Bineensota summii cimaa ykn hadhaa (poisoning) qabaniin nama galaafataniifi gargaarsa duraa godhaman

Bineensonni uumamaan rabbi yoo isaan uumu waan ittiin diina isaanii ofirraa faccisan, kaaniif gaafa ittiin waraanan, kaaniif dandeettii fiigicha saffisaa ittiin baqatanii ba’an, kanneen biroof ammo humna ittiin diina isaanii caccabsan ken­nee uume. Akkasuma bineensota tokko tokkoof ammoo summii diina isaaniitti naqanii ittiin galaafatan kennee uume.

Dhala namaaf ammoo gaanfa ittiin waraa­nanis ta’e summii, humna cimaas ken­nuufi baatus rabbi sammuu ittiin bineen­sota biroo irra aanan kennee jiraachisa. Har’aaf kan fayyaa waliin baay’ee walqa­batan bineensota summii isaaniitiin dhala namaa dabalatee bineensota biroo galaaf­atan, yoo kan galaafachuu baatan ammoo hedduu dhukkubsachiisan keessaa kan bi­yya keenyatti baay’inaan argaman bofaafi ciniinnaa ilbiisotaa haa ilaallu.

  1. Ciniinnaa Bofaa

Bofti akkuma namni hundi beeku sum­mii ishiidhaan nama galaafachuudhaan beekamti. Haa ta’u malee bofti gosti marti summii qaba jechuu miti. Gosootni bofaa hedduun isaanii summii hinqaban. Kan­neen qaban ammoo jabinni ykn summii isaanii gosaa gosatti garaagarummaa ci­maa qaba. Gosti bofaa addunyaa kanar­raa dhala namaa hedduu ajjeesuudhaan beekamu gosa Koobraa “cobra” jedhamu yoo ta’u baay’inaan kan argamu naannoo gammoojjiittidha.

Gosti bofaa koobraa kun lubbuu namaa baay’inaan kan dabarsu summiin isaa gosa bofaa kan biraa (warren summii qa­ban) waan caaluuf osoo hintaane amala nama loluu waan qabuuf. Keessumaa bi­yya hindii (India) keessatti wagga wag­gaatti lubbuu namoota hedduu galaafata. Walumaa galatti waggaatti sababa bofaa qofaan namoonni kuma sadeettamaa ol ta’an lubbuu isaanii dhabu.

Mallattoo

Mallattoon erga bofti nama ciniintee booda namarratti mul’atu namaa namatti garaagarummaa guddaa qabaachuu malus walumaa galatti garuu namni tokko yoo bofaan ciniiname mallattoolee armaan ga­dii kana argisiisuu mala:

  • Bakka bofti ciniine sanatti madaan xiqqoon (puncture wound) argamuu,
  • Bakki ciniiname sun diima­chuu, dhiita’uu, qunca’uu ykn luqqa’uu, dhiiguu,
  • Dhukkubbii cimaan akkasumat­tis yoo harkaan qabanis bakka sanatti namatti dhaga’amuu,
  • Olguurraa ykn haqqeefi teessisaa,
  • Hafuura baafachuu dadhabuu ykn hafuurri nama cituu,
  • Onneen ofii garmalee akka nama fiigaa jiruutti dha’achuu,
  • Ijji ofii seeraan laaluu dadhabuu ykn namatti dukkanaa’uu,
  • Afaan ofii keessatti dhandhamni ykn miirri akka shaaraa ykn sibii­laa namatti dhaga’amuu,
  • Garmalee gororuu ykn garmalee dafqi qaamarra dhangala’uu,
  • Qaamni ofii adooduu ykn miirri itti dhaga’amuu dhiisuu.

Haga mana yaalaa geenyutti nama bofti ciniineef gargaarsa duraa maal gochuu qabnaa?

Nama bofti ciniinte tokko jalqaba sam­muu keenyatti kan dhufu qabu mana yaa­laa akka geessuu qabnu yaaduudha. Gara mana yaalaa yoo deemu namni bofni cini­inte kun mallattoo irratti hundaa’uudhaan yoo kan gosti bofaa beekamtu ta’e ammoo gosa bofaa irratti hundaa’uudhaan (kan summii qabuufi hinqabne) qorichi anti­venom (farra summii) jedhamu ni kenna­maaf.

Namni yoo mana yaalaa deemu ofiin of gargaaree deemuun hinfilatamu. Namni biraa gargaaree yoo kan konkolaataan jiru ta’e konkolaataan yokaan waan biraan gara mana yaalaa geessisuu qaba. Haa ta’u hanga mana yaalaa geessisnutti am­moo akkasumaan geessuu irra wantoonni nuti gochuu qabnuufi gochuu hinqabne maal maal fa’i kan jedhu haa ilaallu.

  • Yoo bofti ciniinte sun bakka san jirti ta’e yookaan ajjeefamteetti ta’e, suuraa ishee qabaachuun (kaafachuun) gosti bofa sanaa kam akka ta’e adda baasuudhaan yaalamuuf hedduu gargaara.
  • Namni bofti ciniine tasgabbaa’uu qaba. Kunis yoo kan baay’ee dhiphate ta’e dhiigni daddafee waan onnee isaa/ishii keessa deddeebi’uuf, summii bofaa sana bakka jalqabaatii fuudhee qaama keessa waliin ga’a waan ta’eefidha.
  • Namni ciniiname sun haala (po­sition) isa/ishee boqochiisuun ci­isuun barbaachisaadha.
  • Waan akka sibiilaafi meeshaalee miidhaginaa akka qubeelaa harkaa, ambaarii harkaa ykn Faa­ya morma irraafi kkf qaama nama ciniinamee irraa baafamuu qabu.
  • Bakki bofti ciniinte sun sirriitti saamunaafi bishaaniin battalu­matti miiccamuu qaba.
  • Bakka ciniiname sana haga dan­deenye mallattoo itti gochuudha. Yoo danda’ame ammoo sa’aa itti ciniiname ykn ciniinamtes irratti katabuudha.

Waantoonni nuti gochuu hin qabnehoo maal fa’ii?

  • Bofa ciniine sana qabuudhaaf yaaluun tasumaa sirrii miti. Yoo kan du’e ta’e illee gara mataa isaa baachuu ykn tuttuqquu yaaluun tasumaa balaa namatti fida.
  • Bakka tokko tokkotti akka jed­hamu bakka ciniiname sana gad hambisanii qaama ciniiname sana hidhuun faayidaas hinqabu, miidhaa biraafis nama saaxila. Kanaaf bakka ciniiname hidhuun dhorkaadha.
  • Bakka ciniiname ykn qaama cini­iname sana summiin akka ba’utti jedhanii waan qara qabuun kuk­kutuu ykn mummuranii dhiig­suun tasumaa summii seene sana hinbaasu waan ta’eef kana go­chuu irraa of qusachuudha.
  • Summii keessaa baasuuf jecha bakka ciniiname sana ciniinuu, xuuxuufi kkf irraa of eegga­chuudha.
  • Bakka ciniiname sana irra bishaan qorraa kaa’uu ykn qaama ciniiname sana bishaan keessa kaa’uunis waan nama ciniiname sana hingargaarreedha.
  • Qorichoota dhukkubbii dhorkan akka aspirin, ibuprofen fikkf haga mana yaalaa ga’amutti ofii ofiin fudhachuu irraa of qusachuudha.
  • Hedduu (Ciniinnaa) Kaannisaa fi Soonsaa

Biyya keenya keessatti ilbiisonni nama ciniinanii nama dhukkubsachiisan ykn qaama namaa dhiitessan hedduu ta’anis kanneen hangafaa kanniisaafi soonsa akka ta’e beekamaadha. Namoota hedduu cini­innaan kanniisaafi soonsaa qaama dhiites­see bakka ciniiname san gogaa diimessee akkanumaan dhiisa. Kanneen biroo amma qaama guutuu dhiitessee yoo hatattamaan yaalaa hinarganne lubbuu dabarsuutti ga’a. Keessumaa ilbiisonni kun qoonqoo keessa yoo nama ciniinan qoonqoon kees­si isaa dhita’ee cufadhuun hafuura baafa­chuu dhorkee carraan lubbuu dabarsuu isaa hedduu olka’aadha. Walumaa galatti nama kanniisni, soonsi ykn ammoo ilbi­isni biraa ciniinte tokkoof gargaarsa kanaa gadii gochuu dandeenya.

  • Ilkee ykn kan yoo kanniisniifi soonsi nama ciniintu namarratti citee hafu sana hatattamaan waan ATM ykn furtuu fayyadamnee ofirraa kaasuudha.
  • Bakka ciniiname sanarratti yoo waan qorraa akka cabbii argan­nee irra keenye dhiitaafi dhuk­kubbii dhufuu malu hedduu hir’isa.

Ciniinnaan ilbiisotaa hedduu kana irra darbee yaala dabalataa cimaa kan hin­barbaanne yoo ta’u, namoonni tokko tokkommoo akkuma olitti kaafne addatti hubamuu malu. Walumaa galatti namni ilbiisota kanaan ciniinamee mallattoo akka hafuurri cituu ykn hafuura baafa­chuu dadhabuu, arrabni ykn qoonqoon dhiita’uu, oldeebisuu ykn haqqeefi tees­sisaa, dhaabbatanii (of danda’anii deemuu dadhabuu) ykn of wallaaluu argisiisan hatattamaan mana yaalaa deemanii qori­cha dhibee kanaaf ta’u akka waraannatan gorfama. Kana ta’uu baannaan haala sal­paadhaan lubbuun darbuu mala.

  1. Ilbiisota summii addatti qaban kanneen biroo

Ilbiisonni hedduun kanneen nuti guyyaa guyyaatti argaa oollufi tarii ammoo yeroo ijoollummaa keenyaa Harkaan qabneellee ittiin taphataa oollu summii nama galaaf­atu qabu. Keessumaa Gosoonni sharariitii tokko tokko summii hamaa waan qaba­niif, gosoota sharariitii sana adda baafnee haga hinbeeknetti walumaa galatti tut­tuqquu dhiisuufi irraa fagaachuu qabna. Akkasumas gosoonnii fatteefi raammoo tokko tokkollee summii qabu.

Ilbiisni Qajjibbuu (scorpion) jedhamtu ammoo kan lafa Gammoojjii keessatti baay’inaan argamtuufi eegee ishiin kan nama ciniintu, ilbiisota biroo caalaat­ti dhukkubbii baay’ee hamaafi yeroo dheeraa namarra turuun kan nama hubdu, darbee darbee ammoo namoota tokko tokkorratti haga lubbuu dabarsuutti kan deemtuudha.

Keessumaa biyya keenya keessatti manneen yaalaa nuti qabnu keessatti qorichoonni antivenom jedhaman ciniin­naa bofaa yaaluuf oolanis ta’e kanneen akka epinephrine waan akka ciniinnaa ilbiisotaa sadarkaa hamaa irra ga’eef oolan baay’inaan waan hin argamneef ofeeggachuutu waan hundaa caala. Kees­sumaa daa’imman osoo hinbeekiin ilbi­isota kanatti akka hinbuune gorsuun ga’ee keenya.

Dr. Naafyaad Geetuu

Fayyaa hindhabinaa

Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 27 Bara 2014

Recommended For You