Turtii waancaa kubbaa miilaa addunyaa Finfinneetti

Finfinnee: Waancaan kubbaa miilaa Addunyaa akka qophaa’uuf yaanni kan dhihaate ALA bara 1920 Yaa’ii 7ffaa taphawwan Olompikii Magaalaa Beeljiyeem, Antiweeropitti adeemsifamerratti ta’uu seenaansaa ni muldhisa.

Haata’u malee Waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaa “FIFA”n yeroo jalqabaatiif walga’ii bara 1929 Ispeen Baarseloonnaatti adeemsifaterratti qajeelchaa baasuudhaan wal morkiin kubbaa miilaa waggaa afuritti al tokko akka qophaa’uf murtee dabarseera.

Haaluma kanaan Xaaliyaan, Neezarlaandis, Hangaarii, Siwiidin, Ispeenifi Uraaguwaayi waancaa kubbaa miilaa Addunyaa jalqabaa kana qopheessuuf kaadhimamtoota ta’uudhaan dhihaatan.

Dhumarratti Uraaguwaayi olompikii bara 1924fi bara 1928 adeemsifameetti kubbaa miilaan waan mo’atteefi waggaa 100ffaa bilisa itti baate bara 1930tti ayyaana waan kabajattuuf carraan qopheesummaa kennameefi.

Haaluma kanaan Uraaguwaayi waancaa kubbaa miilaa Addunyaa isa jalqabaa bara 1930 qopheessite. Wanti nama dinqu garuu biyyoonni waancaa qopheessuuf kaadhimamoota turan hundi waancaa jalqabaa kanarratti hin hirmaanne.

Dorgommii waancaa Addunyaa jalqabaa kanarratti biyyoonni 13 kan hirmaatan yoo ta’u, isaanis qopheessituu waancaa Uraaguwaay, Arjeentiinaa, Biraazil, Peeruu, Chiilii, Paaraaguwaay, Booliviyaa, Meeksiikoo, Ameerikaa, Yugoozilaaviyaa, Rumaaniyaa, Faransaayifi Beeljiyeem turan. Suuta suuta miseensonni waldichaa dabalaa dhufuudhaan ammaan tana biyyoota 211 ta’aniiru.

Waancaan kubbaa miilaa Addunyaa kun erga jalqabamee waggoota 92 lakkoofsiseera. Waggoottan kanneen keessatti sababii waraana Addunyaa lammaffaatiin bara 1944fi 1948 addaan kan citeen alatti biyyoota adda addaatti yeroo 21f adeemsifameera.

Waancaa kana irra deddeebiidhaan injifachuudhaan sadarkaa duraa irratti kan argamtu Biraazil yemmuu taatu, hanga ammaatti waancaa addunyaa kana yeroo shan injifattee jirti.

Jarmaniifi Xaaliyaaniin yeroo afur, afur, Uraaguwaay, Arjantiinaafi Faransaayi ammoo yeroo lama lama, Ingiliziifi Ispeen tokko tokko fudhataniiru.

Waancaan amma biyyaa gara biyyaatti nanaanna’aa jiru kun ALA bara 1974 hojjatamee badhaasaaf kan dhihaatedha.

Waancaan torbee kana Finfinnee gale kun warqii kaaratii 18 irraa kan hojjatame yemmuu ta’u, dheerinnisaa seentimeetira 36.8fi kiiloogiraama 6.1 kan ulfaatudha.

Waancaan kubbaa miilaa Addunyaa 22ffaan yeroo jalqabaaf Biyyoota Arabaa, biyyaa Kuwaataaritti adeemsifamuuf ji’oota muraasatu isa hafa.

Haata’u malee hawwii olaanaadhaan eeggamaa kan jiru walmorkiin kun osoo hingaggeeffamin dura addunyaarra nanaanna’uudhaan deeggartoonni akka daawwatan godhama.

Kan daawwatamus biyyoota miseensota waldichaa kanneen “FIFA”n filataman 51 irra nanaanna’uudhaan kan daawwatamu yoo ta’u, dhumarratti gara Afrikaa dhufuudhaan biyyoota sagalitti daaw’atamaa jira.

Biyyoota kanneen keessaa Afrikaa bakka bu’uudhaan waancaa Addunyaarratti kan hirmaatan Kaameerun, Gaanaa, Morookoo, Tuniiziyaafi Seeneegaalif dursi kennameera.

Itoophiyaa dabalatee biyyoonni afran filataman walmorkii waancaarratti hirmaachu baatanis kanneen waldaa kubbaa miilaa Addunyaatiin beekamtiin kennameef ta’uun beekkameera.

Haaluma kanaan Itoophiyaan biyya waancaa kana simachuuf carraa argatan keessaa kan duraa ta’uu dandeettee jirti. Waancaan kun Itoophiyaa yoo dhufu kan ammaa kana dabalatee yeroo sadaffaaf ta’usaati.

Kibxata darbe Finfinnee kan seene Waancaan kun Masara Mootummaatti Pirezidaantii Saahilawarqi Zawudeetiin simannaan godhameeraaf.

Pirezidaanti Saahilawarqi wayita kana akka ibsanitti, “kubbaan miilaa daawwataa iddoo tokkotti walitti fiduudhaan tokko gochuun, kaayyoo tokkoon akka hojjatan,s eera taphaa kabachiisuudhaan tokko ta’anii akka wal kabajan gochuuf meeshaa olaanaadha” jedhaniiru.

Dabalataans “Waancaa kana harkaan tuquuf carraan an argadhe kun ummata Itoophiyaa hundaaf kan kennameedha” jedhu.

Ministeerri Aadaaf Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa gamasaanitiin akka dubbatanitti, waancaan kun yeroo sadaffaadhaaf biyya keenya dhufuunsaa waldaan kubbaa miilaa Addunyaa “FIFA”n ispoortii kubbaa miilaa keenyaaf ilaalcha guddaa qabaachusaa muldhisa jedhaniiru.

Waancaan kun Guyyoota sadiif Finfinnee, adda baba’ii Masqalaa turuudhaan jaalataansaa Suuraa wajjin ka’uuf carraa argateera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 20 Bara 2014

Recommended For You