Dargaggeessi utubaa biyyaati, gaafa xiiqiis gaachana ta’ee biyyasaaf waardiyyaa dhaabatee walabummaa biyyasaa mirkaneessuuf goota lubbuusaa hinwakkanneedha.
Cunqursaaf boquusaa hinkennu, sirna cunqursaa yeroo dheeraaf baachuun hiraarfamaa lubbuun jiraachuu caalaa aarsaafi wareegama barbaachisu kamuu kaffalee bilisummaafi walabummaa guyyaa tokkoo argachuu filata.
Tibbana ayyaana Iida Shawwaalaa ummata Hararii biratti waggaa waggaan kabajame gabaasuuf garasitti imallee turre. Ummanni Hararii wayita keessummootasaa simatu wallee sabaafi sablammiin anaa dhufu jechuun bohaarsaa kallattii biraanimmoo meeshalee aadaa gara garaa qalbii nama hawwatan daaw’achiisaa simannaa addaa taasisaa ture.
Anis adaduma daaw’annichi gaggeeffamaa turetti dubartii uffataafii faayawwan gara garaa akkasumas meeshaalee aadaa agarsiisaaf dhiyeessan Aadde Sa’aadaa Bakadlee wajjin ijji keenya walirra bu’e.
Nagaa isaan gaafadheen faayota gara garaa isaan agarsiisaaf dhiyeessan maal maal akka ta’aniifi ergaa akkamii akka qaban gaafachuuttan ka’e. Aadde Sa’aadaan jiraattuu magaalaa Harari. Afaan Oromoo, Afaan Hararii, Amaariffaafi afaanota biroo bareechanii dubbatu.
Turtii daaw’annaarra turretti ijji koo uffata gaabii fakkaatu tokkorra bu’e. Aadde Sa’aadaanis tokko tokkoon naa ibsaa oggaa uffannaa gaabii fakkaatu bira gahan harkaan ol kaasanii, kun kennaa seenaqabeessa jedhan.
Harmeensaaniis lafa taa’anii ol ka’anii, “Eeyyee kun uffata seenaa qabeessa” jedhanii afaan Harariitiin irra deddeebi’anii intalasaanii Aadde Sa’aadaatti dubbatan. Aadde Sa’aadaanis yaada Harmeesaaniitti waliigaluun, “Ilma kiyya uffati kun “Saatibaqlaa” jedhama naan jedhan. Dargaggeessi Harargee wayita fuudhu Saatibaqlaa kana badhaafama jedhan.
Ummata Harargee biratti uffata kabajamaafi bakka guddaa qabuudha kan jedhan Aadde Sa’aadaan, intalti dargaggeessa ishii fuudhuuf kenna gootummaafi yaadannoo arjoomtuufiidha Saatibaqlaan.
Yaadannoon kunis aruuztota 700 lola Calanqoorratti dhuman yaadachuuf kennaa dargaggeessa fuudhuuf kennammuudha. Akka seenaan afoolaan himu ragaa bahutti lolicharratti aruuztonni baay’innisaanii eeramee ol wareegamaniiru.
Kanarraa kan ka’e ilmi Harargee kamuu oggaa fuudhu Satibaqlaa kana yaadannoo aruuztota fincila diddaa gabrummaa qabsoo osoo taasisanii wareegaman akka yaadatuuf arjoomamaaf.
Aruuztonni kunniin gaa’ela kabajamaa dhaaban caalaa walabummaa ummataafi biyyasaaniif jaalala guddaa kan qaban ta’uu qabatamaan kan itti agarsiisaniidha.
Dargaggeessi utubaafi gaachana biyyaa, waardiyyaa gaafa xiiqiiti kan jedhamuufis kanadha. Dhimma biyyaa, eenyummaafi walabummaasaatti dhufnaan wanti duubatti isa qabu hinjiru kan jedhan Aadde Sa’aadaan, yaadannoon kun dhalootaa dhalootatti darbaa har’a gahuu kaasu.
Ummanni Harariifi Oromoo tokko. Gaafa qabsoos gaafa xiiqiis dargaggootasaanii waliin hiriirsisuun walabummaa ummataafi biyyasaanii kabachiisaa turaniiru, jirus.
Dhaloonni har’aa keessumaa dargaggoonni aadaa duudhaafi eenyummaasaanii beekuun dirqama akka ta’e kaasuun uffata aadaa uffannu, nyaata aadaa keenya akkasuamas faaya aadaa keenya tokko tokkoon beekuun nurraa eegama jedhu.
Dargaggoonni ammaayyummaan liqimfamanii eenyummaasaanii dagachuun fafummaadha. Kanaaf seenaa darbe baranii dhaaluun dhaloota dhufutti akka dabarsaniif dirqamni akka irra jiru beekuu malu.
Nuyi akaakileen keenya darban osoo seenaa kana nutti himuu baatanii waan jennee ibsinu hinqabnu ture. Gurra keenya waan kennineefiif har’a duudhaafi aadaa keenya ibsuu dandeenye.
Egaa Saatibaqalaan uffata jirbiirraa hojjetamu; qarqarrisaa halluu keelloofi diimaa qabu yoo ta’u, guyyuu dargaggeessi Harargee fuudhu mara akka kennaatti misirrittii kan arjoomamuufiidha.
Kennaan kun takkaan kan gootummaa takkaanimmoo yaadannoo onnee dargaggootaa keessaa hinbaane; wareegamtoota yaadachuuf kan ooluudha.
Egaa meeshaaleefi uffannaawwan aadaa dargaggoonni keenya ittiin miidhagan hedduunsaanii ergaa cimaa kan qaban yoo ta’u, uffachuun ykn fayyadamuun ala faayidaafi ergaasaa kan beeku meeqa jennee yoo gaafanne muraasa jedhanii dhaloonni dhimma duudhaafi aadaasaa beekuurratti dammaquu akka qabu gorsu.
Meeshaaleen faayaa Aadde Sa’aadaan agarsiisaaf dhiyeessan hedduunsaanii hawwatoo yoo ta’an irra jireessisaanii dargaggootaaf kan oolanidha.
Fakkeenyaaf meeshaan ‘Gufta Mudaa’ jedhamu qodaa aruuztittiin waan akka filaafi dibataafaa keessa kaawwattuudha. Bijaangaar ammoo aruuztittiin waantota nyaataman akka ebelesoofi chekolaaataafaa keessa keewwattuudha.
Meeshaalee faayaa ergaawwan gara garaa qaban kanneen dhaloonni har’aa yoo beekuu baate dhaloota eenyummasaa beeku horachuun hindanda’amu kan jedhan Aadde Sa’aadaan, dargaggoonni keenya uffataafi meeshaa aadaa itti fayyadaman mara faayidaafi ergaasaa beekuunillee murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Dargaggootaa, isin gaafa utubaa biyyaati jedhamtan waardiyyaa biyyaa goota gaafa xiiqii lubbuu hinmararfanne ta’uu keessan aruuztota Calanqoorratti wareegaman yaadachuun barbaachisaadha. Isaan of caalaa eenyummaasaafi qorqalbii lammiileesaaniif wareegama qaalii kaffalaniiru.
Isa kanaafimmoo sirna jaarraa tokkoofi walakkaaf sabaafi sablammoota qorqaa tureefi irree dargaggoota ilmaan cunqurfamoon hundeedhaa buqqa’e qofa osoo hintaane irree sirna qawweetiin biyya bulchaa ture, Wayyaanee diigee dhukkee irraa kaasee Maqaleetti galches dargaggoota.
Qabsoo gama kanaan taasifameen dargaggoonni wareegaman hedduudha kan jedhan Aadde Sa’aadaan, saatibaqlaan aruuztota 700 yaadachuuf kennamu kun gatiittiisaaniirra akka jiru dagachuu hinqaban.
Warri darban seenaa hojjetanii ilaalcha dukkanaa’aafi harqoota gabrummaa qorqalbii lammiilee jaamsee ture bittinsanii diiganiiru. Dargaggoonni ammaammoo imaanaa isaan nutti kennan kunuunsaa dhaloota dhufuuf dabarsuuf hojjechuun dirqama.
Yeroo ammaas aadaan kennaa Saatibaqlaa dargaggoota fuudhaniif kennamu kun wayita cidhaa Harargeetti kan gaggeeffamu yoo ta’u, kabaja guddaa kan qabuudha.
Kunis dargaggoonni aadaa jaalala biyyaa akka horatan kana malees warra darberraa akka baratan kan taasisu waan ta’eefi.
Dhaloonni eenyummaafi seenaasaa hinbeekne akkuma bishaan gabateerraa olola isatti himamu mara dhugaa taasisee fudhatee seenaa dabsee dhalootallee gufachiisuu danda’a.
Dhaloonni haaraan keessumaa dargaggoonni aadaa akkanaa maatiirraa gaafatanii yoo baruu baatan seenaan dabuu waan danda’uuf imaanaa dhaloonni darbe nutti kennee darbe osoo hinfaalin dabarsuun barbaachisaadha jedhu Aadde Sa’aadaan.
“Har’a nuti seenaa kana gaafa dhaloota haaraatti himnu gammachuu guddaatu nutti dhagahama. Sababnisaas dhaloota imaanaa kana nurkaa fuudhu arganneerra jechuudha. Miidiyaaleen duudhaalee akkanaa soquun warra hinbeekne barsiisuun imaanaa dhalootaa isa dhufuuf dabarsuu mala” jedhan.
Dargaggootaa, meeqan keenyatu seenaa dhokataa hedduu akka qabnu beekna laata? Seenaa dhokatan gadi basanii dhaloota barsiisuunimmoo dirqama eenyuuti jettu? Egaa akka ibsa Aadde Sa’aadaatti dhaloonni haaraa keessumattuu dargaggoonni seenaasaanii dagachaa akka jiraniidha.
Kun akka qisamuufimmoo irratti hojjechuun dirqama abbootiifi dhaloota haaraa waan ta’eef abbootiin barsiisuuf dhaloonni haaraa jechuunis dargaggoonnis barachuuf gurrisaani banamuu qaba jedhanii dargaggeessi seenaa hin beekne walabummaa biyyasaaf wabii ta’uu miti maataasaafuu bu’aa hinbuusu.
Kanaaf kabaja gaa’elasaanii dhiisanii gootummaa isaan dirree lolaarratti agarsiisan yaadachuuf kennaa kennamu waan ta’eef dargaggoonni aadaa kana kunuunsaanii dhaloota dhufuuf dabarsuu qabu.
Walumaagalatti dargaggeessi utubaa biyyaati. Gaachana gaafa xiiqiiti kan jedhamuuf aarsaa aruuztonni 700 dirree lolaa Calanqoorratti wareegamuun agarsiisan faakkeenya kan ta’u yoo ta’u, isaaniinis uffata kabajaa Saatibaqlaa kanaan yaadanna.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 20 Bara 2014