Marsaan laguu (xurii) dubartootaa sababa jijjiiramuu hormooniirraan kan ka’e dhiiga baatii baatiin gadameessa dubartootaa keessaa dhangala’udha. Shamarri tokko marsaa laguu arguu kan jalqabdu giddugalaan waggaa 13 irraa kaasteeti. Marsaan laguu giddugaleessaan guyyaa 28’n kan dhufu yoo ta’u, garuu hanga guyyaa torba dursee yookiin dafee yoo dhufe akkasumas irra darbee yoo dhufes akka fayyaatti ilaalama. Kana jechuun marsaan laguu guyyaa 21-35 dhufu fayyaa dubartootaa irratti miidhaa kan hingeessisneefi rakkoo kan hinqabnedha.
Dhiigni yeroo marsaa laguu dhangala’u dhiiga haguuggiin keessoo gadameessaa sababa jijjiirama hormoonotaa irraan kan ka’e dhiqamuurraan yookiin luqqa’uurran kan dhufudha.
Marsaan laguu jiraachuuf:
- 1. Kutaa qaamotaa kan sammuu keessatti argaman kan akka hypothalamusii pituataariin haalaan hojjechuu qabu.
- 2. Ovariin fayyaa ta’uufi hormoonota xannachoota kutaa sammuu keessaa burqaniif haalaan ajajamuu qaba.
- 3. Gadameessi banaa ta’uufi hormonii ovaarii irraa burqaniif haalaan deebii kennuu qaba.
- 4. Qaamoleen walhormaataa gadameessaa gaditti argaman banaa ta’uu qabu. Haaluma kanaan uumamanis haa ta’u dhibee adda addaa irraan kan ka’e kutaaleen marsaa laguuf barbaachisan yoo hubaman ykn midhaman hafuu marsaa laguuf sababa ta’u.
- Kanaafuu hafuun marsaa laguu kanneen seera uumamaa alatti yoo mul’ate yaala argachuun gaariidha.
Marsaan laguu yookiin dhiigni baatii baatiin dubartoota keessaa dhangala’u sirriidha (normal) kan jennu:
- Guyyaa 21-35 yoo dhufe
- Bifti laguu (xurii) diimaa gurraacha’aa yoo ta’e
- Baay’inni isaa 10-80ml yoo ta’e
- Guyyaa 2-8 dubartoota irra kan turu yoo ta’e
- Yommuu dhangala’u dhiiga hin ititne tahuu qaba.
Marsaan laguu tokko yoo maal ta’e dubartoota irraan miidhaa geessisuu danda’a? Yoo akkam ta’es mana yaalaa deemuu qabu?
1. Xuriin (laguun) guyyaa saddeetiifi isaa oliif yoo dhangala’e.
2. Sa’aa tokko keessatti moodesii (erbee) tokko dhiiga hedduu qabaatee kan jijjiirrattan yoo ta’e.
3. Dhiigni baay’ee dhangala’uun moodesii (erbee) lama walfaana kan fayyadamtan yoo ta’e.
4. Halkan hirriba keessaa ka’uun moodesii (erbee) jijjiiruun yoo isin barbaachise.
5. Dhiigni kantaraa yoo isinirraa dhangala’e.
6. Baatii/ji’a tokko kessatti yeroo tokkoo ol yoo dhufe
7. Guyyaa 21 gaditti irra deeb’ee yoo dhufe
8. Xuriin osoo hindhufin guyyaa 35 yoo dabarse.
9. Yoo xiqqaate waggaa tokkoof laguu (xurii) osoo hinargiin turtanii yoo deebitanii argitan yookiin sababa umuriin dubartiin tokko laguu arguu dhaabdee turtee yoo deebitee argite.
4.1.1. Dhukkubbii yeroo marsaa laguu
Dhukkubbiin yeroo marsaa laguu kun, dubartoota hedduu irratti kan mul’atu yeroo ta’u, sadarakaa garagaraa qaba. Kunis dubartoota hedduurratti garaa dhukkubbii xiqqoo xiqqoo yeroo fidan dubartoota murasa irratti ammoo hanga hojii hojjechuu dadhabuufi mana yaalaa ciibsuutti geessisuu ni danda’a.
Dhukkubbiin yeroo marsaa laguu kunis dubartoota dhibba keessaa 60-90 ta’an irratti baay’inaan kan mul’atuudha. Rakkoon kun shamarran muraasarratti hammaataa ta’ee hojii idilee isaaniirraa ykn mana barnootaasaanii irraallee hanga hambisuutti gaha.
Garaa ciniinnaan ykn garaa dhukkubbiin yeroo marsaa laguu kunis baay’inaan dubartoota marsaa laguu akkuma arguu jalqabaniin gara waggaa lamaa jalqabaaf akkasumas dubartoota laguun isaanii dhaabachuuf jedhu gara dhumaatti kan hammaatudha.
Walumaagalatti dhukkubbii ykn ciniinnaa yeroo marsaa laguu bakka lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya. isaanis
1.‘primary dysmenorrhea’ ykn garaa ciniinnaa yeroo laguu 1ffaa: dhukkubbiin yeroo laguu kun kan dhibee keessoo gadameessaa waliin wal hinqabannedha. Gosti dhukkubbii yeroo marsaa laguu kun yeroo baay’ee shamarran hinda’iniifi umurii shamarrummaa keessa jiran irratti baay’inaan kan mul’atu yoo ta’u dubartiin tokko osoo laguun itti hindhufin guyyaa muraasa dursee ykn guyyaa laguun inni jalqabaa itti dhufe irraa kaasee guyyaa 2-3tti dhukkuba. Kanaafuu dhibeen kun umurii 25 boodaafi erga da’anii boodaa isaan dhiisaa deema.
2. ‘Secondary dysmenorrhea’: -Dhukkubbiin wayita marsaa laguu inni lammataa kun dhibee gadameessaan kan dhufu wayita ta’u, dhibeen kun umurii 30 boodaafi dubartoota da’an irratti kan mul’atu ta’ee osoo laguun itti hindhufin torban tokko ykn guyyaa muraasa dursee dhukkubuu wayita jalqabu; wayita laguun itti dhufu itti fooyya’aa deema. Dabalataanis jeeqamuu ykn itti baay’achuu marsaa laguufi dhukkubbii wayita walqunnamtii waliin walqabata.
Walumaagalatti shamarraan umurii shamarrummaa keessa jirtan kana beektanii yoo kan isin dhukkubu ta’e dawaa kan dhukkubbii kana isiniif xiqqeessu ogeessa mariisistanii osoo marsaan laguu keessanii hindhufin itti qophooftu.
Hub: Shamarraan hundi kan dhukkubbiin marsaa laguu keessanii hammaataa ta’e, kan jeeqamuu marsaa laguu waliin walqabatu, kan dhukkubbii wayita walqunnamtii saalaan walqabatuufi umurii 25f isaa ol keessa jirtan ogeessa fayyaa mariisisuu hindagatinaa.
Ulfa malee jijjiirama akkamiitu laguu/xurii dubartootaa hambisuu danda’a?
1. Dhiphina sammuu
2. Hirriiba dhabuu
3. Ulfaatinni qaamaa garmalee gadi bu’uu
4. Ulfaatina qaamaa olaanaa (obesity)
5. Sochii qaamaa cimaa (fkn atileetotaafi taphattoota kubbaa Miilaafi kkf)
6. Nyaata nyaachuu dhiisuu
7. Qorichootaafi lilmee mala ittisa da’umsaa tokko tokko
8. Qorichoota dhibee biraaf kennaman akka dawaa dhiibbaa dhiigaaf kennaman tokko tokkoof kan mukuuf (antidepressants) kennaman.
9. Harma luugsisuu/hoosisuu: Rakkoowwan armaan olii hormoonota marsaa laguufi barbaachisan jeequun laguun akka hafu godha. Dabalataanis rakkoowwan gadameessaa, qopheessituu hanqaaquu, duudaa ta’ee dhalachuu qaama saalaa dubartootaafi sammuufaalle rakkoo kanaaf nama saaxiluu danda’u.
Kaansarii Balbala Gadameessaa (Cervical Cancer)
Kaansariin Balbala Gadameessaa Kaansarii qaama hormaata dubartootaa irratti mul’atan keessaa adduunyaa irratti sadarkaa lammaffaa irratti yoo argamu biyyoota guddachaa jiran iratti ammoo sadarkaa tokkoffaa irratti argama. Kaansariin Balbala Gadameessaa (cervical cancer) Kaansarii du’a haadholiif sababa ta’an keessaa kaansarii harmaatti aansuun sadarkaa lammaffaarratti argama.
Kansarii kanaaf kanneen sababa ta’an keessaa parsantiin 99 oli kaansarii Vaayirasii Human Paappiloommaa jedhamuun namatti dhufa. Vaayirasiin kunis yeroo hedduu kan inni daddarbu karaa walqunnamtii saalaatiini. Sababootni daddarbii vaayirasii kanaaf sababa ta’an uumamuu kansarii kanaaf sababa ta’u.
Wantootni kaansarii kanaaf nama saaxilan:
- Walqunnamtii saalaa namoota hedduu waliin gochuun
- Ijoollee baay’ee godhachuun
- Dhibee walqunnamtii saalaan daddarban
- Tamboo aarsuun ykn sigaaraa xuuxuun
- Dadhabuu humna dhibee ofirraa ittisuu qaama namaa Fkn: HIV/AIDS, dawaa garaagaraafi kaansarii irraan kan ka’e.
Mallattoolee kansarii Balbala Gadameessaa
- Dhiiguu gadameessaa (yeroo laguun ala)
- Dhangala’aan foolii hamaa kara gadameessaa ba’uu,
- Wayita walqunnamtii saalaa dhukkubbiifi dhiiguu gadameessaa.
Kaansariin kun heddumminaan kan inni mul’atu umurii 50 booda yoo ta’eyyuu, haaldureen kaansarii kanaa kan mul’atu isaa gaditti. Kaansariin kun gara kutaa qaamota biroo kan akka gadameessaa, ujummoo fincaanii, sombaafi kkftti karaa ujummoolee dhiigaafi xannachaa faca’uudhaan dhibee hammaataafi hanga sadarkaa du’aatti geessisuu danda’a.
Dhibeen kaansarii kun akka dhibee kaansarii biroo osoo hintaane guutummaa guutuutti ittisuun kan danda’amuudha.
Dhibee kaansarii balbala gadameessaa kana ofirraa dhorkuuf ykn yeroon beekuuf wantootni nama gargaaran;
- Wantoota armaan olitti xuqaman kanneen dhibee kanaaf nama saaxilan irraa of eeggachuu
- Dhibee kanaaf sababa kan ta’e talaallii farra vaayirasii ‘human paappiloommaa’ jedhamu kana fudhachuu.
- Dubartootni umuriin isaanii waggaa 21-65 ta’an ogeessa fayyaa ykn ispeeshaalistii gadameessaa bira deemuun qorannoo balbala gadameessaa gochuun gaariidha. Sababnisaas utuu gara kaansariitti hinjijjiiramiin yeroo dheeraa waan turuuf. Yoo yeroon barame utuu gara kaansariitti hinguddatiin yaalamanii fayyuun ni danda’ama waan ta’eef.
“Haati kamillee sababa dhibee kanaan du’uu hinqabdu”
Fayyaa hindhabinaa!
Doktar Naafyaad Geetuu
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 13 Bara 2014