Nageenya lammiilee akkasumas ittifufummaa biyyaa mirkaneessuuf furmaanni qofa galeessi olaantummaa seeraa sirnaan kabachiisuudha.
Seeraan alummaafi boora’ina nageenyaa iddoowwan adda addaatti mul’ataa turan mootummaan akka to’atuuf lammiilee Itoophiyaa hundi sagalee tokkoon irradeddeebiin gaafataa turaniiru. Manni Marii Nageenyaas dhimmoota kanneen qorachuun tarkaanfii barbaachisaan fudhatamuu akka qabu beeksisuunsaa ni yaadatama.
Bu’uuruma kanaan tarkaanfiin kabachiisa olaantummaa seeraa humnoonni federaalaafi naannolee yeroo dhiyoo as Finfinnee dabalatee naannolee hundatti fudhataa jiran qaamuma kanaati.
Kanaanis mootummaan haleellaa lammiileerra ga’aa jiru qolachuuf ummata bal’aa wajjin ta’ee gareelee shororkeessitootaarratti tarkaanfii milkaa’aa fudhachaa jira.
Keessumaa Oromiyaa, darbees akkuma biyyaattuu yaaddoo nageenyaa kan ture Shaneerratti oppireeshinii ummanni qaamolee nageenyaa waliin ta’ee geggeesseefi geggeessaa jiruun murnichi sadarkaa biyyaaf yaaddoo hintaanerra ga’uudha qaamoleen bulchiinsaafi nageenyaa sadarka sadarkaan jiraniin kan ibsame.
Shaneen karaa nagaa qabsaa’uuf waamichi taasifamuufis miila tokko magaalaa miila kaan ammoo bosona kaa’uun ‘qabsaa’uu’ filachuun gocha farrummaa ummatarratti raawwachaa tureera. Kanaanis ummata saamuu, ajjeesuu butee bosona seenuufi lammii qe’eerraa buqqisuu gocha gara jabinaa raawwachaa jiruun farra ummataa ta’uusaa agarsiiseera.
Sochii ummataa bakkaa bakkatti taasifamurratti sodaafi yaaddoo uumaa tureera. Ummatis qaamolee nageenyaa waliin ta’uun bakkeewwan Shaneen keessa socho’u hundatti tarkaanfii fudhachaa jira. Tarkaanfii hanga ammaatti fudhatameenis miseensonni garichaa ajjeefamuufi kaan booji’amuu eeruun bu’aa argameen sochiin ummataa bakka duraan turetti deebi’aa jira.
Shaneen tooftaa lolaa waraana adda waraanaatti geggeeffamu hordofa utuu hintaane riphee badii qaqqabsiisuun baqata. Kanaafi ummati caasaalee dakaarraa, bulchiinsaa sadarkaalee dakaatti argamanirraa eegalee milishaafi humnoota nageenyaasaa mirkaneessuuf hiriiran waliin ta’uun naannawasaa dammaqee eeggachuu qaba.
Haga oppireeshinichi xumuramutti warra maqaa murncihaatiin ummata saamu qabee seeratti dhiyeessuun duulli olaantummaa seeraa mirkaneessuuf eegalame akka milkaa’uuf hawaasni gaachanummaa nageenya waaraaf qabu dagannaa tokko malee mirkaneessuu qaba. Yoo akkas ta’e duulli geggeeffamaa jiru yeroo gabaabaa keessatti injifannoon xumuramee nagaafi tasgabbiin hawwamu dhugooma.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 20 Bara 2014