‘Fichee Cambalaalla’ ayyaana aadaafi duudhaalee hedduu of keessaa qabu

Sabni Sidaamaa lakkoofsa guyyaa, ji’aafi waggaa ofiisaa qaba. ‘Cambalaalla’n guyyaa bara haaraa sabichaa yoo ta’u, ‘Fichee’n ammoo sirna kabaja jala bultii ayyaanichaati. Ayyaanni Cambalaalla baranaa Caamsaa 22 bara 2013 magaalaa Hawaasaa bakka ‘Gudumaale’ jedhamutti sirna ho’aan kabajameera. Sirni kabaja ayyaanichaa guyyaa sanarraa eegalee hanga guyyoota 15f sagantaalee gara garaatiin bakkeewwan gara garaatti kan kabajamu yoo ta’u, Wiixata darbe ammoo Magaalaa Finfinnee, Paarkii Michummaatti ayyaaneffameera.

Jala bultiin ayyaanichaa Yuunivarsiitii Hawaasaafi Galma Aadaa Sidaamaa Magaalaa Hawaasaatti argamutti sagantaalee gara garaatiin kan kabajame yoo ta’u, saganticharratti waraqaaleen qorannoo aadaafi duudhaa ayyaanichaa ibsan hayyoota Yuunivarsiitii Hawaasaatiin dhiyaatanii irratti marii bal’aan adeemsifameera. Hirmaattonni marichaa nyaata aadaa Saba Sidaamaa beekamaafi jaallatamaa ‘Buurisaame’ jedhamu waliin qooddataniiru. Guyyaa ayyaana bara haaraa ykn ‘Cambalaalla’ ammoo sirbi aadaa sabichaa beekamaa ‘Qeexaala’ jedhamuufi daran qalbii namaa hawwatu hirmaattota ayyaanichaan sirbameera. Guyyuma sana sirni ‘Hulluqaa’s adeemsifameera.

Hulluuqaan wanta bifa golboo qabuufi leemmanaafi baala jiidhaarraa hojjetamee dhaabbatu yoo ta’u, guyyaa ayyaanichaa namniifi loowwan ‘Hulluuqaa’ keessa akka darban taasifama. Kunis bara moofaa keessaa bara haaraatti darbuu agarsiisa.

‘Buurisaame’n nyaata aadaa beekamaa saba Sidaamaa yoo ta’u, keessumaa ayyaana bara haaraa ykn ‘Cambalaalla’ ilaachisuun kan qophaa’uufi keessummaa kabajaatiif dhiyaatuudha. Nyaanni aadaa kun warqee ykn qoccoo daakameefi dhadhaa baqafameen sukkuumamerraa kan qophaa’u yoo ta’u, aannan ititaa waliin nyaatama. ‘Buurisame’n nyaata aadaa baay’ee kabajamuufi jaallatamu kan sabni Sidaamaa keessummaa kabajaatiif dhiyeessuudha.

Araarri, jaalalli, tokkummaafi kabjni duudhaalee gurguddoo ayyaanicha keessa jiraniidha. Aadaafi dudhaaleen ayyaana ‘Fichee Cambalaalla’ keessa jiran ayyaanichi hambaa kiliyaa ta’ee bara 2008 ‘UNESCO’tti akka galmaa’u taasiseera. Ayyaanichi hambaa kiliyaa ta’ee ‘UNESCO’tti erga galmaa’ee as ayyaana saba Sidaamaa ta’uurra darbee kan ummata addunyaa ta’eera. Ayyaana hambaa addunyaa ta’e kana sirriitti qorachuun, barsiisuun, guddisuufi caalaatti beeksisuun akkasumas aadaafi dudhaalee ayyaanicha keessa jiran eeguufi kunuunsuun gahee hunda keenyaa ta’uu qaba.

Guyyaan ayyaana ‘Cambalaalla’ ayyaantuuwwan sabichaatiin murtaa’a. Ayyaanni waggaa saba Sidaamaa kun waggaa keessatti guyyaa beekamaa tokko hinqabu. Ayyaanni Cambalaalla waggaa waggaan kabajamu garaa garummaa guyyoota sadii hanga shanii qaba. Guyyaa ayyaana bara haaraa ykn Cambalaalla qorannoo ayyaantuuwwaniitiin ji’i tokko yeroo hafu labsama. Ayyaantuuwwan haala teessuma ji’aafi urjii ilaaluudhaan guyyaa ayyaanichaa murteessu.

Jala bultii ayyaanichaatti, jaarsoliin saba Sidaamaa ayyaanichaan dura nama wal-lole walitti araarsuudhaan hundumtuu nagaafi jaalalaan ayyaanicharratti akka hirmaatu taasisu. Duudhaan kun ayyaanichi mallattoo araaraa, nagaafi jaalalaa ta’uusaa mirkaneessa. ‘Cambalaalla’n guyyaa gammachuu waan ta’eef kan gaddu guyyaa sana uffata gaddaa hinuffatu, namni qarshii liqeesses maallaqasaa hingaafatu. Guyyaa ayyaanichaa mukti hinmuramu, laftis hinqotamu, foon hinyaatamu. Guyyaa ayyaanichaa loowwan marga lalisaa qophaa’eef dheedanii akka quufan taasifama. Namni sababa kamiinuu qe’ee isaatii fagaate ayyaana Fiichee Camballaallaf gara qe’eesaatti deebi’a. Ayyaannichi kan namaa qofa osoo hintaane kan uumama maraati jedhama.

Ayyaanni ‘Cambalaalla’ aadaa uffannaa, sirbaa, nyaataafi meeshaalee aadaa sabichaa ibsuu, beeksisuufi guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Ayyaanni mallattoo tokkummaa, nagaa, araaraa, obbolummaafi waliin jireenyaa ta’e kana caalaatti qorachuufi barsiisuun gahee qorattootaa yoo ta’u, ayyaanichi duudhaasaa eeggatee dhaloota ittaanutti akka darbu taasisuun ammoo gahee maanguddoota Sidaamaarraa eegamuudha.

Ayyaanni ‘Cambalaalla’ erga Sidaamaan naannoo 10ffaa Itoophiyaa ta’ee hundaa’ee yeroo jalqabaatiif kabajuunsaafi ayyaanichi waggoota lamaan darbaniif sababa dhibee ‘Koviid-19’n manatti kabajamaa ture barana addabaabayiitti kabajamuun ayyaana ‘Fichee Cambalaalla’ baranaa adda taasisa. Gareen jila sabootaafi sablammoota biyyattii ayyaana ‘Cambalaalla’ baranaarratti hirmaataniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 6 Bara 2014

Recommended For You