Ilaalcha kee jijjiiruun jireenya kee ni jijjiira

Yeroo tokko nama jechuun maal jechuu akka ta’e gaaffiin ka’ee deebiiwwan gara garaa yoo itti kennamellee deebiiwwan turan keessaa kan yaada namaa harkise isa namni tokko deebisan ture. Innis akks jedha, “Nama jechuun isa darbe kan jaju, isa ammaa kan tuffatu, isa borii kan shakkuudha” jedhan. Isa darbe jaja, jireenya har’a keessa jiru nituffata; isa borii ammoo nishakka. Kanaaf, namoonni hedduun yeroo dubbatan isa darbe nijaju. Fakkeenyaaf dargaggoonni bara keenyaa dargaggoota baroota darbanii caalaa badii cimaa nidalagu; dhaloonni keenya akka isa durii nama hinkabaju; safuu hinbeeku… jedhu. Kaanis deebii kanaaf yeroo kennan dargaggoonni bara keenyaa dargaggoota baroota durii caalaa jireenya hamaa hinqaban. Haa ta’u malee dargaggoonni jireenya sirrii hintaane keessa jiraniifi warra kaan arrabsiisan jiraachuu danda’u. Sababa namoota badii dalagan muraasni dargaggoota keessa jiraniif maqaan dargaggootaa walitti qabaatti bada jedhanii amanu.

Namoonni kaanis waa’ee dhaloota har’aa yeroo ibsan dhaloota dogoggora argee cina hintarre; warra bara darbanii caalaa beekumsa kan qabaniifi kkf jedhanii falmu. Wanti nama dhibu garuu falmiin akkasii kaleessas tureera; har’as jira; boris ittifufa. Haalli jiru jijjiiramaa deema; jijjiiramni dhufu dhiibbaa mataa isaa danda’e dhaloota irratti geessisa.

Jijjiirama kana ammoo dhaabsisuun hindanda’amu; akka inni nudhaabuuf hiyyamuun garuu nurra hinjiraatu. Jijjiiramni akka kaleessa ture boris itti fufa. Jijjiirama dhaabuun biiftuu dhaabuuf yaaluudha. Haalli hundumtuu nijijjiiramu; jireenyis ittifufa. Biyya lafaa kana keessaa wanti dhaabbataan jijjiirama qofa.

Karooraanis ta’e karoora malee jijjiiramni itti fufa. Isa kana jireenya keenya irrattis niagarra. Jijjiirama dhufee darbuun jireenyiifi eenyummaan keenya akka hinmiidhamneef maal gochuu qabnaa? Jijjiiramni jiru akka amala, jireenya, duudhaa…qabnu hinmancaafneef maaltu nurraa eegamaa? Attamitti baroota dhufanii darban keessa sirriitti jiraachuu dandeenyaa? Nutiyyuu attamitti sababa jijjiiramaa taana? Isaan kanneen gabaabaatti ilaaluun barbaachisaadha.

Jijjiiramni as keessatti dubbannu kun isa kan biyya lafaa utuu hinta’in jalqabarratti ofii keenyarratti attamitti jijjiirama fidnaadha. Xaxaa keessa jirru keessaa baanee sababa jijjiiramaa attamitti taana kan jedhuudha. Inni guddaan dagatamuu hinqabne utuu ilaalchi keenya hinjijjiiramne jireenyi keenya hinjijjiiramu. Utuu yaadni keenya hinjijjiiramne jijjiiramni barbaachisaan nurraa hinmul’atu. Namni sammuunsaa hinjijjiiramne taanaan of jijjiiruu hindanda’u; of jijjiiruu hindandeenye taanaan ammoo naannawaa jijjiiruu hindanda’u.

Akkuma beekamu namoonni sammuunsaanii jijjiirame ofiisaanii qofa utuu hinta’in biyya lafaa kana jijjiiruu danda’aniiru. Kanaafis duraan dursa namoota jijjiiraman turan. Sammuu jijjiirame qabaatan. Dhaloonni har’aas jijjiirama ofirrattis ta’e biyya lafaa kanarratti fiduuf inni guddaan sammuu jijjiiramaa, ilaalcha jijjiiramaa qabaachuun murteessaadha. Namni ilaalcha isaa jijjiiruu danda’u egeree isaa jijjiiruu danda’a. Fakeenyaaf, namni tokko wanta guyyaatii gara guyyaatti isa mudatu to’achuu dhiisuu danda’a. Haa ta’u malee wantoota isa mudataniif deebii inni kennu injifataas ta’e mo’amaa akka ta’u isa taasisa.

Akkaataa itti haalota jiran ilaalu, mudannoowwan addaa addaa ilaalu; naannawasaafi jireenya keessa jiru ilaalu jireenyasaa irratti dhiibbaa cimaa qaba. Ilaalchi keenya akka haala keessa jirru jaal’annus ta’e jibbinu nu taasisa. Ilaalcha geeddaruu qabna. Yeroo tokko tokko ammoo bakki nuti ga’uuf hiixannuufi bakki nuti jirru addaa adda ta’uu danda’a. Kana itti yaaduun barbaachisaadha. Rakkoon isaa maalii? Haalonni jijjiiramuu qaban maaltu jira? Isaan kana gadi fageenyaan itti yaaduun murteessaadha. Irratti hojjechuunis gaariidha.

Namoonni tokko tokko sababa ofii isaaniis ta’e haala isaanii jijjiiruu dadhabaniif hedduu tarreessuun of irraa faccisuu yaalu. Namoonni akkasii yoomiyyuu guddachuu hindandaa’an. Jijjiiramuus hindanda’an. Rakkoo keenya hiikuu dadhabuun nama biraatti quba qabuu, of irraa faccisuu, jijjiirama sodaachuu, kufaatii sodaachuu, jijjiiramni tattaaffii gaafatu sodaachuu keessaa ba’uun ofitti amanamummaa horannee bakka yaadne ga’uuf tattaaffii barbaachisaa taasisuun murteessaadha.

Biyya lafaa jijjiiruu dura of jijjiiruun barbaachisaadha. Biyya lafaa kana beekuu dura of beekuun barbaachisaadha. Egaa haala keessa jirru keessaa ba’uuf tattaaffiin nuti goonu isa kaleessaa irraa adda miti taanaan jireenya addaa jiraachuu hindandeenyu. Akka kaleessaatti hojjennee firii kaleessaa arganna.

Jijjiirama addaa yoo barbaanne bifa addaan hojjechuu, ilaalcha kaleessaa irraa adda ta’e qabaachuun barbaachisaadha. Ilaalcha ofiifis ta’e namoota biraaf qabnu yoo jijjiiruu dandeenye, wanta nuti jijjiiruu dadhabnu hinjiru. Akka kaleessaatti hojjennaan firii kaleessaa eegi. Warri Ispeen yeroo mammaakan, “Ogeessi sammuu isaa geeddaruu danda’a; gowwaan garuu yaada isaa geeddaruu hindanda’u” jedhu. Oromoonis yeroo mammaaku, “Gowwaafi waraqaan waan qaban gadi hindhiisan” jedhu mitiiree?

Jireenyi, ilaalchis ta’e adeemsi kaleessaa nuhinbaasu taanaan of keessaa baasuun barbaachisaadha. Moofaa wajjin rakkachuu keessaa ba’uun gaariidha. Isa kaleessaa wajjin wal’aansoo qabuu keessaa ba’uun waan haaraa jalqabuun barbaachisaadha. Ilaalcha gara fuulduraafi jijjiiramaa qabaachuun gaariidha. Tarii har’a yeroo of ilaaltu jijjiirama nama hinfidne eessa iyyuu nama hingeenye gootee of ilaaluu dandeessa.

Tarii namoonni ilaalcha akkasii qabnu isa kana of irraa molqinee gatuun murteessaadha. Barreessaan hinbeekamne tokko akkas jedhee ture, “Qilxuun bosona keessaa mukeetii hunda caalee mul’atu yeroo tokko muka xiqqoo lafatti dhiyoo ture” jedhe. Har’a haalli nuti keessa jirru daran xiqqoo yoo fakkaateyyuu jabaatanii hojjechuun, tattaaffii barbaachisaa taasisuun egeree ofii jijjiiruun nidandaa’ama.

Humni cimaan kana qabee dhaabu hinjiru. Ati garuu jireenya kee fooyyessuus ta’e miidhuu dandeessa. Haala keessa jirtutti sababoota gara garaa kennitee ho’ifattee taa’uu dandeessa. Kun akka ati egeree kee hingeeddarreef gufuu hamaadha. Kanas injifachuu qabda.

Egaa of jijjiiruuf ilaalcha keenya jijjiiruun barbaachisaadha. Ilaalchi akka of fooyyessinu ykn akka miidhamnu nu taasisa. Ilaalchi akka fayyinu ykn madoofnu nutaasisa. Ilaalchi hiriyaa nuuf horuus ta’e diina nutti horuu nidanda’a. Ilaalchi akka gammachuu qabaannu yookaan jireenya mataafi miila hinqabne akka jiraannu nu taasisuu danda’a. Ilaalchi namoota milkaa’oo yookaan namoota kufoo nutaasisuu danda’a. Ilaalcha keenyarratti gadi fageenyaan hojjechuun barbaachisaadha.

Haa ta’u malee attamitti of ilaalaa jirraa? Haalli keessa jirru maal fakkaataa? Adeemsi keenya maal fakkaataa? Haala keessa jirruuf eenyutti quba qabnaa? Yeroo tokko mucaan xiqqaan akaakayyuu isaa wajjin jiraatu tokko akaakayyuunsaa rafuusaanii ilaalee funyaansaanii jalatti waan baay’ee ciinca’u dibe.

Maanguddicho oggaa hirribaa dammaqan ciincaa funyaansaaniitti dhuferraa kan ka’e “Manni ani keessa ciisu kun daran ciinca’a” jechaa fiiganii ba’an. Garuu ciincichi isaan biraa hinhafne. Yeroo ala ba’anis isaan faana gadi ba’e. Isa booda sagalee ol fuudhanii “Guutummaan biyya lafaa niciinca’a” jedhanii iyyan.

Rakkoo guddaan kutaa keessa turan yookaan guutummaa biyya lafaa kana utuu hinta’in funyaansaanii jala jira. Rakkoon isaan bira ture. Tarii rakkoon guutummaa biyya lafaa utuu hinta’in nubira jiraachuu danda’a. Ilaalchi nuti ofiifis ta’e haala numarsee jiruuf qabnu murteessaadha. Kanaaf namni Joon Maaksiweel jedhamu yeroo dubbatu, “Ilaalchi beekumsa miti garuu guddina namaa ni murteessa” jedha.

Ilaalchi keenya eenyummaa keenya murteessa. Ilaalchi nuti waa’ee keenyaaf qabnu isa namoonni nuun jedhan caala. Ilaalchi keenya darboo yookaan waan kaleessa keessa darbine nicaala. Ilaalchi keenya qabeenya qabnu ni caala. Ilaalchi keenya barnoota keenya nicaala. Ilaalchi keenya amala keenya bakka bu’a. Ilaalchi keenya milkaa’ina ykn kufaatii keenya nimurteessa. Egaa ilaalchi keenya wantoota hunda caala.

Walumaagalatti ilaalchi nuti qabnu jireenya keenyaaf murteessaadha. Waa’ee ofii keenyaa, waa’ee namootaafi kkf.., ilaalcha sirrii qabaachuun barbaachisaadha. Jireenya keenya keessatti jijjiirama sirrii fiduu kan dandeenyu, egeree keenya geeddaruu kan dandeenyu yoo ilaalcha sirrii qabaanneedha. Isa kana irratti jabaannee hojjechuun egeree keenya irratti hojjechuudha.

Yeroo tokko namoonni lama mana amala sirreessaa keessa turan. Bokkaan roobee erga caamee booda karaa foddaa yeroo ilaalan inni tokko lafti akka baay’ee dhoqqaa’e, lolaan naannoo kan biraatii akka balfama guuree dhufee naannoo balleesse arge. Inni lammaffaan ammoo karaadhuma foddaa sanaa wanti inni ilaalu yoo jiraate bokkaan roobee erga caamee booda ji’i ba’ee samiin qulqullaa’ee urjiin samii guutee dukkana ari’ee bareedina jiru ilaale. Namoonni lamaanuu bakka tokko jiru. Karaa tokko ilaalu. Garuu ilaalchi isaanii addaa adda. Addaa addummaan jiru akkaataa isaan itti ilaalaniidha. Egaa ilaalcha keenya jijjiiruudhaan jireenya keenya irratti dhiibbaa gessisuun nidandaa’ama.

“Egaa of jijjiiruuf ilaalcha keenya jijjiiruun barbaachisaadha. Ilaalchi akka of fooyyossinu ykn akka miidhamnu nu taasisa. Ilaalchi akka fayyinu ykn madoofnu nutaasisa. Ilaalchi hiriyaa nuuf horuus ta’e diina nutti horuu nidanda’a. Ilaalchi akka gammachuu qabaannu ykn jireenya mataafi miila hinqabne akka jiraannu nu taasisuu danda’a. Ilaalchi namoota milkaa’oo ykn namoota kufoo nutaasisuu danda’a. Egaa ilaalcha kee fooyyessi!”

Doktar Zarihun Gabree

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 13 Bara 2014

Recommended For You