“Atileetonni Boqojjiirraa bahan Boqojjii dagataniiru” – Jiraattota magaalattii

Boqojjii: Magaalaan Boqojjii godina Arsii, Aanaa Leemmuufi Bilbilootti argamti. Magaalattiin bara 1929 kan hundeeffamte yoo ta’u, Finfinneerraa kiiloomeetira 231, Asallaarraa ammoo kiiloomeetira 56 irratti argamti.

Jiraataa magaalaa Boqojjiifi leenjisaan Jiddugala Leenjii atileetiksii Boqojjii Obbo Sintaayyoo Isheetuu leenjisummaan waggoota 38 lakkoofsisuu Gaazexaa Bariisaatti himanii, giddugalichi Boqojjiitti akka ijaaramuuf ga’ee guddaa taphachuusaanii dubbatu. Ta’us giddugalichi amma xiyyeeffannaa dhabuus ni eeru.

Ammaan tana dallaansaa diigamee oolmaa loonii waan ta’eef leenjiin kennamaa kan jiru iddoo biraa ta’uusaatti atileetonni dheessaa jiraachuu ibsu.

Dargaggoo Andu’aalam Geetaachoos jiraataadhuma Boqojjii yoo ta’u, magaalattiin burqaa atileetotaa ta’uun beekamtus atileetonni asii bahan garagalanii ishee hinmiildhatan komii jedhu kaasa.

Keessumaa atileetonni Boqojjiidhaa bahan magaalaa isaan guddiste, addunyaatti isaan beeksiste dagachuun sirrii akka hintaanes ni dubbata.

Burqaa atileetotaa ta’uun tan beekamtu Boqojjiin, atileetota addunyaarratti danuus biyyaaf gumaachitus invastimantiidhaan daran duubatti hafuushii eera. Kantiibaan magaalattii Obbo Huseen Boqojjiis yaaduma kana mirkaneessu.

Akka ibsasaaniitti, hanqinni networkii, ibsaa, bishaan dhugaatii, iddoowwan oolmaa ispoortiifaan rakkoolee magaalattii keessaa kanneen ijoodha.

Walakkaa jaarraa tokkoo ol umrii dheeraa kan lakoofsiste Boqojjiin madda atileetota beekamoo addunyaa taatus maqaa bira darbee deeggarsa wayiituu argattee hin beektu jedhu.

Boqojjiin atileetotasheerraa komii guddaa qabdi kan jedhan kantiibichi, atileetonnishii qabeenyasaanii Finfinneefi iddoowwan kaanitti dhangalaasuudhaan invastimantii adda addaarratti hirmaachaa jiraatanis, iddoo dhalootasaanii dagachuusaanii ibsaniiru.

Boqojjiin atileetota akka Komaandar Daraartuu Tulluu, Faaxumaa Roobaa, Tikkii Galaanaa, Qananiisaa Baqqalaa, Taarikuu Baqqalaa, ijoollee Dibaabaa (Ijjigaayyoo, Xirunash, Ganzabeefaa) burqisiistus yaadatamuu hindandeenye jedhu. Magaalattiin hoteelaafi iddoowwan bashannanaa wayiituu kan hinqabne ta’uus eeraniiru.

Istaadiyoomiin Magaalaa Boqojjii dhagaan bu’uuraasaa bara 1996 pirezidaantii Oromiyaa yeroo sanaa, Obbo Abbaaduulaa Gammadaatiin kaa’ames oolmaa loonii ta’uunsaa nama gaddisiisa jedhu. Ammas taanaan qaamni dhimmi ilaallatu ijaarsa istaadiyoomichaatiif xiyyeeffannaa akka kennu kantiibchi gaafataniiru.

Kun otoo kanaan jiruu, Magaalaan Boqojjii Dilbata darbe yeroo jalqabaatiif fiigicha olaanaa Itoophiyaa Ministeera Turiizimiitiin keessummeessiteetti.

Fiigicha ergaa, “Itoophiyaan ni fiigdi” jedhuun adeemsifame kanarratti daa’imman guuddattoonni umrii 11 gadii, atileetonni Giddugala Leenjii Atileetiksii Xirunash Dibaabaa, akkasumas atileetonni kilaboota adda addaa hirmaataniiru.

Fiigicha kiiloomeetira torbaa korniyaawwan lameeniinuu daandiirraatti adeemsifametti dubaraan Masarat Hirphaa, Qananii Dichaafi Hawwii Guddataa; dhiiraan ammoo Dajanee Hayiluu, Chuuchuu Abbabaafi Birhaanuu Tulluu tokkoffaadhaa hanga sadaffaatti bahuun mo’ataniiru.

Atileetonni tokkoffaadhaa hanga sadaffaa bahan Waancaa meedaaliyaa warqii, meetiifi nahaasaa, akkasumas akkuma walduraa duuba jiranitti qarshii kuma shan, kuma afuriifi kuma sadii badhaafamaniiru.

Ministir De’eetaan Ministeera Turiizimii Aadde Salaamaawit Daawit haasawa taasisaniin akka jedhanitti, dorgommichi magaalaa burqaa atileetotaa taate, Boqojjii bakka hawwata turistii taasisuuf yaadameeti. Beekamtii Itoophiyaan atileetiksiin gonfatteef Boqojjiin magaalaa maqaa qabduudha jedhan.

Mootummaan federaalaa keessumaa ministeerrisaanii Turiizimii magaalaa seena qabeettii tana giddugala hawwata Turiizimii gochuuf karoora qabatee hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Dorgommichaan gombisni fardaafi dorgommiin biskileetii adeemsifameera..

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 13 Bara 2014

Recommended For You