Oggaan ijoo dubbii kana barreessuuf yaadu mammaaksa bubbule tokkotu sammuutti na dhufe. Namicha tokkotu ture; namni kun yeroo hunda oggaa midhaan dha’ee oogdii (oobdii) irraa galchuuf yaadu wasiilasaa ollaasaa jiraatan bira deemee qalqalloo re’ee kadhata.
Wasiillisaa kun gocha nama kanaatti daran aaru turan; namni dhuka re’oota meeqaa dhudha’eefi lafeesaanii caccabsee kun yaaduu dhabuudha malee akkamiin qalqalloo tokkollee manaa dhaba jedhanii ofuma keessatti gumguman; miira taajjabbiitiin.
Utuma isaan haalicha ajaa’ibsiifachaa jiranii namichi akkuma barsiifate qalqalloo kadhachuuf gara wasiilasaatti fiigee; “Abbeeroo! Waanin midhaan ittiin galchun dhabee qalqalloo lamaan tokko naa kennimee” jedheen.
Deebiin abbeerichaa garuu ajaa’ibsiisaa ture. “Yaa ilma koo korbeeyyiin balbalarra dhaabatan sitti mul’atuu jedhaniin. Namichis waan qalqalloon naannawa sana jira fudhu jedhaniin se’ee ariifachuun “eeyyee” jedheen.
Wasiilichis, jedhi, tumaamessa sitti tole filadhuu fudhuu deemi jennaaniin na’ee “Qalqalloon jedhe malee re’ee hinjenne mee” jedhee deebiseef. Isaanis deebisanii, “Ilaa ilma koo kana booda waanuma kee qabaachuu qabda malee lammata harka koo ilaaluu hinqabdu. Kanaaf, re’ittiirraa qalqalloo baasii ittifayyadami” jedhanii gaggeessan.
Faranjoonnis akkana jedhu, “Yoo hiriyaa keetiif dhibantaa dhugaa taate qurxummii kiyyeessitee kennuufiirra waan ittiin kiyyeeffatu kenniif, achumaanis haala ittikiyyeeffamu itti agarsiisi jedhu. Biyya keenyatti akkuma wasiilichaa namichi tattaaffiidhumasaatiin akka of danda’u gochuurra qalqalloo ergisuutu aadeffame.
Oggaa ilmi yunivarsiitiidhaa eebbifamu akka inni waan barateen hojjetuuf maallaqa qabnuun utubuurra ulfina keenyaaf jecha sangaa qallee nyaachisuufi nyaachuutu nutti mul’ata.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ergaa tibbana aadaa hojiitiin walqabsiisanii dabarsaniin, “Biyya keenyatti carraawwan bal’aan omishtummaa dabaluu dandeessisan baay’een jiru. Itoophiyaatti adeemsi nyaataafi shaqaxoota bu’uraatiin of danda’uuf jalqabame waarinaan akka milkaa’uuf omishtummaan aadaa ta’uu qaba” jedhan.
Dhugaadha. Biyyi irrishii midhaan, keessishii bishaan akkasumas qabeenyawwan uumamaa biroo kanneen akka qilleensa gaarii, lafa bal’aafi qaljii waan ittikennan dachaa danuudhaan baay’iftee kennitu tun sababa aadaan hojii keenya jijjiiramuu dhabuutiin dhaloonni dhufaa darbaan jireenya gadadoofi harkaa gara afaanii gaggeessuuf dirqamaa waan jiruuf bakkuma kamittuu barsiifata hojii keenyaa hundeerraa haa jijjiirru; sa’aatii 24/guyyoota torba of kenninee haa hojjennu. Boru akka mootiitti nyaachuuf har’a akka garbaatti haa hojjennu.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 13 Bara 2014