo jiru qofa nama leellisuun gara fuula duraatti deemuu dadhabdu utuu hinta’in, rakkooleen ishee muudatan hunduu yaabbannoo ta’aniif har’a biyya Ameerikaa keessatti dubartii doolara biiliyoonaan lakkaa’amu qabdu, dhaabbanni ishee nama dhibba afurii ol kan qacaree hojjechiisu, dhaabbata hiyyeessa deeggaru nama eegaluu dandeesse, akka biyya Ameerikaa qofatti utuu hinta’in akka Addunyaa keenyaatti har’a nama beekamtuufi nama dhaloonni jabina irraa baratu, rakoo jiruun akka namoonni deemsa isaanii daangessanii hinhafneef dhuga ba’umsa jiraataa nama qabdu taateetti.
Ishee qophaas utuu hinta’in namoonni akka Stiifen Kiing addummaan jecha isaa “Jireenya kee akkasumaan hindabarsin. Jireenya ariitii jiraadhu yookaan du’a ariitii du’i” jechuun akka dhalli namaa akkasumaan jireenya isaa hindabarsine nama onneessu kun daandiin isaa baay’een salphaa hinturre.
Stiifen Kiing nama barreefamni isaa dhaloota irratti dhiibbaa gaarii fidu hinfakkaatu ture. Jireenyi isaa dhugaatiifi baala sammuu namaa hadoochuun nama miidhamaa ture. Haa ta’uyyuu malee araadni dhugaatiifi baalli sammuu namaaa hadoochu bara baraan jireenya isaa miidhee akka laamshessuuf hinheeyyamne. Rakkoo isa mudate keessaa dhidhiittatee ba’uun biyya lafaa kana irratti nama barreeffamaan addumaan asoosamaan urjii barii ta’ee nama mul’achuu danda’eedha. Kufaatiin mallattoo isaa akka ta’uuf hinheeyyamne. Harka hinlaanne. Kaleessi isaas ta’e maallaqa dhabuun boodatti isa hindeebisne. Stiifen Kiing yoo xiqqaate si’a soddoma barreeffamni isaa barbaachisaa akka hintaaneefi akka hinmaxxanfamne yoo itti himamellee isa kanaanis hamileen isaa hincabne. Rakkoo isa mudate irraa gara isa itti aanuutti ce’aa deemuun dhuma irratti asoosamni inni maxxansiise yoo xiqqaate miiliyoonni 350 ol gurguramuun Addunyaa kana irratti nama beekamaa ta’eera.
Wanti nama dhibu nuti utuu waan tokko si’a lama yookaan sadii yaallee milkaa’uu dadhabnee itti fufnee wal’aansoo qabuu nidandeenyaa? Inni garuu itti fufee galma isaa bira ga’uuf aggaame; dhuma irratti nama dhaloota barsiisee darbuu danda’u ta’e. Nama mul’ata qabu, nama galma sirrii qabu wantoota abdii isa kutachiisu, araada xaxee qabe ciree keessaa ba’ee nama mo’ichaa ta’uu danda’eera. Aniif atis rakkoo jiru injifannee akka keessaa hinbaaneef rakkoon keenya kan Oppiraas ta’e kan Stiifen Kiing nicaala jettee niyaaddaa? Haala jiru injifachuuf inni guddaan jabaatanii wal’aansoo qabuudha. Mul’ata qabaachuudha. Galma ofii sirriitti beekuudha.
Yeroo hedduu namoonni waa’ee Abraaham Linkoliin yeroo haasa’an dhageenyee beekna ta’a. Sadarkaa jijjiirama har’a seenaan biyya lafaa dubbatu bira ga’uuf wanta keessa darbe keessaa muraasa isaa yoo ilaalle; nama hiyyummaa hamaa keessatti dhalate, maatiin isaa bara 1816 mana jireenyaa isaanii keessaa humnaan yeroo baafaman hojii humnaa hojjetee isaan gargaaraa ture; bara 1818 haati isa nidu’an; waggaa muraasa booda bara 1831 daldala eegalee hinmilkoofne; bara 1832 dorgommii filannootti dhiyaatee hinmilkoofne; bara 1832 hojii irraa ni ari’ame akkasumas mana barumsaa seeraa dhaquuf jedhee utuu hin milkaa’in hafe. Bara 1833 horii hiriyaa isaa irraa liqeeffatee daldala eegalee dhuma waggaa irratti kasaaraa cimaa keessatti kufuun horii liqeeffate kana waggoota dhufan kudha torba guutuu kanfale.
Bara 1835 kaadhimaan isaa sababa jalaa duuteef gadda guddaatu jireenya isaa mudate. Bara 1836 dhukkuba neervii dhukkabsachuun ji’a guutuu sireetti gale. Bara 1838 dorgommiif filannootti dhiyaatee nimo’ame. Itti fufuun bara 1840 ammas nimo’ame. Bara 1843 mana mareef dorgomee hin milkoofne. Bara 1848 mana mareef si’a lammaffaaf dorgomee nikufe. Naannoo dhalatetti bara 1849 bulchiinsa lafaaf dorgomee hinmilkoofne. Bara 1854 mana maree murtoo seeraatti dorgomee nikufe. Bara 1856 wal ga’ii paartii isaatii irratti dhiyaatee itti aanaa Pirezidaantiif akka filaniif maqaa dha’uu irratti namoota dhibbaa gadi kan ta’antu file. Lammaffaa deebi’ee waan filannootti dhiyaatu hinfakkatu ture. Haa ta’uyyuu malee utuu abdii hinkutatin bara 1858 mana maree Ameerikaaf dorgomee ammas nikufe. Abdii kutannaa malee ammas irra deebi’ee yaaluun seenaa keessatti kan hindagatamne bara 1860 Pirezidaantii biyya Ameerikaa ta’ee filame.
Abirahaam Linkolin nama bara isaa irra guddeessa mo’amuun jiraate yoo ta’ellee, boodatti hindeebine. Pirezidaantota Ameerikaa keessaa isa jabaafi kan maqaan isaanii dha’amu keessaa tokko ta’uu danda’eera. Darbees nama jijjiirama fidu keessaa nama tokko ta’eera. Namoota mul’ata qabaniif kufaatiin dhuma jireenya isaanii miti. Ilaalcha sirrii sababa qabaniif kufaatii irraa beekumsaafi muuxannoo garii argatu. Namoota baay’eetiif kufaatiin yeroo abdii kutannaati. Haa ta’uyyuu malee kufaatii irraa waan hedduutu barama. Gufuu nama dha’e irratti jabaatanii hojjechuudhaan galma ofii bira ga’uun nidanda’ama. Kanaaf kufaatiin dhuma adeemsa keenyaa miti, dhuma mul’ata keenyaas miti. Akka isa kana ta’uufis heeyyamuun nurra hinjiraatu.
Egaa namoonni biyyi lafaa kun leellistu hedduun isaanii gaarota abdii nama kutachiisan hedduun wal’aansoo qaban injifatanii kan darbanii dhufaniidha. Namoonni akkasii dubartoota keessas jiru. Fakkeenyaaf dubartiin J.K. Roowliing jedhamtu, “Amma rakkinaan qoramtutti sirriitti of beekuu hindandeessu”; darbees “Jireenya jiraadhu malee abjuu hinjiraatin” jechuun namoota hedduu biratti dubartii beekamtuu turte. kunis jireenyi ishee mana kitaabaa waa hedduu keessaa barataniidha. Tarii maaliif akkas jetti jechuu dandeenya. Dubariin kunis akkuma namoota kaanii rakkoo cimaa nama dabarsiteefi yeroo hedduu of ajjeesuuf nama yaadde akka taate barreessitoonni hedduun nidubbatu. Dubartiin kun nama hojii hinqabneefi nama abbaan manaa ishee dhiisee qofaa mucaa ishee guddiftu, waan ittiin jiraattus nama hinqabne turte. Walumaa galatti nama jireenya ishee keessatti bor ifni jira jettee yaaduu hindandeenye hanga fakkaattutti nama rakkoon ishee muudateedha. Rakkoo kana keessa utuu jirtuu garuu asoosama “Haarii Pooter” isa jedhamee namoota hedduu biratti beekamu barreessite. Barreeffama ishees yoo xiqqate manneen maxxansaa 12 ol maxxansuufii didaniiru. Faayidaa akka hinqabne itti himaniiru. Isa kanaan abdii kutattee hinteenye. Itti fuftee manni maxxansaan kan biraa akka isheef maxxansu gaafatte. Manni maxxansaan 13ffaan akkumasaatti yeroo maxxansuuf bara 1997 keessa kitaabni addunyaa kana irratti beekamaan, sadarkaa ol’aanaa keessaa tokko ta’e gara biyya lafaa kanatti ba’e. Gurgurtaa kataaba isheetii doolaara miiliyoonotaan lakkaa’amu yeroo galchu, barreessituu seenaan yoomiyyuu hindaganne keessatti maqaan ishee dhahameera. Namoota birattis ta’e manneen maxxansaa jiran biratti nama daran barbaadamtuu taate. Tarii kufaatiin keenya wallaaloo ta’uu keenya miti. Kufaatii cimaan garuu bakka kufanitti hafuudha. Isa kana dagachuus hinqabnu.
Walumaa galatti jireenyi salphaa miti. Wal’aansoon kan guuteedha. Wal’aansoon ammoo maashaa keenya jabeessee gara milkaa’inaafi namoota dhaloonni barbaadutti nu geessuu danda’a. Wanti nuti dagachuu hinqabne inni guddaan jireenyi ilma namaa kufaatii keessa taruun guyyaatii gara guyyaatti wal’aansoo qabnuun of argachaa deemuudha. Of baraa deemuudha. Of jijjiiraa deemuudha. Abdii kutannaa irraa of eeggachuu danda’uudha. Nama dhiibbaa geessisu ta’uuf duraan dursinee of hubachuu danda’uufi dhiibbaa attamii akka namoota kan biraa irratti geessisuu dandeenyu beekuun barbaachisaadha.
Dhiibbaa gaarii geessisuun geggeessummaa keessattis taanaan hojii hojjennu keessatti barbaachisaadha. Addummaan geggeessummaa keessatti daran barbaachisaadha. Gaggeessitoonni dhiibbaa gaarii geessisuu dandaa’an dhageettii sabaa niargatu. Yaada isaanii gurgurachuu nidanda’u. Gartuu isaanii kakaasuu nidanda’u. Duuka buutonni isaanii yaada isaanii akka deeggaraniifi akka murtoo isaanii hojii irra oolchaniif nigargaara. Isa kanaaf gaggeessitoonni hanga danda’ametti ilaalcha namootaa irratti dhiibbaa gaarii geessisuun barbaachisaadha.
Haa ta’uyyuu malee inni kun kan gaggeessitoota qofaaf barbaachisu miti. Hundumti keenya adeemsa jireenyaa keessatti of ilaaluun, namoota rakkoon boodatti hinhambifne ta’uun barbaachisaadha.
“Adeemsa keenya keessatti rakkoolee nu mudatan injifannee darbuun maashaa keenya jabeessee rakkoolee bor nu mudataniin akka boodatti hindeebineefi injifattoota akka taanuuf kan nu gargaaruudha.”
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 27 Bara 2014