“Artistoonni kennaa qaban ummata biraan akka ga’aniif deeggarsi abbootii qabeenyaa cimuu qaba” – Artistota Oromoo keessaa

Amaamooteen addaattee

Hadaa birraa, guba arfaasaa fakkaattee X2

Singaggeessaan mancaatee

Haa reebamtuu gandaa galtuu fakkaattee.

Amaamoonni shaashii lixxe, shaashii lixxe

Obbookoo Isaa Waaqiin qixxee

Intaloo lafti siin cittee.

Baala sokokkee X2

Eessa soddee naafa gotottee

Cabi akka sooyyama xobbee.

Kun walaloo sirba cidhaa Oromiyaa lixaatti sirbamu keessaa kan fudhatame yoo yoo ta’u, dhiheenya kana artiistonni Oromoo torba sirboota cidhaa godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti beekaman albamiidhaan qabatanii as ba’aniiru. Albamiin sirboota cidhaa, guyyaa dhalootaafi guyyaa eebbaa 11 qabate kun qopheessummaa Maltiimiidiyaa Bashaatuu Tolamaariyaamiin kan gaggeeffame yoo ta’u, baasiisaa guutuummoo abbaa qabeenyaa Oromoo Injinar Addisuu Moosisaatu danda’e.

Artiistota albamicharratti hirmaatan keessaa sirba seensarratti fayyadamne kan sirbite Artisti Tiyyaa Maammoo yaada Gaazexaa Bariisaaf kenniteen akka jettetti, yaadni hojichaa kan eegale waggaa sadii dura yoo ta’u, ishees hojicharratti akka hirmaattu kan affeere Gaazexeessituu Bashaatuufi Qindeessaa Muuziqaa, Taammiraat Dirribaati.

Yommuu yaadichi dhihaatuuf baay’ee gammaduushee eertee keessumaa aadaa cidhaa Oromiyaa lixaa, ummata biratti jaalatamu sirbuusheetiin akka carraa qabeettiitti akka of yaaddu dubbatti. Sababnisaas isheen dhuunfaadhaan naannawicha waan beektuuf hojichi akka itti hinulfaanne taasisuu kaasti. Shaakallisaas loqodarraa kaasee akka sirba ummataa isa sirrii fakkaatuuf itti dhimmamtee shaakaluushee dubbatti.

Turtii waggoota sadii keessattis artistota kaan waliin miira gaariidhaan waliin hojjechaa turuusaanii eertee, keessumaa yeroo kana nama hamma kana ta’anii gareedhaan mitiiti nama lamaanuu hojjechuun yeroo ulfaataa ta’eetti waliigalteefi walhubachuun hojjechuusaanii dubbatti. Keessumaa miira ilaafi ilaameetiin walgorsaa waan hojjetaniif hojii bareedaan hojjetamuu ibsiti.

“Gaafa ani sirbuu Eelsaan sagaleedhaan na jalaa qabaa, gaafa Eelsaan sirba Oromiyaa Kibbaa sirbitummoo ani jalaa qabaa sirbine. Sababnisaa ummanni Oromoo aadaafi duudhaa iddoo olaanaa itti kennu waan qabuuf sirriitti xiyyeeffannaadhaan irratti yaada walii kennaa hojjenne” jetti.

Yeroo waliin hojjetanittis keessumaa Qindeessaa Taammiraat sababa isaan dhaga’uufi dhaggeeffatuuf hojiicha keessatti nuffiifi rakkoon akka hinuumamne isaan gargaaruu eertee, hunduu akka obbolaatti walitti siqee miira abbummaadhaan hojjechaa turuu yaadatti.

Akka Artisti Tiyyaan jettuutti, sirbi cidhaa kana dura qeenxeedhaan malee bifa albamiitiin bakka tokkotti qindaa’ee irratti hinhojjetamne. Albamiin kanaan garuu caalaatti aadaarratti xiyyeeffachuun, muraasa ammayyeessuuniifi kan godinoota garagaraa bakka tokkotti walitti qabuun hojjetameera. Hojiin hojjetame baay’een isaa bifa ammayyaatiin haa dhihaatu malee sirbuma ummata keessatti yeroo cidhaa beekamuudha. Haala kanaan artistonni albamicharratti hirmaatan hamma tokko ifaajanii hojjechuun qaawwa aartii Oromoo karaa sirba cidhaa, guyyaa dhalootaafi guyyaa eebbaa jiru dhiphisuuf yaalameera.

Hojii aartii qofa qofaa hojjechuurra bifa kanaan walitti dhufanii hojjechuun bu’aa guddaa akka qabu kaastee, aartiin Oromoo akka hinguddanne akkasumas, harkifatu kan taasiseyyuu qofaa deemuu akka ta’e ibsiti. Akkuma beekamu artistiin daran kennaa addaa qaba qarshii hinqabu; kanaaf nama isa gargaaru barbaada kan jettu arstistiin kun, keessumaa yeroo ammaammoo wantoonni baay’een ulfaatoo waan ta’aniif bifa kanaan qindaa’anii hojjetanii gaarii ta’uu dubbatti.

“Abbootiin qabeenyaa Oromoo akkuma Injinar Addisuun taasisan dameelee garagaraatiin aartii Oromoo guddisuuf kan gaheesaanii ba’achuu qabu. Kanaanis aadaa ofii beeksisaa, isaanillee seenaa keessatti yaadatamoo ittiin ta’uu danda’u. Kanaafis hunduu tumsa taasisuu qaba” jetti.

Artistota albamicha keessatti hirmaatan biroo keessaa tokko kan ta’e Artisti Abarraa Indaalaa akka jedhutti, yaadni hojicharratti hirmaachuu karaa hiriyyaasaa kan dhihaateef ta’uu ibsee, keessumaa dhimmichi qaawwa Oromoon qabu keessaa tokko waan ta’eef yaadni akkanaa dhufuunsaayyuu akka isa gammachiise ibsa.

Yeroo baay’ee sirboota qeenxee artiistota garagaraatiin sirbaman malee bifa alabamiitiin qophaa’ee ummataaf kan dhihaate akka hinjirre eeree, kana malees sirboota gaafa eebbaafi guyyaa dhalootaallee baay’inaan waan hinjirreef namoonni sagantaa akkanaarratti kan rakkatan ta’uu hima. Haala kanaan bakka hanqinni jiru hubatanii hojjechuun baratamuu akka qabus ni kaasa.

Artiistonni rakkoo dinagdee waan qabaniif kennaa keessasaanii jiru baasanii ummata biraan ga’uuf kan rakkatan ta’uu himee, Bashaatuun abbootii qabeenyaa kanneen akka Injinar Addisuu Moosisaafaa waliin hojii akka kanaa akka hojjetan isaan taasisuunsaanii waan dinqisifatamuufi galateeffamuu akka qaban dubbata.

Keessumaa sagantaan gaafa eebba albamichaa ture daran kan nama gammachisuufi waan haaraa ta’u kan dubbatu Aartiisti Abarraan, misirroonni gamtaadhaan waltajjii tokkorratti cidhasaanii raawwachuufi muuziqaan sagantaawwan gammachuu garagaraa Afaan Oromootiin bakka tokkotti bifa albamiitiin qophaa’anii hawaasa bira qaqqabuun waan haaraa ta’uu ibsa. Haalonni kunneen ammoo saganticha adda waan godhaniif jajjabeeffamuu akka qaban dubbata.

Qindeessaa albamichaa, Taammiraat Dirribaa gamasaatiin, albamichi wayita jalqabamu dura sirba guyyaa dhalootaafi guyyaa eebbaa hojjechuu akka ture ibsee, boodarra garuu yaadni maaliif sirboota cidhaa itti daballee albama hingoonu jedhu waan dhufeef Dhaabbata Maltiimiidiyaa Bashaatuu Tolamaariyaam waliin ta’uun hojjechuu dubbata.

“Sirbi cidhaa waan addaa qabaata. Foolii cidhaa akka qabaatuuf sirboota kaanirra xiyyeeffannaa addaa barbaada. Kanaaf yaadasaarraa kaasee walaloofi yadaloo qopheessuuf akkasumas weellistoota filachuuf waggaa tokko caalaa nutti fudhateera. Hojii maastariingii Abagaaz, miiksiingiisaammoo Abrahaam Kidaaneetu hojjete.

Qopheessituun Albamichaafi Maanaajarri Maltiimiidiyaa Bashaatuu Tolamaariyaam gamasheetiin yaada nuu kenniteen, albamicha qopheessuuf waggoota sadii kan fudhate yoo ta’u, yaadnisaas kan madde Abbaan Qabeenyaa Injinar Addisuu sagantaa ofiif qopheeffatuun sirboota cidhaa qindaa’an dhabuusaatiin “maaliif hinhojjettan?” yaada jedhu isheef kaasusaatiin ta’uu dubbatti. Isheenis sababa hanqina maallaqaatiin malee hojjechuun salphaa ta’uu ibsinaaniif, baasii ofii akka danda’an waadaa seenaniifi hojiitti seenuu ibsiti.

Albamicharratti weellistoonni haaraafi kanneen duraa torba hirmaachuu kaastee, qindeessummaa (arrangement)dhaan, Taammiraat Dirribaa, miiksiingiidhaan Abrahaam Kidaanee akkasumas, maastariingiidhaan mootii muuziqaa jedhamee kan beekamu Abagaaz Kibrawarqi hirmaachuu dubbatti.

Albamichis moggaasa “hiriyyoolee” jedhamu kan argate sirbootuma albamicha keessatti hammataman keessaa ta’uu kan himtu Bashaatuun, sirboota cidhaa kanneen keessaa lamaaf viidiyoo kiliippiinillee hojjetamuu ibsiti.

Guyyaa eebba albamichaas misiroowwan cimdii 12 baasiin miidhaginaa (make up), nyaata, keekiifi bakka bultii dandaa’ameefi bu’uura amantiisaaniitiin abbootiin amantii waamamanii eebbifamanii sirna gaa’elaasaanii raawwatachuufi maatiifi firoottansaanillee argamanii keessummeeffamuu dubbatti.

“Maltimiidiyaan keenya sirboota kanneen hojjechuuf yeroo hammanaa kan itti fudhate hojii qulqullina qabuufi hunda hammataa ta’e ummata biraan ga’uufi. Oromiyaa keessa hojjechuuf yaadnaan wantoonni irratti hinhojjetamne baay’eetu jiru. Garuu danqaa kan ta’e hanqina maallaqaati. Abbootiin qabeenyaa keenya akkuma Injinar Addisuu hojii aartii yoo jajjabeessan wantoota ajaa’ibsiisoo baay’ee hojjechuun ni danda’ama” jetti.

Namoota hojicharratti hirmaatan mara galateeffachuunis Oromoon hundi siidii albama kanaa suuqiiwwan gurgurtaa muuziqaa garagaraarraa orijinaalasaa bituunii dhaggeeffachuun akka isaan jajjabeessu waamicha dhiheessiteetti. Dabalataanis Yuutuubii Homii Entertainment irraa argachuu akka danda’amu himteetti.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 13 Bara 2014

Recommended For You